Search This Blog

Senin, 13 Maret 2023

Waraana Baahmut irratti Raashiyaafi Yukireen badii cimaaf saaxilamuun gabaafame - BBC

Looltuu Yukreen

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES

Raashiyaa fi Yukireen waraana adda waraanaa Baahmuut irratti badii olaanaaf saaxilamuun gabaafame.

Mooskoon lola baatiiwwaniif gaggeessiteen magaalaa baha Yukireen to'achuuf yaalaa turte.

Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin, guyyoota muraasa darban keessatti qofaa loltoonni Raashiyaa 1,100 yoo ajjeefaman hedduun madaa'aniiru jedhan.

Raashiyaan gama isheetiin sa'aatii 24 darban keessatti qofaa miseensota waraana Yukireen 220 ol ajjeesuu himte.

Haa ta'u malee, BBC'n madda walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Xinxaltoonni akka jedhaniitti, Baahmuti bakka murteessituudha.

Ajajoota Raashiyaa injifannoo galmeessuudhaaf wal'aansoo qabaniif jiddugala taatetti jedhu.

Magaalattii to'achuu jedhuun Raashiyaa galma ishee bulchiinsa Doneesk guutummaatti to'achuuf qabu hanga tokkoo kan itti dhiyeessu ta'a.

Bulchiinsi Doneesk bulchiinsota bahaafi kibba Yukireen keessatti argaman afur kan Raashiyaan baatii Fulbaanaa keessaa ofitti makte keessaa tokkodha.

Sababii kanaan balaaleeffannaan Raashiyaa irra gahuun ni yaadatama.

''Bitootessaa 6 irraa eegalee torban tokkoo gadi keessatti, kutaa Baahmuti keessatti qofa loltoota diinaa 1,100 ol ajjeesuu dandeenyeerra.

''Kunis badii Raashiyaa keessaa bahuu hin dandeenye kan dhiheenya as Baahmuutti raawwatameedha,'' jedhan Pirezidant Zeleniskiin.

Itti dabaluunis loltooti Raashiyaa 1,500 miidhaa cimaaf saaxilamuun tarkaanfii biraa keessaa akka bahan ta'aniiru jedhan.

Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa ammoo humnootiin Raashiyaa ''miseensota tajaajila Yukireen 220 ol'' ajjeesaniiru jedhan.

Gareen loltoota Waagnar Baahmut keessatti waraanaatti argamu.

Hogganaan isaanii, Yevigeni Pirigozhin, Baahmutiin to'achuudhaan maqaa isaanii fi maqaa loltoota dhuunfaa isaanii cimsachuu fedhu.

Haata'u malee, guyyaa Dilbataa haalli magaalattii keessaa ''cimaadha, baayyee cimaadha, diinoonni meetira hunda [to'achuuf] lolaa jiru'' jedhanii turan.

''Ammuma jidduu magaalattiitti siqaa adeemnu waraanichis cimaa adeemaa jira'' jedhanii turan waraabbii sagalee toora Telegraamii irratti maxxanfameen.

Erga Magaalaa Baahmuti to'achuudhaaf dhaadachuu eegalanii asi, ''booddeetti deebi'uun of cimsuu eegalla'' achiinis ''bulchiinsicha keessaa namoota haaraa filachuu eegalla'' jedhan.

Haata'u malee guyyaa Sambataa dhaabbanni Ameerikaatti bu'ureeffate kan waraana qoratu tokko haleellaan Mooskoon gaggeessaa jirtu dhaabbateera jedhee ture.

''Gareen loltoota Waagnar irra deddeebiin naannolee baadiyyaa keessatti danqamaniiru...kanaafuu gara fulduraatti deemuudhaaf itti cimeera'' jedhe.

Waraana osoo hin eegaliin dura Baahumt keessa ummata kuma 70 ta'utu jiraachaa ture.

Amma garuu muraasa qofaatu achitti hafe. Magaalattiinis oomisha soogiddaa fi albuuda jibsamiifi wayinii omishuun beekamti turte.

Akkuma Raashiyaa Yukireenis magaalaa tanaaf xiyyeeffannaa siyaasaa kenniteefi jirti.

Zeleniskiin wayita Muddee keessa Waashingitan dowwatee tureetti, alaabaa Baahmunt Kongrasii Ameerikaatiif kennanii turan.

Biyyoonni lixaa hanga ammaatti naannawa Baahmutiifi keessoo isheetti loltoonni Raashiyaa 20,000 hanga 30,000 ta'an ajjeefamuu ykn madaa'u tilmaamu.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub