Search This Blog

Jumat, 21 April 2023

Ayyaana Iidaaf jecha waraanni Sudaan akka dhaabatuuf biyoonni alaa dhiibbaa gochaa jiru - BBC

Aara dhukaasaa Kaartum haguuge

Madda suuraa, AFP

Ayyaana sooma hiikaa (Eid al-Fitr) guyyaa har'aa kabajamu kana sababeeffachuun guyyaa sadiif waraanni akka dhaabatuuf UN, USfi biyyoonni biroo qaamolee wal waraanan irratti dhiibbaa gochaa jiru.

Waraanni Sudaan hanga ammaa lubbuu lammiilee nagaa 300 caalu galaafatee jira.

Lammiilee Sudaan qoda osoo hin taane dippilomaatonniifi lammiilen biyyoota biroo Sudaan keessa jiran sababa waraana kanaan manatti danqamuu qofa osoo hin taane haleellafis saaxilamaa jiru.

Humni Addaa Sudaan (RSF) deeggarsi namoomaa akka dhaqqabuuf guyyaa sadiif waraana dhaabuf fedhii akka qabu ibseera. Gama Waraana Sudaan irraa hanga ammaa waanti jedhame hin jiru.

Walii galteen waraana dhaabuu guyyaa sadii kun kan milkaa'u taanan har'a ganama sa'aatii 12:00 irraa kaasee kan hojiirra oolu ta'a.

Kanaan dura yaalin waraana dhaabuu si'a lamaaf gaggeeffame hin milkaa'in hafe.

Ajajaan Waraana Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhan Humna Addaa wajjin carraan mariyachuu hin jiru jedhanii turan.

Guyyaa sadiif waraanni akka dhaabatuuf yaanni kana dhiyaate barreessan olaanan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez lammiilen nagaan danqamanii jiran ulaa ittiin bahan akka argatan erga qaamolee wal-waraananitti wawwaatanii booda.

Walii galteen waraana dhaabuu Iidaa kun itti fufiinsa waraana dhaabuf akka ka'uumsatti akka tajaajilu kaasun, "Ammatti waraana dhaabun baay'ee murteessadha" jedhan Gutereez.

Namoonni 10,000 hanga 20,000 ta'an, sababa waraana kanaan gara Chaaditti akka baqatan UN ibse.

Namoota kanneen keessaa hedduun isaanii daa'immaniifi dubartoota.

Antoonii Biliinkanis qaamoleen wal-waraanan lamaan walii galtee dhukaasa dhaabuu kana akka kabajaniifi hanga gaafa Dilbataatti "adaraa akka walitti hin dhukaafne" jedhaniiru.

Waraana kanaan lammiilen nagaan, hawaasni dippilomaasii rakkoo hamaaf saaxilamuu akka danda'an yaaddoo US ta'uu ibsan Antoonii Bilinkan.

Waraanni Sudaan ibsa baasen biyyoota Turkii, Sudaan Kibbaa, Itoophiyaa, US, Saawudifi Kaatar irraa waraanni akka dhaabatuud waamichi isa qaaqabeera.

Namoota waraana baqataa jiran

Madda suuraa, Reuters

Qaamoleen wal-waraana: Waraanni Sudaanifi Humni Addaa Sudaan loltoota lakkoofsan guddaafi hidhannoon jabaa ta'e qabu.

Waraanni Sudaan loltoota idilee leenjii gahaa qaban hanga 120,000 ta'an qaba. Humni Addaa Sudaan ammoo loltoota hanga 150,000 ta'an qaba.

Humni Addaa baay'inaan kan Humn Waraanaa Sudaan kan caalu fakkaatus akka waraana biyyattii meeshaalee waraanaa gurguddaa kanneen akka xayyaarora waraanafi taankii fa'aa hin qabu.

Gama biraan ammoo Humni Addaa amma Waraana Sudaan wajjin wal-waraana kun sarbama mirga namoomafi yakka garaa garaa raawwataa ture jedhamuun himatama.

Qaamoleen wal-waraanan kunneen qaama mootummaa cehuumsaa turan. Bara 2021 tti Jeneraal al-Burhaan mootummaa sivilii aangorraa buusun aangoo qabate.

Waraanni Sudaan Humna Addaarraa sodaa waan qabuuf huma waraanaa biyyattiitti akka makamaniif falmiitu ture, yeroo itti Humni Addaa waraanatti makamurratti walii galteen hin taane.

Waraanni Sudaan humni addaa yeroo gabaabaa keessatti waraana biyyattii akka dabalamu fedha. Gaggeessan Humna Addaa Jeneraal Mohammad Hamdan Dagalo ammoo yeroo dheeraa barbaada.

Waraanni Sudaanis ta'ee Humni Addaa sudaan diingdee biyyattii keessaa harka dheeraa qabu.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub