Search This Blog

Jumat, 05 Mei 2023

‘Aadaa Oromoo deebisee Oromoomaaf dhiheessuu qofa miti… sirboota saboonni biroo akka jaallatanitti qindaa’edha’ - BBC

Art. Adam Mohaammad

Weellisaa Adam Mohaammad armaan dura sirboota aadaa Gujii sirbuun beekamtii horate. Akkaataa uffannaafi rifeensa tolfannaa isaatiin ammoo aadaa ofii calaqisiisuun beekama.

Armaan dura sirbi ‘Lammii, lammii mee waliif birmadhaa’ jedhu yeroo Oromoonni miliyoonatti lakkaahaman naannoo Somaalee irraa buqqa’an sirbe sirboota aadaa Gujii irraa guutummaa Oromiyaatti beekamtii akka horatuuf isa gargaare.

Albama isaa tibbana eebbisiisuuf jiru ilaalchisuun gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen, kanaan dura sirboota qeenxeen alatti yeroo Bulee Horaa turetti albamasaa jalqabaa hojjetus hawaasa bira osoo hin ga'iin hafuu hima.

“Fedhii sirbaa kana ijoollummaarraan qaba. Lafan itti dhaladhe Bulee Horaatti kilaba muuziqaa mana barumsaatii hanga baandii magaalaatti hojjechaan ture. Yeroos gara caalu kiiboordiin rukuta. Booda sirba aadaa albama tokko hojjedheen ture. Sana keessaa CD muraasa qofatu maxxane. Namuma naannoo malee waan sun haawaasa bira naaf hin geenye ture,” jedha.

Yeroo dheeraa fudhachuun albama sirbaa haaraa ‘Oromiyaa’ jedhu tibbana eebbisiisuuf jiru kunis gulantaa aartii Oromoo fuulduratti akka butuuf dadhabbii gudaadhaan akka hojjates hima.

“Albama kiyya haaraa kana keessatti rukuttaawwan kutaalee Oromiyaa 12’n walitti fidee hojjedhe.

Kutaa Oromiyaa hundarraa aadaa fi duudhaa, akkasumas akkaataa sirbaa isaanii qoradheen ittiin sirbe," jedha.

Maqaa albama isaa kanas 'Oromiyaa' jedheera Artist Adam. Maaliif 'Oromiyaa' jette gaaffii jedhuufis akkas jedhe: "Moggaasa isaa Oromiyaa kanin jedheef kutaa Oromiyaa hunda waan hammatuufidha”.

Adam Mahaammad

Adam Mohaammad sirboota albama 'Oromiyaa' jedhu kana keessa jiran kanaan hordoftoota dura isa jaallataniifi dhaggeeffatan qofaaf miti.

Hojii haaraan miilana qabatee dhufe kun aadaa uummata Oromoo deebisee Oromoomaaf dhiheessuu qofa osoo hin taane kan saboonni biroos sirboota keenya akka jaalataniifi isaan hawwachuu akka danda’utti qindaa’edha jedha.

Albamni isaa haaraan kun sirboota 14 kan qabu akka ta’eefi CD irratti garuu sirboota 12’n akka bahus hima.

Qulqullinni aartii sirbaa baasiifi yeroo inni fudhatuun beekamuu danda’a kan jedhu Adam, hojii albama kanaatiif birrii Miliyoona tokkoo fi kuma 200 baasii gochuudhaan ogeessota muuziqaa beekamoo biyyattii keessa jiraniin akka qindaa’es dubbata.

Albamni haaraan weellisaa Adam Mohaammad kun Sanbata, Caamsaa 06, 2023, Finfinneetti eebbifama.

Yeroo dhihoo asitti sirboota haaraa bahan eebbisiisuun aadeeffamaa kan dhufe yoo ta’u, weellistoonni sirba qeenxee baasanis ni eebbisiisu.

Sagantaaleen eebbaa kunis madda galiifi sirna ittiin aartistoonni jajjabeeffaman tahaa dhufeera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub