Search This Blog

Jumat, 05 Mei 2023

Marii nagaa mootummaafi WBO marsaa kanaan maaltu milkaa'e? Maaltu ammoo hafe? - BBC

Marii WBO fi mootumma irratti kanneen hrimaatan

Madda suuraa, SM

Walitti bu'iinsa gidduusaanii jiru furuuf mootummaa Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) Ebla 23 irraa kaasanii torban tokkoo oliif mariin Taanzaaniyaa- Zaanzibaaritti gaggeeffama ture dhimmoota ijoo muraasarraa kan hafe wantota heddurratti wal-hubannon uumamuu gareen lamaanuu ibsaniiru.

Mariin nagaa akkaan eegamaa ture kun adda durummaan Norweeyfi Keeniyaan kan gaggeefamu yoo ta'u, Ameerikaa, Gamtaa Awurooppafi IGAD itti dhiyeenyaan hordofaa jiru.

Ibsa xumura marii nagaa marsaa jalqabaa kanaan mootummaafi WBOn baasanirraa hubachuun akka danda'amutti marichi bu'aa qabeessafi abdii kan namatti hore fakkaata.

Mootummaan, "Waldhabdicha haala waaraan karaa nagaan furuun akka danda'amuuf qaamoleen lamaaniyyuu maricha itti fufuun barbaachisaa ta'uurratti waliigalteerra gahameera" jedhe.

WBO gama isaan dhimmoota jajjaboo tahan irratti mootummaa waliin waliigalteerra gahamullee, marsaa kanaan dhimmoota siyaasaa ijoo ta'an irratti waliigaltee irra gahuun akka hin danda'amne hime.

Lamaan isaanii gidduu wal hubannaan jiraachuu ibsanis dhimmoota kaan irratti wal tahuun kam irratti ammoo wal dhaban kan jedhu bal’inaan hin ibsamne.

Kun maraammartoo waraanaa keessaa bahuuf kan gargaaru tahuu himuun, kanaaf ammoo wal amantaan akka jiraatu paartileen Oromiyaa keessaa socho'an mootummaa waloo hundeessuun filannoo bilisaa fi haqa-qabeessa tahetti deemuu qabu yaada jedhu kaasun dhagahame.

Mootummaan ammoo, hidhattoonni WBO meeshaa isaanii hiikkachuun gara qabsoo nagaatti akka makaman gaafachaa turuun ni yaadatama.

Ofii marii kanarraa milkaa'ina maaltu argame? Maaltu hafa? Ittaanee maaltu ta'a?

Hayyuun Seera idil-addunyaa Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtooman (UN)tti dhimmoota nagaa buusuurratti waggoota 30 oliif hojjataniiru.

Dhimma marii nagaa mootummaafi WBO ilaalchisee BBC waliin turtii addaa taasisan akka ittaanuttu dhiyeessina:

BBC: Marii nagaa Taanzaaniyaatti mootummaafi WBO gidduutti gaggeeffamerratti qaamoleen lamaan qabxiilee tokko tokkorratti akka walii hin galleefi itti fufanii mariyachuun akka barbaachisu walii galuu himan. Ibsi isaanis wal-fakkaata. Kun maal agarsiisa? Gara fuulduraatti maaltu eegama?

Obbo Baayyisaa Waakwayyaa: Muuxannoo dippiloomaasii keessatti yeroo akkasitti torban tokko ykn guyyaa shan teessee akkasitti kan wajjin haasoftu, haala gaaritu jira jechuudha. Kuni mallattoo haala gaariti. Osoo haalli gaariin hin jiraanne ta'ee jalqabuma sa'aatii 24 keessatti ykn yoo baay'ate sa'aatii 48 keessatti gargar deemu. Akkas torban tokko turuunsaanii waan irratti haasa'an baay'etu ture jechuudha. Haasa'aaniiru jechuudha.

Akkuma isaan jedhan waan isaan irratti walii hin galletu ture; kuni ammoo waan haaraa miti. Waan poozitiivii ta'uu kan agarsiisu, jarri si'a bahanii jedhan waan dubbatamuun irra jiruufi jedhamuun irra jiru mariyatanii bahan.

Kanammoo kan agarsiisu ibsi isaan sabatti baasan walumarraa koppii kan ta'e fakkaata. Kun jechuun haala gaaritu ture, walii galtee qabu, walii galu jedheen fudha ani muuxannoon qaburraa ka'een yoon laale.

BBC: Ibsi isaanii baay'ee gabaabadha. wantonni hin ibsamne baay'etu jira. Kana jechuun wantota kanarratti hamma hin mariyannetti uummatatti hin ibsan jechuudhaa?

Obbo Baayyisaa: Eeyyee, ibsuun irra hin jiru. Marii akkasii yoo sabatti gadi baaftee dubbatte, yaadi sabarraa dhufu tokko tokko diigaa ta'a. Waanta ittiin mormu tokkotu jalqaba, warra marii kana keessatti qooda fudhaturratti dhiibbaa tokko tokkotu dhufa. Akka seeraatti, akka naaf galutti ammas taanan jarri kun waan irratti walii galan, waan irratti wal-dhaban gadi baasanii sabatti ibsuu hin qaban. Yoo waanti irratti wal-dhaban sun guutummaatti waldhabanii gargar bahan ta'ee, haasofnee, haasofnee achi geenyee kanarratti walii dhabne jedhanii ibsuu danda'u.

Kanaa achi kuni waan gaariitu jira. Waan dhume miti, ammaaf yaada tokko tokkorratti walii hin galle jechuun deebi'anii walii galuudhaaf jiru. Beellama hin muranne malee ni dhufu. Waan tokko tokkorratti walii hin galle jechuun deebi'anii walii galuuf jiru jechuudha. Kanaaf, yaadi ammayyuu wal-bira jira akka muuxannoo kootti.

Garuu sabatti baasuu hin qaban. Dhaqxee haala gadhee dubbachuun sirra hin jiru. Araaratu deemaa jira, lola miti. Yaada poozitiividha kan ati dubbachuu qabdu. Walii galaa deemnee, iddoo tokkottimmoo wal-dhabne, deebineemmoo wal-argina, mariyannee deebina jetta. Kuni waanuma jiruudha, waan haaraa miti. Garuu kan isaan of-eeggachuu qaban, kan irratti walii galan, kan irratti wal dhaban sabatti ibsuu hin qaban. Waan walitti deebi'aniif [gara fuulduraatti] amma dubbachuun irra hin jirun jedha.

BBC: Osoo waanti gaarin jiraachuu baatee silaa kana kanarratti wal-dhabne jedhanii waan bal'aa himu jechuudhaa?

Obbo Baayyisaa: Eeyyee kaa! Osoo wal-dhabanii gargar bahu ta'ee gadi bahanii dubbatu wal-komannaadhaan. Akkas akkas jennee dhufnee gareen sun ammoo akkana jedhe jedhu. Gareen sun ammoo isa sana komata. Komeedhan wal-balaaleffachuun bahu turan silaa. Amma garuu, baay'ee gaariidha haalli itti isaan gargar bahan kun. Namni ofumaa warri kaan akka hin taanetti hiikkachuu danda'u, walii galuu dadhabuu jedhu. Walii galuu hin dadhabne jarri kun.

'Nama nagaa manni murtii bilisa baasee hiitee ani innin qawwee qabadhe akkamittan si amana?'

Yaada walii galan irratti walii galanii, isa walii hin gallerratti ammoo akka walii hin galle walii galanii gargar bahan walitti deebi'uudhaaf. Kanaaf, haalli gadheen hin jiru jechuu kooti.

BBC: Muuxannoo qabdan irraa mariin akkanaa gulantaa akkamiin gaggeeffama? Marsaa kanarraa maaltu eegama? Ittaansee maaltu ta'a?

Obbo Baayyisaa: Yeroo araaraaf dhaqxu jalqaba kan ati jettu inni jalqabaa, osoo bakkeedhaa wal-waraanaa jirruu teessee nagaan hin haasofnu, wal hin lollu jettee haasofta. Amma as jirrutti loltuun keenyas, loltuun keessanis haa boqotan bakkuma jiranitti jettaan. Eessaa madda kun yaadisaa? Amma warri mariirra jiran kun Zaanzibaarin yommuu jirani iddoo tokko taa'u, iddoo tokkoo nyaatu. Nagaatu jira lafa isaan jiran. Warrii hayyuun, dura taa'aansaanii iddoo gaarii taa'anii nyaataa dhugaa haasa'u. Loltuunsaanis boqochuutu irra jira. Loojikiinsaa kana, isaanis ni boqotu.

Inni lammataa, otuma araara ijoo keessa hin lixin waanti dafee dhumu jira; mootummaanis kan jara gaafachuun irra jiru, WBOnis kan mootummaa gaafachuu qaban wantoonni sasalphaa ta'an jiru. Fakkeenyaf, namni torba ABO keessaa aangawoota olaanoo ta'an manni murtii bilisa isaan baasee waggaa sadiif ugguramanii jiru. Hidhaa miti, mana keessa kaa'atamanii jiru. Namuma aangoo qabu tokkotu achi keessa isaan kaa'e jara kana.

Karaa seeraa waanti tokko irra hin jiru jara kana, maqaansaanii tarree warra hidhamanii keessas hin jiru. Garuu waggaa sadi caalaa ugguramanii jiru. Warri bakka bu'oota WBO kana kaasu jedheen yaadee ture, tarii kaasaniiru ta'a. Anaan waa'een jara kanaa gaaffii ijoo [marii kanarratti ka'uu qabu] ta'ee natti argama. Hin kaafne jechuu hin danda'u, kaasanii harkaa fudhachuu dhiisuufaa danda'u.

Hidhamtoonni siyaasaa warri kaan dhimmisaanii adeemsa seeraa kan jiru jira. Isaan hiikuf, himanni isaanii adda cituu qaba. Inni adeemsa biraadha. Kana warra torbanii, qondaaltota ABO kun garuu kana keessa hin jiru.

Waan akkasii kana osoo gara qabxii guddaatti hin lixin dura kaafta.

BBC: Wantonni kun wal-amanteedhaf gargaaruu?

Obbo Baayyisaa: Eeyyee, wal-amantee uumufi. Nama nagaa manni murtii bilisa baase erga qabdee hiitee, ani innin qawwee qabadhe akkamittan si amanee taa'ee si wajjin mariyadha jedhee gaafata. Osuma waan biraatti hin lixin dura kana kaasutu irra ture. Yoona kaasaniiru jedheen yaada ani. Jarri garuu ammayyuu mana hidhaa jiru. Carraa kana keessa garuu baay'een abdadhee ture [akka mana hidhaatii bahan], garuu hin taane.

Haasaa kana akka garaa gaaridhaan isaan wajjin gochuuf deemtu itti agarsiisudhaaf ani dura hiiku jedheen yaadee ture. Garuu wal-amananii darbaniiru, isaan warra mariiyatetu beeka.

Ani akka kootti dhukaasa dhaabuutti aanee osoo gara marii ijootti hin seenin jara kana baasaa wal-amannaa kan jedhu ta'uutu irra ture jedheen yaada.

BBC: Waraana dhaabuu ilaalchisee gama lachuunuu waan hojiitti hiikan hin fakkaataa?

Obbo Baayyisaa: Yoo wal-dhabdee deemta ta'e, wal-dhabbii uummatatti beeksisanii kaasee bakka osoo mariin hin eegalin turan wal-waraanutti deebi'u jechuudha. Amma waan isaan irratti walii galan hin beeknu. Yookan amma gaafa walitti deebinuutti wal-hin rukunnu jedhanii walii galuu danda'u. Kuni ni danda'ama. Akka naa galetti yommuun ibsa isaanii ilaalu, waan akkas [walitti hin dhukaasnu] jedhan natti fakkaata. Qabxiilee tokko tokkorratti walii galan malee wal-dhabanii miti kan gargar bahan. Lolatti waan deebi'an natti hin fakkaatu, yoo lolli jiraate ammoo waan kan biraatu jira jechuudha.

Mootummaa cehuumsaa Oromiyaatti

BBC: Dhimmoota jajjaboo WBOn marii kana irratti dhiyeessee keessaa tokko mootummaa waloo ykn ce’umsaa Oromiyaatti hundeessuu akka tahe BBC’n odeeffateera. Kana akkamitti ilaaltu isin?

Obbo Baayyisaa: Kuni xinnooshee cimaadha. Filannoon ati kaaftes in ta'a. Wanta dubbatamaa turerraatii yoo kaafne, hiree ofii ofiin murteeffachuun jira, waa'een Finfinnee jira, waa'een afaan Oromoo afaan federaalaa gochuu jira, wantota baay'etu jira.

Osoon bakka bu'aa mootummaa ta'ee deebiin isaa beekamaadha. Mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu heera mootummaa keeyyata 39 irra jira waan ta'eef akkaataa heeratti hojiirra oolfattu jedhee cufuu danda'a. Tiyoorinsaa salphaadha. Kan keenya ammoo [Waraanni Bilisummaa Oromoo] kan isaan gaafatan jedhee yaadu, gaafachuus ammoo qabu- [waa'ee mootummaa cehuumsaa Oromiyaati]. Mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti kan cehuumsaa jedha malee kan federaalaa gaafachuu humna hin qabu WBOn.

Mootummaan federaalaa Oromoo qofa osoo hin taane sabaafi sab-lammoota 80 ol bakka bu'a. Kanaaf saba warra kaan nutu bakka bu'aa ati bu'i jechuunii hin dandeenyu mootummaa [federaalaa] kanaan. Filannoon darbe Oromiyaa keessatti hirmaachisaafi haqa qabeessa hin turre. Paartileen mormituu kanneen akka KFOfi ABO keessa hin turre. [Filannoo hirmaachisaan] irra deebin haa gaggeeffamu jedhanii yoo gaafatan nan dinqu. Gaafachuutiyyuu irra jira. Hojiirra oolunsaa waan kan biraadha.

Mootummaa cehuumsaa Oromiyaa keessatti gaafachuunsaanii sirrii natti fakkaata- yoo gaafatan ta'e. Kana jechuun mootummaan tole jedhee fudhata jechuu miti. Garuummoo teessee marii'ataa jirta waan ta'eef waliin mariyatta. Filannoo waggaa lamaatu hafaa koottaa filannoo keessatti hirmaadhaa, animmoo wabii nan kennaa jechuu danda'a mootummaan. Karaa WBOs warri mariitti dhiyaatan gaaffii kana kaasun saanii [yoo kaasan ta'e] sirriidhuma. Waan dogoggoraa homaa hin qabu, ta'uus qaba. Warri mootummaas haa ta'u egaa jedheetuma waan fudhatu miti, deebii mataa isaanii qabu. Kuni mariidha, kennanii fudhachuu gaafata.

Waa'ee hiree ofii ofiin murteeffachuu, waa'een Afaan Oromoo afaan federaalaa gochuu, waa'een Finfinnee heera mootummaa keessa jiraa heera kana ka'uumsa godhadhaa koottaa hirmaadhaa jechuu danda'a mootummaan. Maal-walii kennanii maal fudhatanii hin beeknu, garuu kana gaafatu jedheen yaada.

'Rakkina Oromoo Itoophiyaa keessa jiru rakkina namni itti fideedha, Waaqatu itti fide miti'

BBC: Qabsoo Oromoo keessatti yeroo dhiyoo as mootummaan bakka qaamni sadaffaan argametti hidhattoota wajjin mariyachuun kun waan guddaadha kan jedhan jiru. Isin maal jettu? Kun maal agarsiisa?

Obbo Baayyisaa: Akka dippiloomaatii tokkootti yoon sii deebise, akkasitti haasa'uun haala gaaridha. Rakkina dhalli namaa uume namumatu mariidhaan fixa. Rakkina Waaqayyo namatti fide qofaadha kan namni furuu hin dandeenye. Rakkina Oromoo Itoophiyaa keessa jiru rakkina namni itti fideedha, Waaqatu itti fide miti. Kanaaf,namumatu haasa'ee fixuu qaba.

Akka kootti mariin amma jalqabame kun karaa baay'ee qaroomedha. Tigraayitti namni hammisun dhumee booda haasadhumaan dhume. Jaruma warra rakkina kana uumetu rakkina kana xumure. Ammas jarri kun [mootummaafi WBO] wal bira taa'anii haasa'uunsaanii waan baay'ee sirriidha.

Akka kan Tigraay sana dafee dhumuu dhiisuu danda'a. Akka carraa ta'ee hawaasni idil- addunyaa, keessumaa mootummaan Ameerikaa kanaaf [marii mootummaaf WBO] waan iddoo guddaa kenneef natti hin fakkaatu. Osoo isaan marii kana hojiirra oolchuu keessatti qaama mirkaneessu ta'anii iddoo guddaa qaba. Marii kana deeggaraniiru, garuu akka warra Awurooppaa miti. Ta'us akkas wal bira taa'anii yeroo dheeraa fudhatanii haasa'uunsaanii waan guddaadha.

Seenadhuma keenya keessattuu yeroo dheeraa fudhatanii, biyyi addaa addaa keessumaa Gamtaan Awurooppaa irratti hirmaatanii akkas taa'anii haasa'uu isaanii hin yaadadhu ani. Kuni jalqabbii gaaridha; haasaan kun ammoo waan gaarii fida jedheen yaada. Akka kootti rakkina dhala namaa fixuu kan danda'u haasaadha. Walumaa galatti inni isaan wal bira gahanii haasa'an kun seenaa guddaa qabaaachutu irra jira, waan guddaadha. Isarratti jabeessanii gara caalaatti cehus jedheen yaada.

Adblock test (Why?)

2 komentar:

  1. IGram is a software designed to empower users to download a spread of Instagram content, along with videos, reels, photographs, and more.

    BalasHapus
  2. Instander is a modified version of the Instagram app, developed by independent developers who aim to provide users with additional features beyond what the official app offers.

    BalasHapus

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub