Search This Blog

Minggu, 14 Mei 2023

Dubartiin 'bara dhumaaf qophaa'uu'f ijoolleeshee ajjeeste hidhaa umrii guutuun adabamuufi - BBC

Loorii Vaaloo fi ilmashee

Madda suuraa, TAYLEE RYAN INSTAGRAM

Ameerikaa bulchiinsa Idaahootti amantee namoota 'bara dhumaaf qopheessuu' jedhuun dubartiin ijoollee ishee lamaafi hadhaa warraa, abbaa manaashee duraanii ajjeeefte balleessaa dha jedhamte.

Loorii Vaaloo fi abbaan warraashee Chaad Deebeel ajjeechaa, amantee sobaa fi kaanin himatamaniiru.

Dubartiin ogeettiin miidhaginaa ganna 49 hidhaa umrii guutuun adabamuuf jirti.

Reeffi daa'imman lameen Jooshuwaa Vaaloo, kan ganna torbaa, Taayilee Rayaan, kan ganna 16, 2020tti mana Obbo Deebeelitti awwaalamee argame.

Abbootiin alangaa yeroo dhaddachi taa'aa turetti ragaa baatota 60 dhiyeeessan, isaanis ijoolleen haala suukaneessaa taheen akkatti ajjeefaman dhugaa bahan.

Abukaatoon Vaaloo ragaa baatota hin dhiyeessine isheenis balleessaa miti jechuun jecha ittisaa hin dhiyeeffanne

Dhimmi himannaa Obbo Chaad Deebeel xumuramuuf ammallee ji'i muraasni hafa.

Obbo Deebeel barreessaa yoo tahu amantii Mormoon jedhamu bu'uura godhachuun bara dhumaarra addunyaan kuni akkatti baddu kitaabota baayyee barreesseera.

Jarri lameen sosochii 'guyyaa dhumaaf qophaa'uu' jedhamu irratti hirmaannaan qabaniin wal-arguu danda'an.

Abukaatoon Aadde Vaaloo, haadha ijoolleehsee jaalattu amantee sobaan gowwomfamteeti, ajjeechaa kana waliin hidhata qabaachuu isheef ragaan hin jiru jedhe.

Abbaan alangee garuu, gochaa ajjeechaa ijoollee kanaaf sababa taheen dura dhimmoota nama jeeqan raawwachuuf abbaa warraashee argatte jedhan. ''Qarshii, aangoo fi saal-quunnamtii fayyadamuun waan barbaadde argattii,'' jedhan Abbaa alangee Lindisee Bileek, dhaddacha Feermoontitti taa'ameen.

Bara 2006tti Aadde Vaaloon daldalaa Chaarlas Vaaloo jedhamutti heerumte, lamman isaanii daa'imashee gaa'ela duraaniirraa argatte guddisaa turan, bara 2014 Vaaloon mucaa, mucaa obboleettii abbaa warrashee Chaarlas, Jooshuwaa guddifachaan fudhatte.

Tahus 2017tti yeroo kitaaba Chaad Deebeel dubbisuu jalqabde kallattiin jirenyashee geeddaramaa dhufe jedhu maatiifi hiriyyoonnishee. Kitaabni asoosamaa nama kanaa waa'ee badiinsa bara dhumaa kan haasa'u yoo tahu amantii warra Mormoon jedhaman irratti kan bu'uureeffate dha.

Aadde Vaaloofi barreessaan kitaabota isheen dubbistuu Obbo Deebeel wal-arganii sagantaa poodkaastii bara 2018tti hojjechuu jalqaban. Jarrii kuni lameen namoota gaa'ela qaban tahanillee ilaalchi isaanii fiixeetti bahuu eegale jedhan abbaan alangee.

Bara 2019 Chaarlas Vaaloon( abbaa warra Loorii Vaaloo duraanii) haati warraasaa ''sammuunshee sirrii akka hin taaneefi akka 'waaqaatti akka of ilaaltu' akkasumas guyyaa dhumaaf qophaa'aa akka jirtu poolisiitti hime. Isa ajjeesuuf akka isa doorsistes hime.

Boodarras haadha warraasaa kana hiike, isheenis lafa Obbo Deebeel jirutti siquun jiraachaa erga turteen booda haadha warraasaa ajjeessuun, barreessaa kana wajjiin wal-fuudhuun wajjin jiraachuu eegalan.

Namoonni lameen ergasii namoota hafuura ''ifaa'' fi ''dukkanaa'' jedhaniitu ilaalu warreen hafuura hamaatiin fudhataman jedhan ammoo ''Zoombii'' jedhuunii.

Lubbuu nama tokko dukkanarraa bilisa baasuun kan danda'amu ajjeessuuni jedhanii amanu ture.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...