
Madda suuraa, Getty Images
Filannoon pireezidantummaa Tarkii Dilbata kaleessaa sagaleen itti sassaabame gara filannoo irra deebii ce'uun isaa waan hin oolle ta'eera.
Pireezidantiin biyyattii waggoota 20 Tayiip Erdohaan fi morkataan isaanii filannichaan irra aanaa jiraachuu dubbatu. Garuu ammoo sagaleen lakkaawwamee hin dhumne.
Erdohaan baalkonii waajira dhaaba isaanii dura dhaabatanii waggaa dabalataa shaniif hayyama uummaataa argachuu dubbatan.
Morkataan Erdohaan Kemal Kilicdaroglu filannoo kanaan irra aanuuf carraan bal'ateefii kan ture ta'us ammallee Erdohaaniin durfamaa jiru.
Sagaleen dhibbeentaa 99 ol lakkawwamee kan jiru yoo ta'u, haala amma jiruun Erdohaan sagalee dhibbeentaa 49.4'n dursaa jiru, morkataan isaanii ammoo dhibbeentaa 45 argataniiru.
Dabalataan tokkummaa paartiilee Erdohaan keessaa qooda kan qabu caalmaa teessoo paarlaamaa argateera. Kun ammoo filannoo irra deebii itti deemuun hin oolu jedhamu irratti Erdohaan akka injifatan gumaacha qaba jedhameera.
Filannoo jalqabaa kanaan kaadhimamaan tokko sagalee dhibbeentaa 50 hin arganne yoo ta'e filannichi akka irra deebi'amu seerri biyyattii ni ajaja.
Kanaaf haala amma jiruun ammoo sagaleen muraasni bu'aan isaa hin ibsamne, Erdohaaniin dhibbentaa 50 akka argatan hedduu hin gargaaru jedhamee amanama.
Dhaabbileen siyaasaa mormituu Tarkii bulchiinsa Erdohaan waggoota 20'tti xumura gochuuf waan qaban hunda waliti fidanii ijibbaataaf hojjechaa bahan.
Filannoon kun biyyoota Lixaatiin eeggannoon hordofamaa jira. Sababni isaa ammoo Kilicdaroglu yoo injifatan dimookrasii Tarkii dadammaqsuufi NATO waliin hariiroo biyyattii cimsuuf waadaa galuu isaaniiti. Erdohaan kan bulchiinsi isaanii amantaa Musliimaa irratti bu'uureffame warri Lixaa aangoorraa isaan buusuuf shiruu himatu.
Kilicdaroglu waajira dhaaba isaanii olaanaa Ankaaraa jiru irraa yaada kennaniin ''biyyi keenya filannoo marsaa lammataa yoo jette, marsaa lammataan sirriitti injifanna'' jedhan.
Itti dabaluunis dhaabni biyya bulchu buufataalee jajjaboo dhaaba isaaniitti ''fedha uummataa danquuf'' qormaata hedduu uumuu komatan.
Filannoo pireezidantummaa kana irratti kaadhimamtootni afur kan dorgomaa jiran ta'us sagaleen harki hedduun kaadhimamtoota lamaan kanaaf kennaman.
Lammiilee biyyattii filachuuf galmaahan keessaas dhibbeentaan 87.2 sagalee kannuuf baheera.
Tidak ada komentar:
Posting Komentar