Search This Blog

Rabu, 24 Mei 2023

Haleellaa daangaa Raashiyaa keessatti raawwate keessaa harka hin qabu jette US - bbc.com

Konkolaattota waraanaa

Madda suuraa, EPA

Torbee kana keessa hidhattoonni daangaa Raashiyaa seenun miidhaa qaqqabsiisan keessaa harka akka hin qabne US beeksifte.

Gaafa Wiixataa, Caamsaa 22, daangaa Yukireenitti dhiyoo kan argamtu Beelgorood keessatti haleellaan hidhattootan qaqqabee ture.

Raashiyaan gama isheetin tarkaanfiin fudheen hojiisaanii fashalseera jette.

Raashiyaan akka jettutti hidhattoonni kun Yukireen irraa ergama fudhatanii gara daangaashee seenan.

Raashiyaan bara darbe erga Yukireen weerarteen as daangaa ishee loltoonni seenanii haleellaa gaggeessun kun isa jalqabaati.

Boodarra Raashiyaan suurawwan konkolaataa waraanaa barbadaa'anii kan biyyoota lixaafi US fa'aati jette agarsiifte.

US gama isheetin haleellaa daangaa Raashiyaa keessatti gaggeeffamu akka hin qindeessine ykn hin deeggarre beeksifte.

Odu himaan manaa dhimma alaa Ameerikaa oduuwwan miidiyaa hawaasaa irratti meeshaaleen waraanaa Amerikaan Yukireenif dhiyeessite daangaa Raashiyaa haleeluu irratti dhimma itti bahamuu qoodamaa turuu arguun "dhugummaa isaa shakkiii akka qaban" himan.

"Waraana kana akka barbaaddetti gaggeessun gahee Yukireeni," jedhe Maatiwu Miilar.

Hidhattonni kun daangaa seenanii haleellaa erga gaggeessanii booda, daangaa Raashiyaa kan taate Beelgorood keessa kan jiraatan naannicha gadhiisanii akka bahan godamaniiru.

Raashiyaan kanneen haleellaa gaggeessan keessaa 70 kan ta'an ajjeesuu beeksifte, loltoonni kunis Yukireen irraa daangaa qaxxaamuruun akka dhufanis himte.

Yukireen gamasheen haleellaa kana kessaa akka harka hin qabne beeksifte. Gareewwan waraana Raashiyaa lama kan Vilaadmir Puutin wajjin walii hin galle haleellaa kana duuba akka jiran ibsan.

Haleellaa kana booda Raashiynaa garee farra shororkeessummaa hundeessun naannoo haleellichi itti gaggeeffametti eegumsiifi sakattaan cimaan akka gaggeeffamu ajaja dabarsite.

Gareewwan haleellaa gaggeessan kun Yukireen irraa osoo hin taane achuma Raashiyaa keessatti akka gurmaa'anii kaayyonsaanii Puutin irratti qabsaa'uu akka ta'e ergaa karaa viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti gadi lakkisaniin dabarsan.

Rashiyaan garee kana barbadeessera jettus gareen kun garuu "lafa xiqqoo taatus biyya abbaa keenyaa dhuunfanne qabna" jechuun ammayyuu iddoo to'atanii jiran akka qaban ibsan.

Bulchaan Belgorood akka jedhetti gareen kun diroonii fa'aa fayyadamuun haleellaa gaggeessaa turan. Kanarraa ka'uun namni nagaan tokko yoo du'u namoonni heddu madaa'an.

Konkolaattota waraanaa

Madda suuraa, EPA

Haleellaa Belgorood irratti raawwate ilaalchisee ministeerri ittisaa Raashiyaa, "gareen finxaalessaa Yukireen" daangaa Raashiyaa seenun haleellaa gaggeesse jechuun ibsuun loltoonni kun hari'amanii gara Yukireenitti deebi'uu ibse.

Angawoonni Yukireen ammoo gareen haleellaa kana Raashiyaarratti raawwatan lammiiledhuma Raashiyaa Liberty of Russia Legion jedhamuun beekamaniidha.

Gareewwan lamaan kun daangaa Raashiyaafi Yukireen gidduutti iddoo waraanarraa bilisa ta'e yolchuun Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti akka hin gaggeessine goona jechuun ergaa kaaraa miidiyaa hawaasaa dabarsaniin ibsan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub