Search This Blog

Sabtu, 06 Mei 2023

Imala gaarreen qaxxaamuruu tibbana jiraattoota magaalaan ‘faashinii’ ta’aa dhufe - BBC

Namoota gaara fi tulluu bahan

Madda suuraa, Addis Hiking

Biiniiyaam Shariif dur bashannanuuf Dilbata Dilbata tulluu Inxooxxoo fi Yakkaa qofaasaa baha ture.

Erga tulluu dhiibee baheen booda gammachuun akka itti dhagaahamu dubbata. Kanaafuu gammachu inni argatu kana akka qooddatan yaaduun hiriyootasaa waliin deemuuf affeeruu eegale.

Achiis jaha ta’anii Kiiloo jahatti wal arguun Inxoxxoo gubbaa bahanii karaa Suluultaatiin bu’an.

Giyyaa sana irraa kaasees hiriyyoonni Biiniyaam ‘‘maaliif torban torbaniin namoota haaraa qabannee hin dhufne? jedhanii yaada dhiyeessan.

Guyyaa sanaa kaasees imalli tulluu bahu (hiking) haaraan eegale. Kunis kan ta’e wagga 10 har’aati.

Namoonni 30 tulluu gubbaatti wal jalaa bade

Biiniyaam boromtaa isaa ‘namni ana waliin gaara bahu barbaadu yoo jiraate naaf haa bilbilu’ jechuun facebook isaa irratti barreesse.

Achiinis namoonni 30 dhufuun waliin Inxoxxoo gubbaa bahan. Jarris gammachuun isaanii daangaa waan dhabeef kan Biiniyaam jedhuun dhagahu didan.

Namoonni gaaricha bahan gammadanii waan turaniif kaan fiigaa, kaan ammo kallattii barbaadaniitti imaluun adda faca’an.

‘‘Imalli sun anaaf cimaa ture, namoota qindeessuun dadhabe’’ jedha Biiniyaam guyyicha yoo yaadatu.

Akkasis ta’e gaara bahusaa ittuma fufe torbaniin. Lakkoofsi namoota gaara bahaniis dabalaa dhufe. Gaarreen garaa garaa irra bahuun hojii idliee torbanii ta’eef. Hanga Gaara Baaleettis imaluu eegalan.

Haata’u malee dhimmichi yeroo dheeraaf Biiniyaamiif bifa bizinasii hin qabanneef. ‘‘Namoonni waliin gaaricha baanu maallaqa kan walitti buufnu nyaata bilcheeffachuufi baasiiwwan walootiif malee bizinasa hojjachuuf hin turre,’’ jedha.

Waliin nyaata bilcheesina, waliin dunkaana diriirsina, walin gaara baana jedha.

Dhimmichi waggoota baayyeef maaliif akka hin geedaramne yoo dubbatu, ‘‘anuu hin beeku, ani hojii mataakoo gaariin qaba. Hayyama baafachuuf natti hin tollee…’’ jedha.

Gaara bahuun ‘faashiiniimoo bizinasiidha?

Quannaa Namoota gaarren irra imalan

Madda suuraa, Addis Hiking

Biiniyaamiin booda ammo dargaggoonni biraa hedduun damee kanatti makaman. Torbaniin waltajjiiwwan imalaa hidhata miidiyaa hawaasa (itinerary) kaa’uun tikeettii ittin garaa bahamu gurguuru.

Ammattis jiraattonni magaalaa duraan Dubaayi fa’itti bashannanaaf imalan amma gaara bahu (hiking) na geessitan malee jechuu eegalu dubbata.

Amma ''faashiniin'' haaraan gaara bahanii bu’uu ta’eera.

Dubaayiitti gamoowwan dheeroo malee gaarreen dhedheeroon hin jiran. Maddeen bashananaa namaan tolfaman malee kan umamaas miti.

Kanaafuu imalli gaarreen irra bahu namoota baayyeen jaalatamaa dhufe.

Torbaniittis namoonni dhibbaan lakkaa’aman bakkeewwan garaagaraatti imalan.

Biiniyaam muxannoo wagga 10n akka taajjabetti, jiraattonni magaalaa hedduun waa’ee baadiyyaa hin beeku. Baadiyyaan hafee jiraattoonni magaalaa gaarreen dhiheenyasaanii dowwatan hin jiran.

Jiraattoonni magaalaa walitti dhufanii waliin buna dhuguu malee gaara gubbaa bahu akka bashananaatti hin ilaalan.

‘‘Sirumaa tibban ani eegale sanatti namoonni baayyeen 'hiking' yoo jennuun, ‘maaliif faranjiidha ofiin jettanii?’ jechuun nutti kolfaa turan'' jedha Biiniiyaam.

Namoota baayyeedhaaf gaara yaabbachuun gochaa faranjootaa akka ta’etti ilaalu. Kaan ammo yaaduma fayyaafi bashannaanaaf jecha gaara irra bahu sittiitti hin hubatan jedha.

Gaara irra bahuun imala afuuraa qofaaf beekama ture. ‘‘Namoonni tokko tokkoos fiixee gara gubbaa maaltu jira? Naan jedhan’’ jedhan Biiniyaam.

Qabeenya Finfinnee jiraattoota isheef hin ifne

Ummanni Magaala Finfinnee yoo ilaalamu baayyina isaa irraa kan ka’e, waan ummanni naannoo biraa keessa jiraatu hin fakkaatu.

Garuu ammoo qilleensa qulqulluu baafachuuf fageenya dheeraa deemuu akka hin qabaannee kan beekan baayyee miti. Akka carraa ta’ee Finfinneen magaala garreeniin marfamteedha.

Gaarren ol ka’iinsa meetira kuma sadii ola qaban shaniin marfamte jirti. Inxooxxoo, Yeerar, Moglee, Furii, kkfn jiru. Bosonni Subbaa mataansaa fagoo miti. Km 40 qofarratti argama.

Kun hundi jiraatus ammoo ummanni Finfinnee aaraan ukkaamfamee bahee gala. Garuu imalichi Biiniyaam fa’iif faashiniis bizinasiis ta’aa dhufaa jira.

Namoonni garaa gubbaatti maaliif wal jaalatu?

Karaa Dhaabbata Addis Haayikiing’n qofaa yoo xinnaate waggaatti namoonni 500 gaara gubbaa bahu. Namoonni hedduunis maatii ta’u. Kaan ammoo jaalaluma achitiin itti fufuun wal fuudhu.

Kanneen gaa’ila dhaabbatanii ijoollee godhatan jiru. Biiniyaam ‘‘maaliif akka ta’e hin beeku namni imala irratti wal jaalatu’’ jedha.

‘‘Imalarratti namoonni miira gaariitu itti dhagahama sababii isaa beeku baadhus. Miira sanatu wal isaan jaalachiisan se’a’’ jedha.

Fakkeenyaaf, yeroo tokko gurbaan imala tokkorratti dhufe. Isheen dubartii ammoo imala biraarratti dhufte. Lamaanu imala sadaffaa irratti wal arganii wal baruun imala arfaffaa irratti wal fuudhan.

‘‘Yeroo ta’e ergaa naaf ergan. Wal fuuneerra galatoomii naan jedhan,‘‘ jechuun namoonni imalarratti akka wal jaalatan dubbata.

Gaaffii natti ‘heerumtaa' gararratti

Biiniyaam imalarratti gaaffiileen natti heerumtaa jedhu hedduudha jedha. Ankobar yeroo deemnu gurbaan tokkoo ganamaan ka’un ‘gaaffii dhiyeessuu yaadeen ture, maaloo na gargaaraa‘ naan jedhe.

''Nutis maal gochuu akka qabu mijeessineef eegneen. Akka tasaa ta‘e waan gaariitu ta‘eef. Intallis tole jetteef.’’

“Intalli ofee akka kaaftuuf gaafadhu jenneen. Isheenis osoo hin argiin kaameera mijeeffatte. Achinis ofee akka akka ka’aniif gaafadhu jenneen. Qubeellichi kaameeraa keessatti akka mul’atuutti miira agarsiiftu kaasuuf yaalii jenneen. Inniis milkaa’eefira,’’ jedha.

Intalattiinis qubeelicha yoo agartu suuraa kaasuu dhaabdee isatti garagaltee dhungatte.

Mudannoo ajaa’ibsiisoo Biiniyaam muraasa

Namoota gaarreenirra imalan

Madda suuraa, Addis Hiking

Biiniyaam imala gaara irra bahuu waggoota 10 darbaniitiin waan hedduu taajjabeera. Isaan keessaa mudanoowwan lama nutti hime.

Imalaan dura yeroo baayyee namoonni kuphee attamii kaawwachu akka qaban, waan qabataniifi kaan itti hima.

Kopheen haayikiingii qaalii waan ta’eef, namoota kanaaf dandeettii maallaqaa hin qabne miirasaanii eeguuf jechas, kophee isinii mijatu kaawwadhaa koottaa jedha. ‘‘Mucaan tokkoos kophee gogaa kan uffata suufii kaawwate dhufu akka hin dagannee’’ hima.

Taateen gara biraa ammoo dhimma ‘‘mucaa araqee dhugee dhaabbachu dadhabee’’ tokko akka ta’e hima.

Biiniyaamiif bakka imalaa gaariin Ankobarrii fi Guwaasaadha. Achiittis guyyaa lamaaf bulama.

Bakka Guwaasaa jedhamu turistootatti beeksiisuuf namni Biiniyaam Adimaasu jedhamu gahee olaanaa bahu dubbata.

Namni kun garuu ibidda Gaarreen Baaleetti qabate dhaamsuurratti balaa ibiddaatiin du’e.

Du’asaa hordofees badhaasonniifi beekkamtiiwwan hedduun biyya keessaa fi imbaasiiwwan biyyoota biraatiin kennameefiira.

‘‘Yeroon Gawaasaa deemetti hunda maqaankoo Biiniyaam yoo jedhu qonnaan bultoonni osoo hin hafne waa’ee Biiniyaam Adimaasu dubbatu, waa’ee gaarummaasaa kaasu’’ jedha.

Gara taatee isaatti haa deebinu.

Naannawa Ankobarritti qorraaf jedhamee araqee dhiyeessuun kan barameedha. Mana qonnaan bulaa tokkootti goran. Araqee dhiyaateefis dargaggeessi tokko fuudhee dhandhamate.

Kan nama dhibuu jireenyasaatti aannaniifi bishaan malee alkoolii dhugee hin beeku ture. Garuu malakkaa sadii dhuguun addunyaa tana tuffate.

‘‘Nu harkatti of wallaale. Baayyee naane, kan du’es nutti fakkaate‘‘ jedha Biiniyaam. Namoonni waliin imalaa turan hundu furmaata ni ta’a jedhame himan.

Kaan annaan afaansaatti yoo naqu, kan hafe ammo kibriitii qabsiisa. Walakkaan yoo waaqa kadhatan akka tasaa mucichi ka’ee dhaabbate.

Namoonni hundu gammachuun harka walitti rukutan. Hundu kadhannaadha, kaan aannanicha, kaan ammo lakkii kibriitiitu kaasee jechuu eegale jedha.

Haata’u malee daqiiqaa muraasaan booda mucichi ammas dee’iibee lafa dhahe. Naasuu olaanaan umamee hundatti. Kunis Ankobarrii gara Finfinneetti deebii’uuf osoo qophii irra jiranu ta’u kaasa.

Dhumarratti mucicha fardatti fe’anii baayyee waliin rakkaachuu hima. Mucichiis guyyaa keessa of bare. Sababii sanaanis sagantaan imala sanaa jeeqamuun halkan gara Finfinneetti akka deebi’an kaasa.

Kana malees, waggootaan booda, wanti ''baayyee na kofalchiisu'' jedhu akka mudate hima Biiniyaam.

‘‘Gaazexessaan tokkoo waa’ee haayikiingii ilaalchisee af-gaaffii na waliin taasisaa ture. Waa’ee mucaa kanaafi dhimma araqee sanan itti hime. Af-gaaffichi kaaffee keessatti ture. Yoo akka tasaa ol jedhu mucaan tokko gar xiggiitti maakiyaatoo dhugaa jira.

‘‘Anis ijakoon amanu dadhabe. Mucaan araqee dhugee nu harkatti du’uuf ture sanadha. Taateen akkasii ni mudata jedhee waanan hin yaadneefu hanga har’aattu na ajaa’iba’’ jedha.

Biyyi keenya nagaa osoo taatee

Biiniyaam taatee mucaa araqee sanaan alatti waggoota 10 darbaniif waan hamaan waan isaan hin qunnamneef Waaqa galateeffata.

‘‘Waan meeqatu jira. Balaan konkolaataa, butamuu fa’i jira, garuu omtu nu mudate hin beeku,’’ jedha.

Yeroo tokko qofa dubartiin tokko gaara bahaa osoo jidduu dadhabdee nu harkatti laafte beekti.

Ishee edaa deessee erga kaate ganaa baatii afur qofa turte. Nutti hin himne ture. Baqqaa baannee gaara baafne, jedha.

Biiniyaam hojiin haayikingii kun hojii yeroo guutuusaa akka hin taane dubbata. Bakka leenjii sochii qaamaa 'Xilaa Jiim' kan Baambiis- Finfinneetti argamu keessatti leenjiisaa sochii qaamaati.

Leenjiidhuma kanaan Kaanaadaa wayita deemetti gaarreen Baha Kaanaadaa bahuun dabarseera. Wayita biyyatti deebii’eettis hojii yeroo guutuusaa taasisuuf yaadee ture. Garuu haalli nageenyaa biyyatti sodaachuun dhiisuu kaasa.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub