Search This Blog

Sabtu, 06 Mei 2023

Lammii US yeroo afur duuti itti murtaa'ee raawwatamuu dura ta'iiwwaniin bararame - BBC

Richard Glossip

Madda suuraa, Getty Images

Lammiin US bulchiinsa Oklahoomaatti mana hidhaa jiru yeroo afraffaaf murteen du'aa irratti murtaa'e raawwatamuun dura haala hin baratamneen Manni Murtii Olaanaa bulchiinsichaa gidduu seenee baraare.

Manni Murtichaa raawwii adabbii du'aa himatamaa Richard Glossip murtee inni arfaffaan duuti itti murtaa'ee Caamsaa 18 akka raawwatamu eegamaa ture.

Haata'u malee namni seeraa tokko adeemsi seeraa himatamaa kanaa haqa qabeessa miti jechuu isaa hordofee manni murtii gidduu seene.

Bara 2015'tti ammoo kutaa duuti isaa itti raawwatu balbala gahee eegdootni summii lilmoo ittiin ajjeefamuu keessa jiru mirkaneeffachuuf jecha isa deebisanii lubbuun oole.

Manni Murtii ajaja haaraa dabarseen duutii isaa Caamsaa 18'tti qabame hanga dhimma isaa keessa deebi'ee ilaalutti akka raawwatamne ajaje.

Abbaan Alangaa Oklahoomaa Gentner Drummond dhimmi himatamaa ganna 60 kun irra deebiin akka ilaalamu keessumaa odeeffannoon abbaan alangaa argatee ture himatamaan akka ofirraa ittisu hiree kan kennuufi hin kennine ta'uu akka adda baasu ajajan.

Glossip bara 1997 hogganaan isaa Barry Van Treese hoteela isaa keessatti reebamee ajjeefamuu isaan shakkamee to'atame.

Waahilli himatamaa kanaa Justin Sneed ajjeechaa kana raawwachuun kan himatame yeroo ta'u, ajaja kan kenneef himatamaa amma du'a irraa oolaa jiru Glossip akka ta'e dubbate.

Glossip fi maatiin isaa garuu yakka kana keessaa harka hin qabuu jechuun waggoota 26 mana hidha ture keessatti falmaa turan.

Glossip jalqaba kan himatame bar 1998 achii bara 2001 himtni isaa adda cite. Achiis waggaa sadii booda ammas deebi'ee himatame.

Turtii mana hidhaa waggoota 26 keessatti yeroo sadii hirbaata isaa isa dhumaa sooratee yeroo sagalis guyyaan du'a isaa jijjiirameera.

Abbaan Alangaa amma himatamaa kana irra deebiin qoranna jedhan Drummond, bara 2004 yeroo irra deebiin himatamee ture abbaan alangaa namni isa himate fayyaa sammuu guutuu qabaachuu qorannoo agarsiisu ifa hin goone jedhaniiru.

Abbaan alangaa kun bakka ragaan sun ifa hin taanetti adabbii du'aa raawwachuun dogongora ''hin yaadamneedha'' jedhan.

Adabbiin du'aa inni Caamsaa 18 ture kan dheeratu hanga himanni haaraan eegalu ykn ammoo murteen darbe sirrii miti jedhamee haqamuttidha.

Richard Glossip

Madda suuraa, Getty Images

Dhimmi himatamaa adabbii du'aa afuriifi guyyaa adabbii du'aa sagalirraa bararame kanaa amma dubbii ijoo idila addunyaa ta'eera.

Poop Firaansiis, Kiim Kaardaashiyaan fi kaanis deeggarsa himatamaa kanaaf qaban ibsaniiru.

''Biyya kana keessatti namootni himannaa irraa bilisa bahan jiru, kanneen haqa malee hidhaatti darbaman, lubbuun isaanii akka darbu ta'e jira'' jechuun CNN kan dubbate himatamaan kun, Namootatti maaliif namni tokko yakka irraa bilisa akka ta'e amanuun itti cima? jechuunis gaafate.

Glossip waggaa darbe rogeettii dabbiin du'aa akka hafu falmitu tokko fuudheera. Yoo hidhaatii bilisaan bahe jireenya iaa hafetti waan gochuu qaburratti akka xiyyeefatu hime.

''Ani xayyaara koree hin beeku...kanaaf xiyyaara na korsiisuu barbaadu, achiis bakka wayii na geessu'' jedhe. Qaama galaanaa isa garba jedhamu argee hin beeku isas ilaaluuf adeemna jedhe.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub