Search This Blog

Senin, 01 Mei 2023

Leenjisaan Livarpuul fi murteessaan sarara gidduu maaf wal-gaarreffatan? - BBC

Yargan Kiloop fi abbootii murtii

Madda suuraa, EPA

Tapha Pirimerliigii Ingiliiz torbee 34ffaa Dilbata taphatameen Liivarpuul galchii daqiiqaa dhumaatti lakkoofsiseen Tootanihaam mo'achuun sadarkaa 5ffaa irraa fudhateera.

Taphichi diraaman kan guutame ture. Liivarpuul dirreesaarratti Tootanhaam keessummeessuun boqonnaa dura galchii sadii itti lakkoofsisee 3-0'n boqonnaaf bahan.

Tootinhaam boqonnaa booda bayyanatee galchii sadii lakkoofsisuun taphni baay'ee ho'ee ture.

Keessumaa taphataan lammii Biraazil Richarlison daqiiqawwan dhumaatti jijjiiramee galuun galchii Liivarpuul wajjin wal isaan qixxeessu galchee ture.

Haa ta'u malee sekondii 99 booda Diyaagoo Jootaa Liivarpuulif galchuun gammachuu Richarlison fashalsee taphichi 4-3'n xumuramuun Livarpuul mirgaan gale.

Taphichi erga dhumeen booda leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp waa'ee abbaa murtii taphichaa ilaalchisee "murteessaan Paul Tierney kilaba keenyarraa jibba wayii qaba" jechuun yaada kenne.

Galchiin Tootinhaam Liivarpuul wajjin wal-qixa isaan taasistee turte adabbii murteessaan Tootinhaamif kennerraa kan dhiitamte turte. Kuni ammoo leenjisaa Liivarpuul Yargan Kiloop hin gammachiifne ture.

Warri Ispars galchii 3ffaa akkuma lakkoofsisaniin Yargan Kiloop miira aarin guutamee adabbiin kennamuufii hin qabu jechuun komii dhiyeessee ture.

Diyaagoo Jootaa galchii 4ffaa Livapuulif akkuma galcheen Yargan Kiloop gara abbaa murtii 4ffaatti fiiguu jalqabe, garuu osoo bira hin gahin miidhamni miillasaarra gahuun osoo okkoluu mul'ate.

Yargan Kiloop erga gammachuusaa ibsateen booda abbaan murtii kaardii keelloo kenneef.

“Teernii [murteessaan sarara gidduu] waliin seenaa dheeraa qabna. Dhuguma waan inni nurraa qabu hin beeku. Inni rakkoo hin qabu jedhullee garuu natti hin fakkaatu," jedhe Yargan Kiloop.

"Yeroo kaardii keelloo naaf kennu waanti inni naan jedhe waan gaarii miti," jedheera.

Koreen abbootii murtii Piriimerligii - PGMOL komii Yargan Kiloop murteessaa Pool Teerniirratti dhiyeesse nan morma jedhe.

Taphataan duraanii Ingliiz Alan Shiirar BBCtti akkana jechuun dubbate: "Dhuguma dubbachuuf Pool Tiyeerniin Diyaagoo Jootaa dirree keessaa baasuu ni danda'a ture. Inni [Yargan Kiloop] garuu kana dubbachuurraa of qusate."

"Yargan Kiloop gara abbaa murtii 4ffaatti yeroo fiigu sana kaardii keelloo qofa argachuusaatin carra-qabeessa. Akkana jechuunsaa kan jalqabaa miti," jedha.

Yargan Kiloop miidhama isarra gaherratti maaltu akka isa mudate BBCtti yoo himu: "Miidhaa hamstring yookis kaan tahuu hin beeku, waan biraas tahuu danda'a. Garuu adabameera. Gammachuu koo ibsachuuf naanna'eera, sababnisaa murteessaan 4ffaan guutummaa taphaarratti dogoggorri hin jiru waan ta'eef,"

Haa ta'u garuu Yargan Kiloop miidhamus deeggartootasaa fuulduratti gammachuusaa ibsachuu hin dhiisne.

Diyaagoo Jootaa yeroo badii hojjati

Madda suuraa, PA Media

Walitti bu'iinsi leenjisaa Liivarpuulifi murteessaa Pool Tiyeernii gidduu jiru yeroo dheeraa kan ture fakkaata.

Bara 2020tti tapha Liivarpuul - Aston Viilaa waliin taasiserratti Joorjiyoo Wayinaldam irratti dalagame callisee irra darbe jechuun Yargan Kiloop abbaa murtii Pool komata.

Waggaa tokko booda ammoo tapha Liivarpuulfi Tootinhaam wal-qixa bahan irratti badii taphataan Tootinhaam Haari Keen taphataa Liivarpuul Andi Robartisan irratti raawwate kaardii diimaa hin kennin bira darbinaan, Yargan Kiloop gara murteessaa Pool Tiyeernidhaan, "Si'iin alatti abbaa murtii kam waliinuu rakkoo hin qabu" jechuun komate.

Tapha Dilbata Anfiilditti gaggeeffameen murteessaa Pool Tiyeernitti kan aare leenjisaa Liivarpuul qofaa miti. Leenjisaan Tootinhaam Riyaan Meesanis itti aarera.

Galchii Liivarpuul akka mo'atu taasise kan lakkoofsise Diyaagoo Jootaa daqiiqaa 81ffaarratti miilasaa kaasee Oliivar fuulasaa keessa erga dhiiten booda kaardii keelloo qofa argachuunsaa leenjisaa kana hin gammachiifne.

"Ibsan barbaada. Abbaa murtii dirree keessa jiru qofa osoo hin taane, VAR illee irra deebin akka ilaalamu maaf akka hin goone baruun barbaada," jechuun taaten sun kaardii diimaa kan kennisiisu ta'uu hima.

Haa ta'u garuu abbaan murtii kaardii keelloo qofa kennuun bira darbe, Diyaagoo Jootaa daqiiqaa dhumaatti galchuun Liivarpuulif oolmaa guddaa oolera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub