Search This Blog

Senin, 22 Mei 2023

‘Waraanni Sudaan hidhattoota buufata xiyyaaraa to’achuuf yaalan qolataa jiru’-Jiraattoota - bbc.com

Waraana Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Waraanni Sudaan Humna Dafee Qaqqabaa(RSF) buufata xiyyaaraa ijoo magaalaa guddoo Sudaan Kaartum cinatti argamu to’achuuf yaalan ofirraa qolataa jiraachuu jiraattoonni himan.

Buufata xiyyaaraa Waadii Se'idnaa waraana Sudaanitu Humna Dafee Qaqqabaa(RSF) haleeluuf itti fayyadama, akkasumas mootummoonni biyyoota biroo lammileesaanii biyyattii keessatti yeroo waraanni jalqabu karaa kana baafatan.

Dhukaasa dhaabuun haaraa torban tokkoof turu labsamullee, lolli itti fufuun dhaga'ameera.

Dhukaasa dhaabuun kanaan dura labsaman irra-deddeebiin otoo hin milkaa'in hafe.

Ameerikaa fi Sa'ud Arabiyaan ibsa waloon baasaniin, dhukaasa dhaabuun haaraan Wixata halkan irraa eegalee hojiitti kan hiikamufi ''tooftaa hordoffii dhukaasa dhaabuu,''qabaachuun adda isa taasisa jedhame.

Ameerikaa fi Sa'ud Arabiyaan waraaana Sudaanii fi hidhattooti Humna Dafee Qaqqabaa(RSF) waraaana Ebla darbe eegale akka dhaaban torban lamaan darbe magaalaa Jiddaatti jaarsummaa taa'aa turan.

Waraana Sudaanitti ka'e hordofuun lammileen biyyoota biroo biyyatti keessaa bahan

Madda suuraa, Getty Images

Gaazixeessitu Zayinab Mohaammad Saalii akka himtutti, jiraattonni magaalaa Kaartumitti dubbiste harki caalaan dhukaasni kan dhaabatu yoo to'attoonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitiin deeggaraman Sudaanitti bobbaafaman qofa jedhanii amanu.

Jiraattoonni waliigaltee galtee dhukasa dhaabuu tibbana kana abdii dhaban konkolaataan magaaloota Kaartuum dabalatee magaalota qarqara laga Naayilitti argaman kanneen akka Bahiri fi Omdurmaan keessaa baqachuu ittifufaniiru.

Hidhattoonni RSF konkolaattoota 20'n Baha laga Naayil dhaabatan riqicha ce'anii gara buufata xiyyaaraa Waadi Se'idnaa dhaquuf yaala jiru.

Waraanni Sudaan ammoo meeshaalee waraanaa jajjaboo itti dhukaasun haaloo bahate.

Lolli giddusaanitti gaggeeffamu guyyoota hdduuf kan ittifufe ta'ullee ittuu hammaate.

''Dilbata ganamaarraa kaasee barri dhumaa waan gahe fakkaata. Amma dhukaasni dhaabatutti nu dararu natti fakkaata,'' jiraataan handaara Bahiri Kojaab.

Waraanni Sudaan buufata waraana kana dhabuu hin barbaadu, sabaabni isaa haleellaa qileensarraa hidhattootta RSF raawwachuun Kaartumii fi magaalota biroo to'achuuf taasifamuuf bakka murteessaadha.

Dilbata darbe kana Omdurmaan keessaatti haleellaa xiyyaaraa kan raawwatame yoo ta'u, dho'insi kun naannoo gara Kibbaa Omdurmaan keessaa dhaga'amaa ture.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa kanaan dura yaaliin jaarsummaan nageenya Sudaanitti buusuu yaale otoo hin milkaa'in hafuu amane, garuu garaa gartummaan ijoon ammatti giddusaanii jiraachuu ibse.

''Akka waliigaltee dhukaasa dhaabu kanaan duraa otoo hin taane, waliigalteen gartuuwwan walwaraanii Jiddaatti waliigalamuun mallateeffame tooftaa hordoffii dhukaasa dhaabuu US- Sa'udii fi gartuu sadarkaa idil-addunyaatti dhukaasa dhaaabu hordofuun deeggarama,'' jedha.

Waraanni Sudaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu beeksise.

Gartuun humnoota RSF dhimmaa kanarratti waan jedhe hin qabu.

Dhukaasa dhaabu kana hordofee gargaarsa namoomaatu kennama jedhamee abdatama.

Kuusaan nyaataa, maallaqa fi waantoota gargaarsaaf barbaachisanii hir'achuu isaarraa kan ka'e dhaabbileen gargaarsaa Kaartuumitti deeggarsa gaha kennuu dadhabuu komatan.

Waraanni biyyattiis fi RSF gargaarsi namoomaa akka rabsamuu fi tajaajilli bu'uuraa akka deebi'u, akkasumas humoonni waraanaa hospitaala keessa akka bahan waamicha dhiyeessanii turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub