Search This Blog

Sabtu, 27 Mei 2023

Yukireen 'haleellaa yeroo dheeraaf itti qophaa'aa turte amma eegaluuf qophiidha' - bbc.com

Loltoota Yukireen

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli nageenyaa olaanaa Yukireen tokko biyyi isaanii haleellaa yeroo dheeraaf itti qophaa'aa turte Raashiyaa irratti banuuf qophii xumuruu beeksisan.

Oleksiiy Daaniiloov yaada BBC'f kennaniin guyyaa isaa adda hin baafne malee, lafa harka loltoota Vilaadmiir Puutiin jiran deebifachuuf haleellaan itti qophaa'aa bahan amma xumuramee eegalamuuf akka jedhu ibsan.

''Boru, iftaan ykn torban kana ta'uu danda'a,'' jedhan.

Itti dabaluunis mootummaan Yukireen murtee kana jijjiiruuf yaada yoo ta'e ''dogoggora hojjechuuf mirga hin qabu'' jechuun carraa seena qabeessa of bira dabarsuu hin qabneedha'' jedhan.

Barreessaa mana maree nageenya biyyaalessaafi mana maree ittisaa Yukireen kan ta'an Daniiloov kaabinee waraanaa pireezidantichaa keessatti nama bakka olaanaa qabaniidha.

Qondaalli kun BBC waliin osoo gaaffiifi deebirra jiranii ergaa pireezidant Zeleniskiirraa isaan qaqqabeen gaaffiifi deebicha adda kutuun dhimmuma haleellaa jedhamu kanaa mariyachuutti qajeelan.

Yaada BBC'f kennan keessatti loltootni Waagner magaalaa Bakmuut gadhiisaanii bahaa jiraachuu himaniiru.

''Bakka biraa sadiitti walgurmeessaa jiru'' kan jedhan qondaalli kun, ''nu waraanuu ni dhiisu jechuu mitii'' jedhan.

Yukireen haleellaa haaraa Raashiyaarratti raawwachuuf qophaa'aa erga turtee ji'oonni lakkaawamaniiru. Yeroo fudhattee, loltoota gahaa leenjistee, michoota ishee warra Lixaa irraas meeshaalee waraanaa ammayyaa kadhachaa baate.

Raashiyaan meeshaalee waraanaa niikuleeraa ishee bobbaasuu eegaluu ishee keessumaa ammoo gara Beelaruus imalaa jiraachuun isaa ''nuuf badaa waan haaraa miti'' jechuun yaaddoo akka irraa hin qabne himan.

Akkuma kana warri Raashiyaas humna ittisaa isaanii cimsaa bahan.

Fuula duratti wanti hedduun ta'uuf kan jiru ta'us mootummaan Kiiv lammiilee biyyattiifi michoota isaa warra Lixaatti humna Raashiyaa cabsee lafa weeraraan jalaa qabame deebisuu akka danda'u agarsiisuu barbaada.

Daniiloov ajajootni waraanaa yeroo ''amma waraana kanarraa bu'aa guddaa arganna'' jedhanii murteessanitti waraanichi eegalamaa jedhan.

Humni waraanaa Yukireen haleellaa haaraa kanaaf qophiidhaa? jedhamanii gaafatamanan ''yeroo marayyuu qophiidha. Biyya keenya tiksuuf akkuma kana duraa yeroo kamiyyuu qophiidha. Dhimmi yeroo as hin jiru'' jechuun deebisan.

''Carraan seena qabeessi rabbiin biyya keenyaaf kenname kun nu bira hin darbu, dhugumatti biyya Awurooppaa guddoo walabummaa qabdu ni taana'' jedhan.

''Biyyi keenya fuula dura keenyatti gaafatama guddaa nurraa eegdi, nutis mirga dogoggora hojjechuu akka hin qabne hubanneerra'' jedhan Daniiloov.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub