Search This Blog

Sabtu, 01 Juli 2023

Dhaabbanni tikaa Israa'el -Mossad lammii Iraan barbaadaa ture Iraanuma keessaa butee fudhachuu hime - BBC

Yousef Shahabazi Abbasalilu

Madda suuraa, ISRAEL MINISTRY OF FOREIGN AFFAIRS

Dhaabbanni basaasa Israa'el (Mossad) lammii Iraan kan dursaa garee nama ajjeesuu ta'ee fi lammiilee Israa'el biyya Saayippiras keessa jiraatan ajjeesuf karoorfatee, achuma Iraan keessatti qabadhe jechuun miidiyaatti hime.

Mossad yeroo heddu fuula miidiyaatti bahee yoo dubbatu hin baramne ture. Dhaabbichis shakkamaan kunis ajaja garee Eegdota Warraaqsa Iraan irraa kennameefiin ajjeechaa kana raawwachuuf akka ture ''jechasaa kenneera'' jedhe.

Mootummaa Saayippirasiifis odeeffannoo kennineen seelin garee ajjeechaa Iraan kun diigameera jedhe Mossad.

Mossad ifatti bahee miidiyaaf ibsa kennuunsaa diinummaan Israa'elifi Iraan hammaachuu kan agarsiisudha.

Taateen kunis diinummaafi walitti dhaadachuun biyyoota lamaanii kan yeroo dheeraa turee kan mulisuudha jedhameera.

Ekispartiin Israa'el tokko BBCtti akka himetti, tikni Israa'el ifatti bahee miidiyaatti dubbachuun kan hin barameefi sagantaa gabbisa nikularashee akka dhaabduf US dhoksaan Iraan waliin marii al-kallattii eegalaniiru oduun jedhu dhahamuu hordofeeti.

"Israa'el kana ifatti dubbachuunsheetin, sagantaa nikulara Iraan irratti [dhoksaan] tarii walii galuu dandeessa, garuu Iraan ammayyuu biyya balaa geessisuu dandeessistuudha ergaa jedhu addunyaaf dhaamuu barbaaddeti," jedha gaazexeessafi barreessaa kitaaa Israel Vs Iran: The Shadow War jedhuu kan ta'e Yaakov Kaatz.

Iraan, "Yuraaniyeemii gabbisuu qofa osoo hin taane, abbootii qabeenyaa Awurooppaa fa'aa keessatti ajjeesuf yaalti," jedha isbi tika Israa'el kun.

Himannaa Israa'el kanarratti Iraanis ta'ee Saayippiras homaa hin jenne. Mossad ibsa baasen garu Iraan keessatti oppireeshinii baay'ee adda ta'e gaggeessun nama lammiilee Israa'el ajjeesuf ture to'achuu beeksise.

Ibsi kun qondaala olaanaa Mossad eerun: "Nama lammiilee Yihudiifi Israa'elota irratti gochaa shororkeessuummaa gaggeessu kamiyyuu, daanfaa Iraan keessa maaf hin taane, nu jalaa hin bahu," jedha.

Viidiyoo angawoonni Israa'el gadi lakkisan irratti namni maqaan isaa Yousef Shahabazi Abbasalilu jedhamee ibsame tika Mossadtti afaan Pershiyaatin osoo dubbatuu argama.

Viidiyoorratti gochaa lammiilee Israa'el ajjessuf akka ajaja fudhatee bobba'eefi karaa Turkiitin Kaaba saayippiras seenun abbaa qabeenyaa Israa'el tokko ajjeesuf akka ture dubbata.

Suura nama kanaafi teessoo isaa kaasunis Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC)ttis erguu amane.

"Akka inni achi jiruufi bakka inni deemu ergan adda baafadhee bakka namni hin jirretti meeshan isa ajjeessuu ture karoorri koo," jechuun abbaa qabeenyaa lammii Israa'el ta'efi Saayippiras jiru ajjeesuf akka ture dubbata.

Abbaa qabeenyaa kana suurasaa erga kaasee ergee bakka inni jiru adda baafateen booda poolisii Saayippirasiin waan irra gahameef gara Iraanitti deebi'e.

Yoomifi akkaataa itti nama lammii Iraan kana to'ate irratti Mossad odeeffannoo bal'aa hin laanne.

Israa'el waggoota hedduuf Iraan akka diina jabaafi humnoota baha giddu galeessaa keessaa ishee lolan Iraantu deeggara jechuu farrajaa turte. Iraan gabbisa nikularaa taasisaa jirtuun boombii nikularaa hidhachuufi jettees yeroo garaa garaatti Iraanitti dhaadatti.

Kanaanis waggoota dhiyoo as bu'uuraalee gabbisa nikulara Iraan irratti haleellawwan garaa garaa gaggeessufi saayintistoota nikularaa Iraan ajjeesun himatamti Israa'el.

Bara 2018 keessa qondaaltonni Mossad Teehran seenun icciitiwwan biyyaalessaa Iraan heddu arga galfataniiru jechuun Israa'el beeksiftee turte.

Bara darbemmoo lammiilee koo Turkii keessa jiraatan irratti Iraan daba yaadetti jechuun lammiilenshee hatattamaan achii akka bahan waamicha goote. Booda mootummaan Turkii namoota qawwee, saayilensariiwwanfi meeshaalee garaa garaa qabatan to'achuu beeksise.

Yaakov Katz akka jedhutti gareen basaasa Israa'el Mossad gola Iraan seenun iccitiwwan heddu harka galfachuufi haleellawwan garaa garaa raawachuurratti akka milkaa'efi kana Iraanis bareechitee akka beekti.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub