Awustiraaliyaatti bulchaa Debre Tsiyoon Qiddist Mariyam kan turan Abbaa Sarqa-Birhaan Walda Saamu’eel gara Tigraayitti imaluuf guyyaa sadi dura buufata xayyaaraa Boolee gahanis gara Maqalee imaluu akka dhorkaman BBCtti himan.
Abbaan amantii kun buufata xayyaaraa Boolee keessatti teessoo irra ciisaa osoo jiranii kan agarsiisu suurri bal’inaan miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa jira. Halkan lama teessoorra ciisanii akka bulan BBCtti himan.
Akka isaan jedhanitti, gara Tigraay deemuu akka hin dandeenyefi buufata xayyaaraa keessa bahanii magaala Finfinnee keessa turuu ykn gara iddoo dhufan Awustiraaliyaatti deebi’uutu itti himame.
Waraana Tigraayitti gaggeeffameen wal-qabatee miidiyaalee garaa garaarratti dubbachaa kan turan Abbaa Sarqa-Birhaan waliigalteen nagaa Piritooriyaatti taasifamuu hordofee gara Itoophiyaa dhufuuf akka murteessan dubbatu.
“Anis balballi nagaa yoo baname nagaarrattis ta’e namoota waraanan miidhaman argee gahee koo bahachuun qaba. Haala jiru hubadhee dhufuun qaba,” jedheen dhufe.
Abbaa Sarqa-Birhaan buufata xayyaaraa Boolee kan gahan gaafa Adoolessa 5, 2015 ALItti ture. Awustiraaliyaarraa gaafa ka’anis yaannisaanii Maqalee deemuu waan tureef meeshansaanii kallattiin akka fe’ame himu.
Xayyaara gara Maqalee deemu seenuf konkolaataa ittiin bakka xayyaaraa gahan seenuf tikkeettii balalii keessummeessituutti gaafa kennan “isin nageenyaf ni barbaadamtu” jechuun akka deebisteef himu.
Tajaajilaan biraa isaan waliin gara Maqalee imaluuf turan dhorkamuu baatanillee isaan waliin boodatti akka hafanis ibsu.
Qaama tikaa osoo hin taane poolisiin dhufee “meeshaa keessan fudhaatii buufata xayyaaraa keessaa gara magaalatti bahaa nuun jedhe” jedhu.
Gaffii nageenyaf akka barbaadaman itti himanis qaamni tikaa isaan barbaadu akka hin jirreefi buufata xayyaaraa gadhiisanii akka bahan itti himame.
“Ani gara Finfinnee osoo hin taane Maqalee deemufan dhufe. Balaliinis kallattiidhani. Kanaaf, bahuu hin danda’u,” jechuun achii bahuu akka didan himan.
Boodarra buufata xayyaaratii bahanii Finfinnee keessa turuu ykn gara Awustiraaliyaatti deebi’uu filannoo laman keessaa akka filatan itti himame.
Waggoota dheeraf yeroo biyya alaa turanitti lammummaa biyya biraa akka hin qabneefi lammummaansaanii Itoophiyaa ta’uu kan himan Abbaa Sarqaa-Birhaan, mirgi lammummaasaanii eegamee gara Tigraay deemun akka hayyamamuuf gaafatanis akka didaman dubbatu.
Waraana Tigraayitti gaggeeffamaa tureen wal-qabatee Bataskaana Ortoddoksii Tawaahidoo Itoophiyaafi Mana Lubummaa Ortodkisii Tigraay gidduu walitti dhufeenyi jiru hammaataa dhufuunsaa ni yaadatama.
Manni Lubummaa Tigraay walitti dhufeenya Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa waliin qabu adda kutuun Mana Lubummaa ‘Manbara Salaam Kasatebirhaan kan hundeesse yoo ta’u, gaafa Adoolessa 16, 2023 tti Aksuumitti Phaaphaasota haaraa muuduf akka jiru beeksisee ture.
Muudama kana ammoo Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa seeran ala jechuun mootummaan akka gidduu galuuf gaafatteetti.
Aabbaa Sarqa-Birhaan gara Tigraay akka hin deemne dhorkamuunsaanii wal-gaarreffannaa Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaafi Mana Lubummaa Tigraay gidduutti uumameen kan wal-qabatuudhaa jennee gaafannaan akkuma uummata Tigraay isaanis mana lubummaa hundaa’e akka deeggaran himu. .
Manni Lubummaa Tigraay kan hundaa’e yeroo uummanni Tigraay nama sagalee ta’uuf dhabee miidhan irra gahaa ture imimmaan uummataa haquuf kan hundaa’edha jedhanii amanu Aabbaa Sarqa-Birhaan.
Abbaan amantii kun gara Tigraay yoo imalan namoota phaaphaasii ta’anii filataman keessaa tokko ta’uu danda’u sodaa jedhuunis filannoon kun akka hin milkoofnef dhorkamuu akka malan shakkii qabanis hin dhoksine.
Gama biroon ammoo shakkiinsaanii yakka naannoo Tigraay keessatti dalagame saaxiluu danda’u sodaa jedhuun akka garas hin deemne akka dhorkaman himu.
“Yeroo waraanatti sagalee ta’een ture. Miidiyas qaba, barsiisas waanan ta’eef, hordoftoota baay’es qaba waan ta’eef Abbaa Sarqa-Birhaan yoo garas deeme, badii Tigraay keessatti dalagame sana ni agarsiisa, ni arga. Dhugaa jiru baasa jedhanii qaamoleen sodaatan akka jiran natti dhagahama,” jedhu.
“Nagaan gaaridha, garuu nagaan haqa malee gatii hin qabu jedheen amana. Haqni dhala namaarratti mo’uu qaba jedheen amana,” jedhu.
Abbaa Sarqa-Birhaan ammayyuu buufata xayyaara Boolee keessu wayita jiranitti, 'ani lammii Itoophiyaa ta’ee osoon jiruu gara Awustiraaliyaatti deebi’i jedhamuu hin qabu' jechuun falmu.
“Mootummaan Itoophiyaas ta’ee kan naannoo Tigraay gara Tigraay sababa kanaaf hin deemtu jedhanii ragaa amansiisaa yoo dhiyeessaniifi lammummaa Itoophiyaa yoo narraa mulqan…humnaan galuu hin danda’u waan ta’eef biyya koo dhiisee nan godaana.
“Hanga dhumaatti waan dhufu fudhachuuf qophiidha,” jedhan
Tidak ada komentar:
Posting Komentar