Search This Blog

Kamis, 13 Juli 2023

Itoophiyaan baqattoota Ertiraa dirqmaan biyyatti deebisuu akka dhabduuf UN gaafate - bbc.com

Baqattuu Ertiraa dirqamaan biyyatti deebifamaa jirtu

Madda suuraa, UNHCR/PETTERIK WIGGERS

Itoophiyaan baqattoota Ertiraa dirqiin gara biyyatti akka deebi'an gochaa isa jirtu akka dhaabdu ogeeyyin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) gaafatan.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanan Mirgoota Namoomaa ibsa ALI Adoolessa 06, 2015 baaseen, Itoophiyaan dhuma Waxabajjii Ertiraanota dhibbaanlakkaa'aman dirqamaan biyyaa ar'iuu eeruun akka dhaabduuf gaafateera.

Baqqattoota dbalataan dirqamaan gara biyya isaaniitti akka deebiyan gochuun atattamaan akka dhaabbatu,akkasumas kolu-galtummaa warri gaafataniifi baqattoota hidhuunis akka dhaabbatuuf gaafateera.

"Akka seera baqattootaa idil-addunyaatti baqattoota jumlaan ar'iunn dhorkaadha," kan jedhan ogeessonni, godaantonni jumlaan gara biyyasaaniitti akka deebiyan dirqisiifamuun rakkoo nageenyaa isaan mudatuun alattis maatiifi ijoolleen, akkasumas miseensonni maatii akka addaan bahan godheera jedheera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas gabaasa dhiyeenya kana baaseen, daa'imman dabalatee baqattoonni Ertiraafi namoonni golu-galtummaa gaafatan 200 ta'an humnaan gara Ertiraatti akka deebifaman erga taasifamaniin booda nageenyi isaanii yaaddessaadhe jedhee ture.

Haata'u malee, Tajaajilli Baqattootaafi Warra Baqqannaarraa Deebiyanii Itoophiyaa baqattoonni gara biyyasaaniiti akka deebifaman taasifaman baqattoota ykn kolu-galtummaa warra gaafatan miti jedheera.

Ogeessonni UN maddeen amanamoo baayyee eeruun akka jedhanitti garuu warra akkka deebiyan taasifaman keessa warra baqqatummaan galmaa'an, akkasumas warra hin galmaa'iiniifi kolu-galtummaa warri gaafatanis keessatti argamu.

Ertiraanonni seera Immigiraashinii cabsaniiru jedhamuun himata malee, abokaatoo maleefi adeemsa murtii malee akkuma argameen hidhamuun akka itti fufeera gabaasaaleen jiraachuu kan ibsan ogeessonni kunneen, haala Ertiraanonni Itoophiyaa keessa jiran baayyee akka isaan yaaddesse ogeessonni UN ibsaniiru.

Aanga'oonni Itoophiyaa baqqattoota Ertiraa irratti qofa kan fuullefatan fakkaata jechuun "hojmaanni looguu" jiraachuu eeraniiru.

Kana waan ta'eefis, Komishinii Olaanaa Dhimma Baqatootaa Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen baqqattootaaf eegumsa taasisan rakkoo kolu-galtummaa gaafachuuf jiran hiikuudhaaf, akkasumas baqattoonni odeeffannoo barbaachisaa akka argatan gochuuf aanga'oota Itoophiyaa waliin akka hojjetan ogeeyyonni kunneen waamicha dhiyeessaniiru.

Ogeeyyoon kunneen itti dabaluun tajaajilli baqattoota haraa dhufan Bitootessa 2020 irraa kaasee galmeessuu dhaabuu ibsuun, kunis kolu-galtummaa akka hin gaafanneefi akka seera idil-addunyaatti eegumsi hin taasifamneef godheera jedhan.

Komishiinii UN dhimma kana qulqulleeffatuufi gabaasni addaa dhimma baqqatoota Ertiraa gabaasaawwan kanaan dura baasaniinis baqattoota hiraarsuu, akkaataa hin malleen qabchuu, dirqamaan miliqsuu, daddabarsa seeraan alaa, akkuma arganitti hidhuu dabalatee dirqamaan deebisuun akka jiru galmeessuu isaanii ogeessonni UN kun yaadataniiru.

Baqattoonni Ertiraa dirqamaan gara biyyaatti deebifaman eessa akka jiran ragaan agarsiisu akka hin jirres ogeessonni kunneen eeraniiru.

Kana waan ta'eef, aanga'oonni Ertiraa waa'ee egeree baqattootaafi eessatti akka argaman odeeffannoo akka kennaniif, akkasumas firoota isaanii ogeessota seeraa ykn nama barbaadan akka argatan akka taasisaniif ogeessonni kunneen yaadachiisaniiru.

Kanaan dura baqattonni Afrikaa Kaabaa irraa gara Ertiraatti akka deebifaman taasifaman hidhamanii akka turan ibsamuun isaa ni yaadatama.

Bilisummaan siyaasaafi pireesii keessa hin jiru, namoonni amantaa barbaadan akka hin hordofne ni dhorkamu, akkasumas tajajaila biyaalessaa dirqamaa gaggeessiti jedhamtee jarmiyaalee mirgoota namooman qeeqamaa jirtu Ertiraarraa baqachuudhaan namoonni hedduun biyya baqatanii godaanu.

Sababa kanaan biyyoonni Ertiraanota gara biyya dhalootasaaniitti humnaan deebisuun baayyee kan mullatu miti.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub