Search This Blog

Jumat, 28 Juli 2023

Haawwan Harargeetti shamarran afur kittaanan hidhaan itti murame - BBC

Haadha qarabaa harkatti qabatanii jira

Madda suuraa, Getty Images

Haawwan afur, tokko fedhii maatiin ala dabalatee, shamarran kittaanuu irratti qooda bahan manni murtii hidhaa itti mure.

Taateen kuni Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadar keessatti yeroo garagaraa raawwate.

Kittaanni dubartootaa miidhama qaamaafi xinsammuu qaqqabsiisu ammallee gochaa bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti raawwatamaa jira.

Gochaa kana duuba immoo himatamtuu "ogeettii aadaa" jechuun of waamtuufi Miskii Mahaammad Hasan jedhamtutu jira.

Himatamtuu Miskii Mahaammad ji’a Caamsaatii as qofa dubartoota afur irratti yakka dhaqna-qabaa ykn kittaanuu raawwachuushee galmeen himataa Abbaa Alangaa agarsiisa.

Obbo Farees Araagoo, Itti Gaafatamaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar fi Bulchiinsa Magaalaa Dadariiti.

Akka BBC'tti himanitti, himatamtuun kuni Aanaa Dadar jiraatti. Yakka kanas anichuma araddaa Muumichaa ganda Bakree jedhamu keessatti raawwatte.

Shamarran kittaanaman kana keessaa isheen tokko waggaa 12 yemmuu taatu, kunneen hafan sadeen immoo waggaa 15 akka ta’anis ragaan Abbaa Alangaa agarsiisa.

'Beekamtii maatii malee kittaante'

Himatamtuu Miskii Mahaammad, daa’imman yakkicha irratti raawwatte keessaa ishee tokko ALI Caamsaa 19, 2015 kan kittaante yemmuu ta’u, yakki kun beekamtii maatii daa’imaa malee akka raawwatame Obbo Farees himu.

“Ishee sana yemmuu kittaantu haati mucayyoos hin beekan. Manuma ollaa tokkotti fuutee kittaante,” jedhan.

Daa’imman sadeen biroon immoo ALI Adoolessa 13, 2015 gochaan kun irratti raawwatame.

Isaan keessaa tokko kan taate mana Aadde Nuuriyaa Aliyyii Hasan geeffamuun yakkichi irratti raawwatame.

Yakka guyyichatti ganama sa’aa 3-4tti raawwatame kanarrattis, haawwan daa’imman kunneenii daa’imman isaanii mukatti hidhuun, himatamtuun ogeettii aadaa ofiin jettu yakka kittaanuu akka irratti raawwattuuf deeggarsa taasisaniiru.

Barmaatiin miidhaa geessisufi shamarran sadeen irratti raawwatame kun garuu hawaasa naannichaan waan irra darbamu hin turre.

Jiraattotni dalagamuu yakkichaa argan qaamolee seeraa dhiyeenya isaaniitti argaman beeksisan.

“Jarri kun dhokachuuf yaalanii turan. Haa ta’u malee, qaamoleen nageenyaa keenyaafi caasaan araddaa hirmaannaa hawaasaatiin iddoo isaan itti dhokatanii to’annoo jala akka oolan taasisne,” jedhan Obbo Farees.

Daa’imman miidhamtootni yakkichi irratti raawwatames hatattamaan Hospitaala Dadar geeffamuun yaala akka argatan taasifamuu Abbaan Alangaa kun himaniiru.

sarara

Waa'ee dhaqna-qabaa ykn kittaannaa odeeffannoo ijoo:

  • "Qaama saalaa dubartii gara irra keessaa gariin ykn guutummaatti muruu ykn sababii fayyaa tokko malee madeessuu/miidhaa irraan ga'uudha"
  • Biyyoota Afirkaa 30 fi biyyoota Eeshiyaafi Baha Giddu-galeessaa garii keessatti kan baramedha.
  • Waggaa waggaadhaan ijoolleen durbaa miliyoona sadii ta'an guutummaa addunyaarraa rakkoo kanaaf saaxilamu
  • Kanneen miliyoona 125'tti tilmaaman ammoo rakkoo sababa dhaqna-qabaatiin uumame waliin rakkachaa jiraatu.
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaan ijoollee durbaa umurii xiqqummaatii hanga waggaa 15 keessa jiran irratti raawwatama,
  • Yeroo baayyee dhaqna-qabaadhaaf kan akka ka'umsaatti fudhatamu akka amala saalqunnamtii sirrii ta'e qabaattuuf, shammarra ykn dubartii tokko dubartummaadhaaf qopheessuun heerumsiisuun "amala dubartummaa qulqulluu" akka qabaattu taasisuuf jedhama.
  • Balaan dhaqna-qabaa dhiiguu akka malee, maseenummaafi rakkoo fayyaa walxaxaa yeroo da'umsaa mudatuufi yeroo da'umsaa daa'imni du'uu qaqqabsiisa.
sarara

Shakkamtoota immoo poolisiin to’atee, qorate irratti himata banuun Mana Murtii Aanaa Dadaritti akka dhiyaatan taasise.

"Ogeettiin aadaa" Miskii Mahaammad Hasan, seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 565 jalatti yemmuu himatamtu; haawwan ijoollee sadanii immoo keewwata 569n himatni irratti banamuu Abbaan Alangaa himaniiru.

Himatamtoonni afranis yakkicha raawwachuu isaanii amanuun Mana Murtiif jecha amantaa isaanii laataniiru.

Gochicha raawwachuu guutummaatti amanuun isaanii, kanaan dura galmee yakkaa kan hin qabne ta’uu fi dirqama maatii kan qaban kunneen jedhan himatamtootaaf akka yaadawwan adabbii salphisanitti qabamaniiru.

Manni Murtichaas dhaddacha ALI Adoolessa 19, 2015 taa'en himatamtuu Miskii Mahaammad irratti hidhaa salphaa ji'a jahaa murteesse.

Haadholii daa’immanii sadanii kan ta’an Zahaaraa Sheeku Aliyyii, Alfiyaa Xaahir fi Nuuriyaa Hasan Aliyyii immoo, tokkon tokkoon isaanii hidhaa salphaa ji'a lamaa irratti murteessee jira.

'Ijoolleen baay'ee miidhaman'

Daa’imman miidhamtootni yakki kittaanuu irratti raawwatame ragaa ta’uun Mana Murtiitti dhiyaatanii kan turan ta’ullee, himatamtootni yakkicha raawwachuu isaanii kan amanan ta’uu isaatiin; daa’imman kunneen carraa mana murtiitti dubbachuu hin arganne.

Haa ta’u malee, daa’imman kunneen yaalchisuuf Hospitaala Dadar deemanii akka turan kan himan Obbo Farees, “ijoolleen baay’ee miidhamanii akka jiran ogeeyyiin haasa’aa turan.

''Kanaan alatti ijoolleen gochi sun irratti raawwatamuusaa guutummaan guutuutti haasa’anii jiran,” jedhan.

Akka Aanaa Dadaritti barmaatiin miidhaa geessisu kun raawwiin isaa xiqqaachaa kan jiru ta’ullee, ammallee darbee darbee ni raawwatama.

Bara 2015 keessa galmeewwan yakka kittaannaa afur hojjechuu isaanii kan himan Obbo Farees Araagoo, waajirri isaanii yeroo yeroon hojii hawaasaaf hubannoo uumuu akka hojjetus himaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub