Search This Blog

Selasa, 04 Juli 2023

'Ilmi koo akkuma Ronaaldoo akka beekamun fedha' - Harmee taphataa Alii Ahimad - BBC

Aliin garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kanaadaaf yeroo Waancaa 'Concacaf Gold Cup' jedhamuuf taphatu

Madda suuraa, Getty Images

Ali Ahimad bara jireenya kubbaa miilaa isaa keessatti yeroo guddinatti akeekurra jira.

Reefu torban darbe ture Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Kaanaadaaf filamee kan taphate.

Abbaafi haati isaa lammiilee Itoophiyaa, dhalootaan Oromoodha.

Waggoota 30 dura Harargee irraa gara Kanaadaa imalanii achi jiraachaa akka jiran maatiin BBCtti himan.

Inni garuu achumatti dhalatee guddate. Taphataan abdii fuulduraa Kaanaadaa jedhamee jajamaa jiruufi deeggartoonni isaa immoo Awurooppaa imalee akka taphatu fedhan kun eenyu?

'Ijoollummaa isaatti Pelee jedhuun'

Akka maatiin isaa jedhanitti, ijoollummaa irraa eegalee kubbaa jaalata.

''Hedduu jaalata [kubbaa miilaa]. Amata [waggaa] afuritti kilaban geessuu ture isaafi obboleessa isaa,'' jedhu haati isaa Aadde Muntahaa Aliyyii.

Maqaan isaa guutuu Ali Afandii Ahimadidha. Maqaa biyyoota Lixaatti waamamuun miidiyaaleen Kanaadaa maqaa xumuraan Alii Ahimad jedhanii waamu.

Inumaa maqaa isaayyuu anatu baaseef jedhu harmeen isaa.

''Maqaan isaa maqaa abbaa kiyyaati. Anaatu baafate. ''

Maatiin Obbo Afandii ijoollee shan horatan keessaa Aliin afraffaarratti dhalate.

Taphataa ganna 22 dha. Kan kubbaa miilaa jaalatuufi taphatu garuu isa qofaa hin turre.

Obboleessi isaas ni taphata. Maatiin immoo isaan daawwatu.

''Manni kuni guutuun sookara [kubbaa miilaa] jaalatu turre,'' jedhu Aadde Muntahaan.

Isaaniis kubbaa waan jaalataniif gaafa tokko yeroo ilma isaanii bakka kubbaa leenjisantti waan leenjisaan taajjabe akkanaan itti hime.

''Gurbaakee kana jala deemeen ilaale. …. Yeroo boqonnaa bahan ijoolleen haadha bira dhaqxi. Innimmoo hamma deebi’utti kubbaa fuudhee kubbaa kanaan taphataa jedhe.''

Maatiin garuu guddatee maal akka ta’u fedhu turani?

''Ani sookara [kubbaa miilaa] kana niin jaaladha. Waanin waliin taa’ee ilaaluuf jecha akkanni taphataa ta’u inuman fedha ture.''

''Barumsaafi kubbaa miilaa waliin oofi, taphataa kubbaa miilaa ni taata jedheetin yeroo hunda lamaanittuu haasa’a ture. Bakka piraaktisaadha [leenjii] geessaan.''

Kubbaan fedhii isaanii qofa hin turre. Innis kubbaa akkaan jaalata. Yeroo ijoollummaa isaa Pelee jedhanii waamu jechuun dubbatu.

''Kuni Peleedha, kuni Mesiidha jedhuun. Leenjistoonni isa jaalatu turani. Hedduu taphata ture. Ofiifu qallaadha, xiqqaadha.''

''Akkasuma kubbaa kana yoo qabate hin dhaabbatu, kute [fiige]. Taphataa jabaa ture ijoollumummarraahu.''

Jaalala kubbaa miilaa haadhaa

Aadde Muntahaan waa’ee kubbaa miilaa yoo haasa’an gammachuun irraa beeksisa. Osoo waa’ee ilma isaanii gaafannuu fedhiin haati kubbaaf qaban adda ta’uu hubanne.

''Ijoollummaa kiyyaa eegalee biyyatti kubbaa kana nan jaaladha ture,'' jedhu yeroo seenaa isaanii himan.

Eega jireenya baqaa Xaaliyaanii, darbees Kanaadaa imalan immoo daawwachuu itti fufan.

''Maami! maami! team [garee] ati deeggartu dhufe koottu naan jedhan,'' jechuun eega ijoollee godhatan boodas ijoollee isaanii waliin akka ilaalan himu.

Kanaaf inni kubbaa taphachuu isaatti gammachuu qabduu?

''Hedduu! Akka ajaa’ibaatti.’’ Deebii isaanii ture. Yeroo ammaa Kaanaadaa, magaalaa Torontoo jiraatu.

Kubbaa miilaa nan jaaladha jettan. Yeroo Aliin taphatu dhaxxanii ilaaltuu?

''Akka ajaa’ibatti malee. Geema [Tapha] isaa dhiisi guyyaa inni hin taphanneehu teenyee ilaalu turre. Nan darbu geemiin sookaraadha [taphnii kubbaa miilaa].''

Tapha Aliin itti jajame

Taphataa Alii Ahimad seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf biyya Kaanaadaa bakka bu’ee torban darbe ture kan taphate.

Taphataa kamiifuu tapha intarnaashinaalaa biyya bakka bu’anii taphachuun waan guddaadha.

Torban darbe gareen biyyaalessaa Kaanaadaa garee Guwaadluup waliin taphate irratti ga’umsa bareeda agarsiise. Dirree keessa bakkuma hunda mul’ata ture.

Aliin 'full back' jechuunis taphataa duubatti dedeebi'ee taphatudha. Utubaa ta'uunis ni taphata

Madda suuraa, Getty Images

Galchii daqiiqaa 70 irratti gareen Guwaadluup, biyya baha Kaaribiiyaan argamu, ofirratti galcheef gumaachi Alii olaanaadha.

Taphi kuni Waancaa Gold Kaap akka Waancaa Afrikaa jedhamuuti.

Biyyoonni miseensota CONCACAF jechuunis Waancaa Konfedereeshinii Kaabaafi Giddugala Kaaribiyaan akkasumas Waldaa Kubbaa Miilaa Kaaribiyaan waancaa kana kaasuuf wal morkatu.

Aliin eenyu?

Maatiin Torontoo jiraatu, ilmi isaanii Aliin immoo Vaankover jiraata. Kubbaa waan jaalatuuf aarsaa kaffaleera jedhan haati.

Umriin reefu 22 dha. Barumsa hanga kutaa 12ffaa barateera.

Yeroo ammaa kilaba Vaankover Waayit Kaap jedhamuuf taphata.

Torban muraasa dura kilabiin Waayitikaaps inni taphatuf kilaba Montiriyaal injifachuun Shaampiyoonshippii Kaanaadaa ol kaaseera.

Aliin immoo badhaasa ''Toyota Best Young Canadian Player Award at the 2023 Canadian Championship'' jedhu argateera.

''Waggaa afur gahe erga kilaba kana seene. Eega first team [garee duraa] taphatuu eegalee waggaa tokko ta’uuf deema. San durammoo second team [garee lammataa] taphatuu ture,'' jedhu harmeen isaa.

Kilabiin biraa itti seene taphate jiraa?

''Toronto FC dhaaf taphachuuf yaalii godhee, hin feene. Osoo piraaktisa (shaakala) hin fixatiin dhiise.''

''Ammoo san dura Awurooppaa Porchugaal dhaqeeti baatii jaha fudhataniinii achitti leenji’ee ture. Awuroppaa bakka hedduu dhaqee jira.''

Alii tapha kilabii irratti

Madda suuraa, Getty Images

Hangam beekamaadha Kanaadaa keessatti?

''Haga takka beekamaadha. Miidiyaarratti beekamaadha.''

Afaan Oromoo dubbataa? ''Xiqqoo xiqqoo inuma haasa’a.''

Aliin obboleessa isaa waliin gara Ameerikaa, bulchiinsa Minesotaa imalees taphoota Federeeshinii Ispoortii Oromoo Kaaba Ameerikaa ykn OSFNA jedhamu dhaqees taphateera.

'Gara Awuroppaa akka imaluun fedha'

Kanneen caalaa maatii gammachiise Aliin garee biyyaalessaaf filamuu isaati.

''Biyya itti dhalatee guddateef sadarkaa kana geessee taphachuu jechuun hedduu waan guddaadha,'' jechuun gammachuu isaanii ibsu.

Fedhiin isaanii garuu kana caala.

''Kan kana caaltu ammas boodas Awuroppaa keessa deemee Awuroppaan bittee akka taphatu fedhiin keenya. Inshaa Allaah [Akka fedha Waaqaatti!]''

Akka filamu wanti shakkitan turee?

''Gizee [Yeroo] taphatu tiima [garee] kaaniif hedduu faarsu turani. Deeggartoonni hedduu isa jaalatu turani.

''Deeggaraa hedduus qabaachuu ture. Hoggaa namni tokko hojii gaarii hojjete wanti bareedaan inuma dhufa jettee eegda mitiire?''

Akka haadhaatti sadarkaa maalirra akka gahu barbaaddu?

''Akka Peelee fi Mesiitti olredii gahee jira. Ronaaldoo!, sadarkaa kanatti akka inni gahun fedha waan hundaan. Haati ilmoof waan hunda feeti mitiire?''.

Taphataa beekamaa addunyaa akka ta’u fedhu.

Kubbaan miilaa maallaqa fiddi. Biznasiin kuni mana keessan dhufeere? Gaaffii kanaan inuma kolfani.

''Ilmoon kee tokko waan feetu, waan anillee, innillee itti gammaddu siif gahe sunuu waan nama quubsu takka. Sun boodarra kan itti aanu jechaadha.''

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub