Search This Blog

Sabtu, 12 Agustus 2023

'Ijoolleefi abbaan warraa koo bataskaana deemuuf bahan na jalaa ajjeefaman'- Jiraattuu Baahir Daar - BBC

Namoota xombora qabatan

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Wiixata, Hagayya 01/2015 A.L.I Magaalaan guddoo Naannoo Amaaaraa Baahir Daar walitti bu'insa hidhattoota Faannoo fi Raayyaa Ittisaa gidduutti dhalateen dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddaan raafamaa bulte.

Jiraattonni dhukaasni kallattii magaalattii garaagaraa irraa dhagahamu halkan waan bari'u hin fakkaatu ture jedhu.

Gaafa lafti bari'u garuu xiqqoo tasgabbaa'aa dhufe.

Guyyaan kuni akka amantii Ortodoksiitti guyyaa soomni Filsataa itti eegalu waan taheef dhukaasni qabbanaa'uu ilaalanii kanneen gara bataskaanaa deeman turan jedhu.

Magaalattii keessa sochiin geejibaas tahe kaan jiraachuu baatus namoonni bataskaana deeman garuu darbanii, darbanii mul'atu ture.

Magaalattiitti jiraataa ganda 14 kan tahan Obbo Ayyanaw Dafarshim bataskaana Abuune Haaraa dhihoo isaanii jiru deemuuf ijoollee isaanii dhiiraa lama wajjin Kibxata ganama Hagayya 02/2015 A.L.I manaa bahan.

''Ani bataskaana deemuuf ka'een ture 'isin mana turaa,' jedhee ijoollee warra hangafaa fuudhee bahe,'' jedhu haati warraa Obbo Ayyanaw Aadde Ababaa Goshuu.

Yeroo na jalaa turan ilma koo hangaafa birattan bibile kan jedhan Aadde Ababaan, bilbila namni ani hin beekne kaasee, ''as sii kukkufaniiru, koottu sassaabbadhu naan jedhe,'' jedhu.

Aadde Ababaan akka jedhanitti abbaa warraa isaaniifi ijoolleen isaan naannoo mana isaaniirraa badaa otoo hin fagaatinidha kan ajjeefaman.

''Deebinee dhufna naan jedhanii achumaan na jalaa hafan. Ilmi koo inni jalqabaa bultii fi daa'ima tokko qaba, inni lammataa ammoo erga gaa'ela godhatee reef waggaa tokko. Hundi keenyayyuu mooraa tokko keessa jiraanna ture,'' jedhu gaddaan guutamanii.

Obbo Muluun obboleessa quxisuu Obbo Ayyanaw yoo tahan naannooma tokko jiraatu.

Dhukaasa halkan dhagahamaa tureen booda obboleessaa fi maatii isaanii hubachuuf irra deddeebiin bilbilanillee deebii akka hin arganne himuun dhumarratti yeroo isaaniif bilbilamu mana akka turan dubbatu.

Dhukaasni takka qabbanaa'ee ture deebi'ee jabaatee itti fufe. Yeroo gara obboleessa isaanii bilbilan kan kaase loltuu ture jedhu.

''As sii kufee jira, koottu kaafadhu,'' akka isaan jedhe Obbo Muluun dubbatu.

''Anis yoon bahe na ajjeesa jedhee boo'aaman mana ture. Boodarra intala obboleettiisaanii waliin deemanii iddoo ajjeefamanitti reeffa isaanii akka argatan,'' BBCtti himaniiru.

''Obboleessi koo ijoolleefi hiriyyootasaa waliin maaliif akka ajjeefame hin beeku. Barbaree gurgura. Meeshaa waraanaatti bu'ee hin beeku. Nama hojii jaalatuufi tattaafatu ture,'' jedhu.

Obboleessa isaanii akkasumas ijoollee obboleessa isaanii lama dabalatee reeffa namoota shanii iddoo tokkoo akka argatan, hiriyyaan isaanii wajjin ture biraan ammoo mormarra dhahame lubbuunsaa hafuu Obbo Muluun dubbataniiru.

''Hundisaaniyyuu naannoo mataasaaniirra rukutaman. Duubaanidha kan rukutaman, mucaan obboleessa koo namni ganna 30 haala suukaneessaa taheen dhahameetu du'e.

Inni tokkos nama ganna 27 yoo tahu mataasaa kara duubaani kan inni dhahame,'' jedhaniiru.

Sirni awwaalchaa namoota kanaa achuma bataskaana Abuna Haaraatti guyyuma sana raawwatamuu Obbo Muluun himu. Naannoo Abuna Haaraa kanatti qofa reeffi namoota nagaa 32 argamuu himaniiru.

''Waan dhiphanneef gaafas achumatti isaan ganne. Iddoo namni awwaalamee hin beeknetti isaan ganne,'' jechuun haala tureen sirnaan awwaallachuu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Obbo Muluun dabaluunsi haati ulfaa mucaashee barbaacha baate akkasumas naannoo Abbaayi Maadoo jedhamutti dahumsaaf deemuuf dubartiin baatamtee turte fi namoonni siree isheen irra turte baatan ajjeefamuu namoota du'a dhagahii dhufanirraa dhagahuu himaniiru.

Naannoo isaanitti manneen jijjigan, daawwitiiwwan caccabaniifi manneen wawwaraanaman baayyee tahuu ibsuun manni isaaniis miidhaan irra gahuu dubbataniiru.

Guyyoota darbanitti walitti bu'insi magaalattii keessa ture kan dhaabbate yoo tahu sagaleen dhukaasaas hin dhagahamu.

Raayyaan Ittisaa bobba'eera. Tahus gara sochii idileetti guutummaan guutuutti akka hin deebine jiraattonni dubbataniiru.

Naannoo Amaaraatti hidhattoota Faannoofi Raayyaa Ittisaa gidduu walitti bu'insi guddaan kan dhalate Jimaata torbee darbee Adoolessa 28/2015 A.L.I irraa jalqabeeti.

Dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa magaalaa guddoo Naannoo Amaaraa Baahir Daar keesumaa ganda 14, 13 fi 16 hammaataa akka ture jiraattonni dubbataniiru.

Kanaanis namoonni nagaa lakkoofsi isaanii hin beekamne ajjeefamuu jiraattotaafi maddeen hospitaalaa dubbataniiiru.

Baahir Daaritti hakiimonni Hospitaala Falaga Hiwoot daa'ima ganna shaniifi manguddoota dabalatee namoonni nagaa baayyee rasaasaan dhahamanii hospitaala seenuu, gariin immoo yaaliif otoo hin qaqqabiin lubbuun isaanii darbuufi reeffi hospitaala galuu himaniiru.

Magaalawwan Naannoo Amaaraa walitti bu'insi kuni ture Gondariifi Dabira Birahaanittis namoonni nagaa ajjeefamuun dhagahameera.

Gondaritti namoonni nagaa 20 tahan ajjeefamuu kanneen 200 tahan immoo miidhaan qaamaa akka irra gahe hakiimonni hospitaala Gondar BBCtti himaniiru.

Rasaasaan dhahamanii Haopitaala Gondar kanneen dhufan keessaa ol adeemaan ganna 16 akka jiru kanneen miidhaman keessaa dubartiin ganna 50 fa'i jiru jechuun doktarriin tokko BBCtti himaniiru.

Qajeelchi Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa Jimaata kaleessaa ibsa kenneen, walitti bu'insa dhalateen lubbuun namoota nagaa darbuu, qabeenyi barbadaa'uu fi saamichi raawwachuu ibseera.

Humnooti Aaddaa naannolee gara qaamota nageenyaa biroofi caasaa Raayyaa Ittisaatti akka makaman mootummaan murteessuu hordofee, Humni Aaddaa Naannoo Amaaraa diigamuu mormuun torbanoota darbanitti naannicha keessa walitti bu'insi adeemaa ture.

Humnoota nageenyaafi hidhattoota Faannoo gidduutti walitti bu'insi naannicha keessatti taasifamu hammaannaan bulchiinsi naannichaa gargaarsa mootummaa federaalaa gaafatee torbee darbe manni maree ministirootaa labsii yeroo muddamaa kaa'e.

Roobii darbe Qajeelchi Waliigalaa Labsii Yeroo Muddamaa ibsa kenneen tarkaanfii fudhatameen magaalawwan naannichaa jaha hidhattoota irraa bilisa taasisuun xumuramaa akka jiru himuun daangeffamni sochiis taasifameera jedheera.

Warraaqsi Uummata Amaaraa(ABIN) walitti bu'insa kana ilaalchisee ibsa baaseen labsiin yeroo muddamaa bahe of eeggannoon akka raawwatamu yeroo gabaabaa keessttis akka ka'u gaafateera.

Mootummoota Gamtoomanitti gareen ogeessota mirgoota namoomaa labsii yeroo muddamaa kanaan dura kaa'amanii turaniin dhiitaan mirga namoomaa akka ture yaadachiisuun mootummaan tarkaanfii naannoo Amaaraatti fudhatu madaalamaa akka gochuu qabu yaadachiiseera.

Gareen kunis kanneen walitti bu'insa kanarratti hirmaatan mirgoota namoomaa akka kabajaniifi lola dhaabanii kara nagaan wal-dhibdee isaanii furuuf akka hojjetanis gaafateera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dhaaman - BBC.com

[unable to retrieve full-text content] KALLATTIIN Nagaa eegdonni UN 'atattamaan' Kibba Libaanos keessaa akka bahan Netaaniyaahuun dh...