Search This Blog

Sabtu, 05 Agustus 2023

'Kaannisni sababa jijjiirama qilleensaan kan durii caalaa dursanii dammaquun walhormaata biqiltootaa miidha'-Qorannoo - BBC

Kaannisa dararaa xiixaa  jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Kaannisni sababa jijjiirama haala qilleensaa irraa kan ka'een kan duraan barame caalaa dursanii dammaquun wal hormaata biqiltootaa [pollination] akka miidhu qorannoon ifoomse.

Biyya Yunaayitid Kingdam (UK) keessatti gosoonni kannisaa garri caalan qofaa waan jiraataniif kan isaan hanqaaqan waqtii bonaa keessadha.

Kaannisoonni bosonaa bara kana keessa kan duraan barame caalaa dursanii waan dammaqaniif sanyiin midhaanii akka appiliifi piirs jedhaman miidhaan irra gahuu akka malu qorannoon haaraan bahe mul'iseera.

Akka qorannoo kanaatti wayita sababa jijjiirama haala qilleensaan ho'i dabalaa deemu, kaannisoonni daggalaa mannee isaaanii keessaa yeroo kaan caalaa dursanii dammaquun bahu.

Saayintistoonni akka jedhanitti, kaannisni dursanii yoo bahan yeroo biqiltootaaf wal hormaataaf (pollination) sirrii ta'e waliin wal bira waan darbaniif ykn waan wal hin argannee rakkisaa taasisa. Keessumaa biqiltoota kaannisni irraa poloneessituuf rakkoo uuma.

Kaannisni daggalaa wayita daraaraa xuuxxutti gosooonni biqiltootaa baayyeen akka wal horaniif sababa ta'a.

Qorannoon joornaala saayinsii Ecology and Evolution irratti barreeffamee bahe kun, isa baayyee guddaa ta'edhas jedhameera.

Kaannisni waqtii qorri hammaatu ni rafuu?

Akaakuuwwan kaannisa bosonaa gara garaa 250 ta'an akka jiran qorannoon ni mul'isa. Akaakuuwwan kannisaa gara garaa kunnenis akkaataa marsaa jireenyaafi akkaataa ittiin haala naannoofi qilleessaatti baranii jiraataniin addaa addadha.

Fakkeenyaaf, sanyiin kaannisaa bosonaa bumblebee jedhaman haadhoon isaanii waqtiin birraa gahee baatee osoo hin haqaqiin dura walumaagalatti lafa jala rafu.

Sanyiiwwan kaannisaa UK keessa jiran harki caalan qofa galeeyyii waan ta'aniif waqtii bonaati. Kan isaan haqaaquurraa bahanii guddatan ammoo gara waqtii arfaasaatti. Hanqaquun gurguddatan ammoo waqtii gannaa jiisaa keessa rafaa hanga birraan bari'utti turu.

Polineeshiniin akkamiin miidhama?

Yeroo dammaqan jechuun waqtii birraatti ganna dabarsanii bakka keessa jiran keessaa bahuu jechuudha.

Qorannoon gaggeeffame akaakuuwwan kaannisaa bosonaa 88 ta'an irratti yoo ta'u, galmeewwan gara garaa fayyadamuun guutummaa waggaa 40 ilaaluun danda'ameera.

Qorannoon kun akka agarsiisetti, sanyiin kannisaa gara garaa yeroo gara garaatti bahu, garuu giddu-galeessaan akaakuuwwan 88 kunneen waggaa kudhan kudhaniin guyyoota afur dursanii bahu.

Yuunivarsiitii Riiding irraa qorataan argannoo kana waloon barreessan Kiriis Wyver akkas jedhe: "Haala qilleensaa ho'aa jechuun kaannisoonni duranii bakka rafanii bahu jechuudha, garuu yeroo isaan bahanii barrisuu jalqabanitti nyaanni gahaan ho'a barbaachisu dhiyeessuufiif danda'u hin jiru.

"Yeroo itti kaannisa haaraa bakka keessa rafanii itti bahaniifi biqiltoonni tti daraaran akka wal simatu taasisuun barbaachisaadha. Sbababiin isaa ammoo dararaa (poleniifi daraara xuuxamu) argatanii carraa lubbuun jiraachuufi wal horuun isaanii akka dabalu taasisa.

"Yeroon isaa wal simachuu dhabuun [yeroo biqiltuun daraaruufi kaannisni dammaqan] kaannisoonni polineeshinii sirriitti hin gaggeesan jechuudha."

Biqiltoota warra kamitu miidhama?

Dr Kiriis Wyver yaada akka dhiyeessetti, polineeshiniin uumamaa xiqqaate jechuun qonnaan kannisa gaaguraa ofin horsiisan gargaaramuun akka polineeshiniin jiraatu gochuu isaan barbaachisa. Kana gochuun ammoo isa kan uumamaa caalaa baasii caalaa baasisa.

Akka qorannoon kun fuula duratti ni ta'e jedhee tilmaametti, bara 2070tti waqtiin qorraa biyya Awurooppaa ho'i isaa 1 fi 4.5°C gidduu ta'a. Jiidhinni saa ammoo %30 ta'a jechuun Waajira Metirooloojii ibseera.

Kun ta'uun ammoo waqtiin birraa dursee akka seenu taasisuun kaannisoonni ammoo dursanii akka dammaqan taasisa.

Jijjiiramni kun akaakuu biqiltootaa wal hormaataaf polineeshinii irratti hundaa'aniif yaaddessaadha. Keessumaa biqiltuun akka appil kan yeroo kaannisni dammaqanitti daraaruuf rakkisaa ta'a jedhameera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub