Tigraayiitti kabajni ayyaana Ashandaa waggaa lamaaf adda citee ture torbaniin dura ture naannichatti haala ho'aan kabajamee kan ture.
Kana hordofunis ajjeechaan Maqalee keessatti raawwatame hedduu naasisuun hanga ammaatti ijoo dubbii ta'aa jira.
Jiraattuun magaala Maqalee Zawuduu Haaftuunis kabaja ayyaana Ashandaa miiraan eeggataa turte irratti hirmaachuuf qophooftee akkasumas guyyaa dhaloota hiriyaa ishee kabajuuf ture kan manaa baate.
Haata'u malee, kan ishee mudate gammachu isheen hawwite osoo hin taane, magaala guddoo Naannoo Tigraay Maqalee, bakka Addii Haawusii jedhamuutti namootaafi sababii hin beekamneen ajjeechaan irratti raawwatame.
Ajjeechaan kunis maatii isheetti gadda cimaa umuun alattis uummata magaalattiifi bakkeewwan gara biraatti naasuu umeera.
Taateen kunis miidiyaalee hawaasaa guddaatti ijoo marii ta'un, gaaffiiwwan ajjeechaa kana duba eenyutu jira? maaliif? jedhan kaasaa jira.
BBCn's dhimmicharratti maatii shamarree Zawuduu Haaftuu, namoota ijaan arganiifi waajira poolisii magaala Maqalee dubbiseera.
Birtukaan Haaftuu obbooleettii quxusuu Zawuduu Haaftuuti. Zawuduun kan dhalatteefi guddatte achuma Maqalee naannoo Maayi Anbassaa jedhamuutti. Zawuduun ijoollee maatiin ishee godhatan keessaa intala angafaa turte.
Abbaan ishee hojii waardiyyuummaa, haatii ishee ammo farsoo gurguruun ture kan ijoollee isaanii guddifataa turan.
Shamarreen amma ajjeeffamte Zawuduun Yunivarsitii Koolleejii Shaabaa irraa Akkaawuntiingiidhaan digrii jalqabaatiin eebbifamtee turte.
Isaan boodas dhaabbilee garaa garaa keessatti mindeeffamuun hojjii hojjattee galii argattuun ofiisheefi maatiishee deeggaraa turte.
Waraana naannoo Tigraayiitti waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture erga xumura godhateen boodas gara magaala Finfinneetti deemtee akka turte himama. Erga waliigalteen nagaa taasifameen booda gara naannichaatti deebitee iqqubii walitti qabuun maatii ishee gargaaruu eegalte jedhu maatiin.
Birtukaan waa’ee obbooleettii ishee ajjeeffamtee yoo dubbattuu, ‘‘Zawuduun maatiifi obbolaa isheetiif malee ofiif jiraattee hin beektu. Ani obbooleettii ishee quxisuudha.
''Ofiikoo gargaaraan jira. Heerumee mucaa godhadheerra. Isheen garuu osoon jijjirama obbolaakoo irratti hin argamiin, maatiikoo osoo of hin dandeessisiin gaa’ila hin dhaabbadhu jechuun heeruma didde, ilmoos hin godhanne,’’ jechuun waa’ee obboleettii ishee dubbatti.
Guyyaa Sambataa gaafa Hagayya19, 2023 kabaja Ashandaaf jecha shurrubbaa dhahattee, akkuma barameettis iqqubii walitti qabuuf hiriyyaa ishee waliin ta’uun guyyaa dhaloota hir’iyyaa isaanii tokko kabajuuf uffata geeddaratanii manaa bahan.
‘‘Guyyaan dhaloota hir’iyaa ishee kan kabajamu naannoo bataskaama Qulqulluu Mikaa’eelaatti ture. Maaliif akka gara Haawusii akka deeman hin barre,’’ jetti Birtukaan.
Balaan mudatee Hospitaala Ayidar keessatti akka argamtu bilbilaan akka itti himameefi dhumarrattis jecha ishee akka hin dhageenye ibsiti.
Sababbii ajjeechaa shamarree tanaa hanga yoonaatti maatiin baru hin dandeenye. Obboleettiin ishee akka jettuutti, Zawuduun baayyee namaan waan waliigaltuuf diina qabdi jettee hin shakkitu.
‘‘Kan isheen gaarii hawwuu malee namni hamaa isheef yaadu hinjiru. Sababii diina hin qabneefu eenyuun shakku danda’a?’’ jechuun ajjeechaa obboleettii ishee duuba kan jiru irratti bitaa itti galu himti.
Waajirri Poolisii Magaala Maqalees guyyaa Zawuduun itti ajjeeffamtee kaasee namoota gochaa kanarratti hirmaatan to’achuuf yaalii qindaa’aa gochaa jiraachu beeksiiseera.
Ajajaan waajirichaa, Komaandar Waldaay Mawucaa BBCtti akka himaniitti, dhimma ajjeechaa kanaa qorachuuf gareen oggeessoota godinaafi bulchiinsa magaalaa irraa babahan hammate hundaa’eera.
Qorannichi waan hin xumuramneef yaada bal’aa kennuun irraa of qusachuun, ‘‘qorannicha xumurree yakkamtoota to’achuun carraan ummatatti beeksisuuf akka jiraatu abdanna,’’ jedhan.
Namoota ajjeechaa sana duuba jiran to’achuuf hawaasni wal ta’insa amma taasisuu caalaa akka hirmaatuuf gaafataniiru.
Daandiin shamarreen tun irratti ajjeefamte karaan Hoteela Dasitaadhaa hanga Hoteela Liibaanoos geessuu kan namoonni hedduun irra socha’aniidha.
Obbo Kohaab Asfaahaa kan jiraatan kutaa magaalaa yakki ajjeechaa shamarree tanaa itti raawwatame keessa.
Osoo daandii qaxxaamaruuf jiranuu akka tasaa konkolaataa ‘Pick-up’ tokko ibsaa dheeraa ibsaa garmalee fiigaa yoo darbu arge. Battaluma sanattis bakka namoonni iyyaa dhageessisan yoo dhaquutti reeffa nama du’e arge.
‘‘Balaan sun gara sa’aatii sadii jechaa rubii hir’ittu raawwatme. Hannatu raawwatame malee yakki sukkaneessaan akkasii kan raawwatame hin seene ture.
Konkolaatichi garmalee waan fiigaa tureef anayyu na amma xiqqoof na hin rukutiin hafe. Achumaan iyya dhagahe yoon dhaqu reeffa arge,’’ jedhan.
Achumaanis reeffi kaafamee gara hospitaalaa akka geeffamu taasifamu dubbatu.
‘‘Hanna haata’u ykn nama kaayyoo biraa qabu ta’un adda hin bane. Waan isaa hiriyaan ishee waliin turte ni ibsiti jedheen amana,’’ jedhan Obbo Kohaab.
Erga yekkichi raawwatameen booda hawaasni naannichaa poolisii waliin ta’un konkolaataa sana barbaachiif yaalii taasisaa akka turan dubbatu namni kun.
Namoonni tilmaama mataasaanii dubbataa jiru, hanga yoonaatti wanti qabatamaan argame hin jiru. Maatiin Shamarree Zawudus haqa barbaadaa jira.
Obboleettiin Zawudu, Birtukaan, ‘‘obboleettiin tiyya dargaggoota Tigraay caaltee osoo hin taane, magaaluma itti dhalateetti, ilmoodhuma biyyaatiin yoo ajjeeffamtu baayyee ulfaata.
Akka dubartoota kaan irra hin geenyeef haqni jiraachu qabaata. Olaantummaan seeraa kabajamu qabaa,’’ jechuun mootummaa haqa obboleettii ishee akka barbaaduuf gaafatte.
Tidak ada komentar:
Posting Komentar