Search This Blog

Rabu, 24 Januari 2024

Buqqaatonni Tigiraay qe’eesaanitti akka deebifamanii fi gargaarsa namoomaa atattamaa gaafachuuf hiriira bahan - BBC.com

Hiriira buqqaatoonni Tigiraay Maqaleetti bahan

Madda suuraa, Tigrai Tv

Dhalattoonni Tigraay biyya keessatti qe’eesaaniirraa buqqa’an kumaatamaan lakkaa’aman, magaalaa guddoo naannicha Maqaleetti hiriira bahuun gara qe’eesaanitti akka deebifamanii fi gargaarsa namoomaa atattamaa akka qaqqabu gaafatan.

Hiriirri kun torban tokko keessatti isa lammataati.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa, mootummaan isaanii rakkoo kana furuu dadhabuu isaatiif gar-tokkoon ittigaafatamummaa akka fudhatu amanan.

Waraana Sadaasa bara 2022 naannichatti ka’e hordofuun namoonni miiliyoona 1.4 ol ta’an, irra caalaan isaanii dhiha Tigraayirraa buqqa’aniiru jedhamee amanama.

Lixaa fi kutaaleen kibba Tigraay muraasi hidhattoota naannoo Amaaraa kanneen bakkichi kan isaanii ta’uu himaniin qabamee ture.

Amma namoonni hiriira bahan kunneen gara qe’eesaaniitti akka deebi’an, deeggarsi namoomaa atattamaan akka kennamuu fi waliigalteen Piritooriyaa waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture goolabe guutummaatti hojiirra akka oolu gaafatan.

Buqqaatota biyya keessaa taanee hafuu hin barbaannu jedhan hiriirtonni

Madda suuraa, Tigrai Tv

Qindeessitoota hiriira kanaa fi namoota qe'ee isaaniirraa buqqa’an keessaa tokko kan ta'e Birhaana Hahilaay, kana booda buqqaatota ta'anii jiraachuu hin danda'an jedhan.

"Buqqaatota biyya keessaa taanee hafuu hin barbaannu jechaa jirra. Gara qe’ee keenyaatti nu deebisaa. Waliigalteen Piriitooriyaa hojiirra ooluu qaba. Gargaarsi namoomaa addaan cituutu jira," jedhan.

Itti dabaluun, "Beelaan du'aa jirra" jedhan. Tv’n naannoo Tigraay suuraa namoota hiriira mormii siree dhukkubsataan baatan (stretcher) irra ciisuun hiriiratti hirmaatanii maxxanseera.

Qindeessitootni hiriirichaa, namoonni sun sababa beelaafi hanqina qorichaatiin kanneen laafanii jedhan.

Namni hiriira kanatti hirmaate kan biraa Ashabbir Hagizoom, lixa Tigraayirraa humnaan erga buqqa'ee booda Maqaleetti godoo qubannaa keessa akka jiraatu hime.

Ashabbir, ji'oota kudhaniin dura gargaarsa namoomaa argane jedhe.

"Ni beelofne, dhukkubsanneerra, gargaarsa namoomaa nu barbaachisa’’ jedhe.

"Gargaarsi namoomaa yeroo dhiyootti nu qaqqabe Ebla darbe keessa ture. Abdii qofaan jiraachaa jirra’’ jechuun rakkachuu ibse.

"Sududaan reeffaatti geeddaramaa jirra."

Namoonni guyyaa guyyaan du'aa jiru.

Obbo Birhaanan akka jedhanitti, ji'oota sadan darban qofa yoo xiqqaate namoonni 39 sababa beelaafi hanqina qorichaatiin wiirtuuwwan buqqaatota keessatti du'an.

Pireezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa, hiriirtotatti wayita dubbatan, mootummaan isaanii gara qe’eesaaniitti deebisuu dadhabuu isaatiif gar-tokkoon ittigaafatamummaa akka fudhatu amanan.

"Gahee keenya bahuu waan dadhabneef haala hamaa keessatti haftan" jedhan Obbo Geetaachoon.

Obbo Geetaachoon yeroo gabaabaa keessattis hanga danda’ametti gara qe’eesaaniitti akka deebisan waadaa galan.

Mootummaan federaalaa akka jedhutti, buqqaatonni osoo rifarandamiin ykn mirgi hiree ofiin murteeffannaa hin gaggeeffamiin dura naannoo falmiin irratti ka’utti akka deebifaman ibsee ture.

Garuu hanga ammaatti hojiirratti hin hiikamne.

Paartiin naannicha bulchaa jiru TPLF, yeroo jiraattonni sababa gogiinsa du’aa jiranitti yaa’iin rakkoo hoggansaa fura jedhame dheerachuusaaf qeeqamaa jira.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub