Search This Blog

Minggu, 21 Januari 2024

Itoophiyaatti barattoonni ‘KG’ fi afaan Ingilizii maaliif adda bahan? - BBC.com

Barattuu gabatee dura dhaabbachaa jirtu

Itoophiyaatti bara kanarraa kaasee barattoonni ‘KG’ [oolmaa daa’imanii afaan Ingilizii barachuu dhaabaniiru. Daa’immaan keessumaa kanneen magaalaa Finfinnee keessa jiraniifi gara manneen-barnootaa dhuunfaattu baratan akka kanaan duraa maqaasaanii Ingiliffaan barreessuu shaakaluun hafeera.

Barattoonni oolmaa daa’immanii akka kanana duraa qubee afaan Ingilizii A, B, C, D,.. yeedalootiin lakkaa’an hin jiru. Bara kanarraa kaasee barnoonni akka ‘Spoken English’ fi ‘English Literature’ jedhaman barnoota ‘KG’ keessaa haqamaniiru.

Kan kanaan dura gosa barnootaa tokkicha afaan lamaan baratan ykn gosa barnootaa tokkoof dabtara lama baatan sun amma hin jiru jechuudha.

Olmaan daa’immanii kanaan dura ijoollee Ingiliffa barsiisuun filatamoo ta’an bara kanarraa kaasee barnoota hunda kan kennan afaan abbaasaanii ykn kan afaan itti hiikkataniin qofa.

Akkaataa hoj-maata Ministeera Barnootaatiin barattoonni afaan Ingilizii akka gosa barnootaa tokkotti barachuu kan jalqaban kutaa tokkoffaa yeroo qaqqabanittidha.

Manni-barumsaa ‘Gobson Academy’ ji’a tokko dura hayyamni barnoota sadarkaa oolmaa daa’immaanii (KG) akka jalaa haqamuuf sababoota taasisan keessaa adda-durummaan kan eeramu dhimma barnoota Ingiliffaa kanadha.

Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullina Barnootaafi Leenjii Magaalaa Finfinnee xalayaa ‘Gibson’f barreesseen “manni-barumsichaa afaan barnootaa bulchiinsa magaaluchaatiin ala gosa barnootaa Ingiliffaan kennaa jiraachuun isaa” badiisaa keessaa tokko ta’uu eereera.

Kitaaba barnootaa barattoota ‘KG’ sadarkaa tokkoffaafi lamaffaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetiin qophaa’e BBCn arge, keessa isaatti afaan naannoo, Herrega, akkasumas barnoota naannoo bakka tokkotti walitti makamee dhiyaateera.

Sirni barnootaa haaraa barnoota Ingiliffaa ‘KG’ keessaa hambise kun garuu maatii barattootaa biratti fudhatama waan argateeru hin fakkaatu.

“Bakka baayyeetti kan dubbatamu afaan idil-addunyaa Ingiliffadha. Ingiliffa dubbachuu, dubbisuufi barreessuu danda’uu qabu. Sirni barnootaa keenya kanarratti dhiibbaa osoo hin godhu ta’e wayya,” jechuun yaadashee kenniti jiraattuun magaalaa Finfinnee daa’ima wagga ja’aa qabdu Aadde Maahilet Taammiruu.

Oolmaaa daa’immaanii daa’imashee itti barsiifattutti walitti-qabduu koree maatii kan taate Maahilet akka dubbattutti, komiin dhiyaatu kun maatii biraarraas akka ta’edha. Barnoonni afaan Ingiliffaa ijoolleesaaniitiif kennamaa ture maaliif akka hafe maatiin gaaffii kaasaa jiraachuu BBC'tti himteetti.

Gosa barnootaa KG bakka kan bu’e ‘Qabatamaan’ jedhamu maali?

Komii maatiin barnoota oolmaa daa’imaniirratti dhiyeessan kana kan uume jijjiirama sirni barnootaa haaraa sadarkaa KGtti qophaa’ee kennamudha.

Bara barnootaa kanarraa kaasee hojiirra oolaa kan jiru sirni barnootaa haaraa kun, daa’imman kan baratan gosa barnoota (subjects) garagaraatti kan qoodame miti.

Barattoonni KG ykn oolmaa daa’immannii akka kanaan duraa Herrega Amaarinyaa, Afaan Oromoo ykn Saayinsii Naannoo kanneen jedhan gosoota barnootaa hin qaban.

Bakka gosoota barnootaa kan baratan wantota ”Qabatamoo” [Cibxooch] kan jedhamedha.

Fakkeenyaaf, barattoonni oolmaa daa’immanii bara jalqabaa wantota ‘Qabatamoo’ ykn ‘Cibxooch’ jedhaman ja’a baratu. Isaan keessaas, “Waa’ee koo”, “Mana koofi Maatii koo”, akkasumas Mana-barumsaa koofi Naannoo koo,” kanneen jedhan keessatti argamu.

Barattoonni oolmaa daa’immanii sadarkaa lamaffaa kan baratan keessatti ammoo waa’een “Waaliyaa”, “Hawaa”, “Biqiltoota”, fi “Geejjiba” kanneen jedhan keessatti argamu.

Yunivarsiitii Finfinnee, Wiirtuu Kunuunsaafi Barnoota Daa’imummaa (Center for Early Childhood Care and Education)tti barsiisaa kan ta’eefi warra sirna barnootaa kana qopheessan keessaa tokko kan ta’e Dr. Taaddasee Jaallataa akka ibsutti, wantonni “Qabatamoo” [“Cibxooch”] jedhamu ofii isaaniitiin gosa barnootaa miti.

“Haala Qabxatamaa” (Context) jechuun daa’imman wantota naannawaa ofiisaaniitti beekaman fayyadamuun baruu qabu kan jedhamu waliin makanii haala ittiin dhiyeessanidha. Ofiimasaa barnoota osoo hin taane, haala barnootaaf gargaarudha,” jechuun ibsa Dr. Taaddaseen.

“Wanti ‘Subject’ jedhamu hin jiru; wanti hunduu walitti makamaadha.”

Akka ibsa Dr. Taaddasaatti, haalli qabatamaa tokko daa’imman barachuu kan barbaadan afaan, lakkoofsaafi dhimmoota biro of keessatti qabata.

Haala qabatamaa “Waa’ee koo” jedhu akka fakkeenyaatti kan kaasu Dr. Taaddaseen, “kana keessatti baraticha waa’ee ofii isaa, waa’ee qama isaa odeessa.

''Yeroo kana odeessutti ammoo dandeettiifi ogummaa komunikeeshinii hawaasummaa, guddina sammuu, ofitti amanamummaa, afaan immooshinaal gabbifata,” jedha.

Daa’imman kana kan baratan ammoo afaan abbaa isaaniitiin qofa.

Kana qofaas miti. Akka sirna barnoota haaraa kanatti barattoonni yeroo baayyee daree keessa taa’anii gabateefi dabtara qofaatti ija akka baasan hin barbaadamu.

Baranarraa kaasee barattoonni KG kan baratan irra caalaan toofataa taphaa, faaruufi hibboo, oduu durii ykn sheekkoonidha. Qajeelfamni barsiisotaa hojiirra oolmaa sirna barnootichaatiif jecha Biiroon Barnoota Magaalaa Finfinnee baase, “daa’imman kan barata taphaanidha,” jedha.

“Taphni wanta filannoo hin qabneefi barnoota hunda keessatti makuudhaan barsiisuuf tooftaa gargaaru addaadha,” jedha faayidaa taphni qabu barsiisotaaf yeroo ibsu.

Daa’imman tortii mana-barnootaa guyyaa tokkoo keessatti yeroo tapha dareefi dareen alaa, akkasumas oduu durii ykn sheekkoofi faaruu qabaachuu akka qaban qajeelfama barsiisotaarra jira. Yeroon dubbisuufi barreessuu ammoo “muraasa” ta’uu akka qabu hubachiisa.

Kaarikulamiin kun daa'imman "dandeettiisaanii gadi akka baratan gochaa jira"

Akka sirna barnoota (kaarikulamii) haaraa kanatti ammaan booda daa'imman turtiisaanii mana-barumsaa gara caalu taphaan dabarsu waan ta'eef qabiyyeen barnootaa baratan xiqqaateera.

Haadha qabeenyaa Biruuh Kindergaarten kan Finfinneetti argamuu kan taate Aadde Gannata Mangashaa, "Sadarkaan beekumsaa nuti kanaan dura basiifnuufi kan amma baratan baayyee xiqqaateera," jechuun gamagama kaarikulamii haaraa kanarratti qaban BBCtti dubbatte.

Akka kaarikulamii haara akanatti daa'imman turtii waggaa sadii keessatti lakkoofsa kana baratan hanga 20tti ta'uu isaa kitaaba qajeelcha barsiisaarra jira.

Kitaabonni oolmaa daa'immanii kanaan dura ture "cimaafi qabiyyee hedduus" kan qabate akka ture kan ibsu qajeelchi barsiisaa kun, sababiin foyyeessuun barbaachiseef tokko kana ta'uu eera.

Qabiyyeen barnoota KG hir'achuun maatii hin gammachiifne. Matii kanneen keessaa tokko kan taate Aadde Mahilet, yeroo amma kana daa'imman tekinoloojiirri dhiyeenya qabaniin mana-barumsaa osoo hin galiin baayyee akka beekan dubbatti.

Kaarikulamichi hir'famuun ijoolleen fedhii akka hin qabaanne godheera. Intalli kiyya KG 3 jirti. 'Kana bara darbe baradheera' naan jette," jechuun barnootichi dandeettii ijoolleetiin gadidha amantaa jedhu akka qabdu ibsiti.

Manneen-barnootaa dhuunfaa magaalaa Finfinneetti argaman komii kana fakkaatu maatiirraa isaan bira gahaa jiraachuu pirezidantiin Waldaa Manneen-barnootaa Dhuunfaa Finfinnee Obbo Abarraa Xaasaw BBCtti hime.

"Warra qoratan bira [ialaalchi jiru] kan biraa ta'uu danda'a. Amantaa keenya warra qabatamaan lafarratti arginu garuu ijoolleen miidhamaa jiru. Dandeettiisaaniitii gadi akka baratan taasifamaa jiru amantaa jedhu qabna.

Maatiin baayyee nutti iyyaa jiru. Maatiin maqaa meeqa kennu. 'Beekaa barsiisaa hir'isuuf jettaniiti' nuun jedhu," jechuun komii manneen-barnootaa keessummeessaa jiran dubbata Obbo Abarraan.

Yeroo kaarikilamiin oolmaa daa'imanii kun qophiirra jirutti qabiyyeen barumsaa isaa hir'achuufi afaan Ingiliffaa ba'uusaa ilaalchisee Waldichi yaada kennuu isaa Obbo Abarraan ibseera.

"Haala qabatamaa jireenyaa biyyattii keessa jiruun yeroo ilaalamu manneen-barnootaa dhuunfaa baayyee kaffalchiifna. [Maatiin] KGf [birri] 3,500-4000] kaffalu. Kana kaffalaa kan jiraniif ijoolleensaanii taphatanii akka dhufaniifidhaa?" jechuun gaafatu pirezidaantiin Waldaa Manneen-barnootaa Dhuunfaa Finfinnee kun.

Haati qabeenyaa "Biruuh Kindergaarten" Aadde Gannat, sirna barnootaa KG haaraa ilaalchisee maatii waliin walga'ii taasisanii akka turan dubbatti.

"Maatiin baayyeen 'akkas taanaan maaliifan dhufa, maaliifan kaffalee barsiisa. Hanga asitti barsiistan caalaa daa'imni koo mana keessatti baayyee baratti/ta' jedhu" jechuun maatiin kan walga'iirratti dubbbtan yaadatte Aadde Gannat.

Barattuu gabatee gurraacharratti qubee barreessuu shaakalaa jirtu

Sirni barnootichaa maalirraa ka'ee jijjiramoota kana fide?

Ogeessota sirna barnootaa sadarkaa tokkoffaa marsaa duraa (KG) kana qopheessan keessaa tokko kan ta'e Dr. taaddaseen, "Maatiin daa'imni Ingiliffa yoo danda'e, qubee yoo lakkaa'e ykn ida'uu yoo danda'e barateera, guddateera jedhee yaada. Sadarkaa ijoolleetti barnoonni isa miti," jedha.

Akka barsiisaan Yunivarsiitii Finfinnee kun ibsutti, barnoonni daa'immanii barnoota idileetiin ala ta'uu qaba.

Umurii waggaa shaniifi ja'aa daa'imman KG itti baratanitti sammuun namaa kan itti guddatu ta'uu kan dubbatu Dr. Taaddaseen, barnoonni daa'immanii kan irratti xiyyeeffachuu qabu, guddina samuurratti akka ta'e ibsa.

"Daa'immaniifi maddi barumsaafi guddinaa taphadha. Daa'imman mana-barumsaa deemanii taphachuu qabu. Akka mana-barumsaa [idileetti] taa'anii barachuu hin qaban," jechuun itti dabaluun ibsa Dr. Taaddaseen.

Barnoonni Ingiliffaa sirna barnootaa keessaa bahee barnoonni hunduu afaan abbaa daa'imaniitiin akka kennamu kan taasifameefis sababa kanaaf ta'uu kaase.

"[Daa'imman] sirritti taphachuu kan danda'an afaan abbaa isaanii ykn kan itti afaan hiikataniinidha. Daa'imman dirreetti yeroo bahan, oduu durii {sheekkoo) yeroo taphatan, faaruu yeroo faarsan, taphoota kana yeroo taphatanitti Ingiliffaan taphachuu hin danda'an," jechuun yaada ka'umsaa murtee kanaa eera.

"Kun mootummaan Itoophiyaa kan fide miti. Waliigaltee idil-addunyaati," jechuun daa'immaan afaan abbaa isaaniitiin barachuun isaanii dhimma dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin kan deegaramu ta'uu kaasuun yada isaa jabeessa ogeessi kun.

Turtiin mana-barumsaa daa'immanii sadakraa kanatti "sammuun guddatee barnoota booda dhufuuf qophii ta'uu," akka qabu kan dubbatu Dr. Taaddaseen, kun kan safaramu daa'imman hangam sooshaalii aktiiviidha? Hangam taphatu?

Hangam nama waliin waliigaluu danda'u? Hangam of ibsuu danda'u? kanneen jedhan ilaalcha keessa galfamanii ta'uu ibsa.

"Maatiin barnoota daa'immanii kan safaru ingiliffa dubbachuutinidha. A, B, C, D; 'Spken English' sirriitti yoo bare barateera jedhanii yaadu. Lakkoofsa ida'uu dandeenyaan 'sirriitti bareera' jedhanii yaadu.

''Karaa kanaan waan ilaalaniifidha malee maatiin sammuusaanii safaruu hin danda'an. Guddina samuu safaruu kan danda'u barsiisaa guyyaa guyyaan madaaludha," jechuun itti dabalee ibsa.

BBCn hojiirra oolmaa sirna barnootaa sadarkaa tokkoffaa marsaa duraaa - KG ilaalchisuun ibsa bilbilaan argachuuf Ministeera Barnootaafi Biiroo Barnoota Finfinneetti irra deddeebiin carraaqqiin taasise deebii hin arganne.

Adblock test (Why?)

1 komentar:

  1. FMWhatsApp Apk offers you fabulous features that will make your digital life very easy. Now, you are not obliged to use many alternatives. For example, if you are conscious about privacy, then we suggest you use this MOD APK. It will protect your privacy.

    BalasHapus

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub