Search This Blog

Jumat, 19 Januari 2024

Mootummaan UK, Ambaasadarri Eertiraa Landan jiran biyyichaa akka bahan ajaje - BBC.com

Ambaasadara Eertiraa Landan jiran akka biyyicha gadhiisanii bahan ajajaman

Madda suuraa, ERITREANEMBASSYUK.ORG.UK

Mootummaan UK Landanitti ambaasadara Eertiraa kan tahan Isxifaanos Habtemaariyaam biyya akka bahan ajajuu maddeen dippilomaatii BBCtti himan.

Waggoota 30 oliif hariiroo dippilomaasii gaarii kan qaban UK fi Eertiraan amma ambaasadara Eertiraa biyyaa ari’uu ilaalchisee mootummaan lameenuu ifatti waan jedhan hin qaban.

Marsariitiin Imbaasii Eertiraa Landan jiru akka agarsiisutti, bakka ambaasadarichaa haguuguun itti waamamaa inmbaasichaa olaanaa tahuun kan hojjechaa jiran Saalii Abdullahidha.

Mootummaan UK Ambaasadar Isxifaanos Habtemaariyaam akka biyyaa bahan tarkaanfiin fudhate Eertiraan duraan amabaasadara UK irratti tarkaanfii wal fakkaataa waan fudhatteef deebii isaati jedhu maddeen dippilomaatii BBC’n dubbise.

Bara faranjootaa darbe ambaasadarri UK Eertiraatti ergaman mootummaa Eertiraa irraa fudhatama dippilomaatii barbaachisu osoo hin argatiin hafuu isaaniin garas osoo hin imaliin hafaniiru.

Kana ilaalchisees aanga’oonni Ertiraa Ambaasaadarri biyyattii UK’tti ramadaman maaliif gara hojii itti ramadamaniitti deebii’uudhaan hojiisaanii akka eegalaniif waan barbaachisu akka hin raawwanneef sababiin kennan hin jiru.

Dhimmicharratti mootummaa Ertiraatiin alattis BBC Tigrinyaan ibsa argachuudhaaf yaaliin taasise hin milkoofne.

Amma akka biyyaa bahaniif kan ajajaman Ambaasaadarri Ertiraa Esxiifaanoof Haabtamaariyaam waggoota darban saddeetiif biyyasaanii bakka bu’uudhaan UK keessa hojjataa turan.

Ambaasaadarichi Guraandhala bara 2015 ture xalayaa muudama isaanii Giiftii Elzaabeetiitti dhiyeeffachuun hojiisaanii ifatti kan eegalan.

Ambaasaadarichi teessoosaanii Landan gochuudhaan UKtti Ertiraa bakka bu’usaaniin alattis, baatii Ebla darbee irraa kaasuun Ayirlaandiittis ambaasaadarummaa biyyasaanii dabalatanii hojjataa turan.

Ambaasaadarri kun UK akka bahaniif ajajaman illeen Imbaasichi hojiisaa idilee akka itti fufu kan barame yoo ta’u, Imbaasiin UK Ertiraatti argamus lammiileesaatiif tajaajila qonsiilaa akka kennu ibsameera.

Haata’u malee, namoonni lammii dachaa biyya lamootaa qabaniifi Ertiraa keessatti argaman haalli rakkiisaan jiraachuu himamu.

Biritaaniyaan yeroo dheeraadhaaf sarbama mirgoota namoomaa Ertiraa keessatti raawwatamu yeroo dheeraaf biyyoota lixaa qeeqan keessaa tokko yoo taa’u, waraanaa Tigraay waggaa lamaaf gaggeeffame keessatti hirmaannaa waraana Ertiraa cimsitee mormaa turte.

Akeekkachiisa mootummaan UK yeroo yeroon baasuu irrattis lammiileen Ertiraatti argaman daangaa Jibuutii, Itoophiyaa fi Sudaan irraa fageenya km 25 ol akka hin imalle akeekkachiisa.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub