Search This Blog

Sabtu, 06 April 2024

Barattoonni Maqaleetti hiriira bahan 'poolisiin reebaman, hidhaman' - BBC.com

Barattoota hiriira bahan

Yeroo eebbaa irratti gaaffii qabatanii hiriiraaf daandiirra kan bahan barattoonni Yunivarsiitii Maqalee, poolisiin tumamuu fi hidhaan irratti raawwachuu BBCtti himan.

Waraana hamaa Tigraay adeemaa tureen, barnoota olaanaa waggoota lamaa oliif addaan kan citee ture bakka buusuuf, semisteerri dabalataa akka isaanii kennamu gaafachuun ture barattoonni kunniin gaafa Jimaataa hiriira kan bahan.

Poolisiin hirirri barattootaa kun hayyama kan hinqabnee fi seeraan ala akka tahe ibsuun bittimsuuf tarkaanfii fudhate. Kanaanis barattoota reebuu fi kanneen 20 tahan ammoo to'atamanii akka turan barattoonni BBC'n dubbise kun ni himu.

Barattoonni Yunvarsiitichaa sababa waraanaan yeroo barnootaa jalaa qisaasame bakka buusuuf, bara kanatti barnoonni seemisteera sadii kennameefii akka eebbifaman itti himamuu dubbatu.

Haatahu malee waadaan isaaniif seename kun duubatti deebi'uu isaatiin mufii qaban ibsachuuf daandiitti bahuu barattoonni lama hiriira kanarratti hirmaatan BBC'tti himaniiru.

Barattoonni yeroon isaanii qisaasame tilmaama keessa galuun, seemisteera dabalataa barachuun qormaata taa'anii, barana eebbifamuuf qophaa'aa akka turan himu.

Tahus barnoonni isaanii kan obba'uu fi eebbifaman bara dhufu akka tahe itti himame.

Dhimma kanarratti kan gaafanne daarektarri komunikeeshinii Yunivarsiitii Maqalee Dr. Tikaaboo GabraSillaasee, taatee hiriira barattootaan walqabatee dhimma mudaterratti odeeffannoo akka hin qabne himan.

Dabaluunis barattoonni yeroo eebbaa wajjin walqabatee gaaffii qabaachuu quba akka qabaniifi gaaffichis seera yunivarsiitichaan hiikamuu akka qabu BBC'tti himan.

Barattoonni BBC'tti dubbatan kun, gaaffii isaanii kana pireezidantii yunivarsiitichaa dabalatee bulchiinsaaf irra deddeebiin kaasanis deebii argachuu dhabuusaaniitiin, komii qaban dhageessisuuf mooraa ala bahuu himan.

Baanaroota gaaffilee qaban irratti barreeffaman qabachuun hiriira gubbaa otoo jiranuu, miseensonni poolisii magaalichaa akka bittinnaa'an akka ajajan himu.

Kanarra darbes reebuun akka isaan gargar baasaniifi gara samiittis dhukaasaa akka turanis kaasu.

Taatee guyyaa Jimaataa kanaan reebicha poolisiin barattoonni miidhaman, akkasumas 20 kan ta'an to'atamanii akka turan kan kaasan barattoonni kun, hanga BBC'n dubbisetti barattoonni torba hidhaa keessa jiraachuu himan.

BBC'n taatee kanarratti deebii argachuuf Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Tigraay, akkasumas Poolisii Magaalaa Maqaleetti yaalii godhuus, hin milkaa'in hafeera.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub