Search This Blog

Kamis, 04 April 2024

Somaaliyaan ambaasaaddara Itoophiyaa ari'uun gabaafame - BBC.com

Ambaasaaddar Muktaar (bitaa) waggaa darbe xalayaa muudama isaanii Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammud yeroo dhiheessan

Madda suuraa, VILLA SOMALIA

Somaaliyaan Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa, Muktaar Mohaammad Waaree, sa’aatii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan ajajje.

Manni Maree Ministeerotaa Somaaliyaa walgahii har’a gaggeesseen murtee kanarra gahuu Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa beeksiseera.

Ambaasaaddarichi akka bahan itti himamuu ibsichi eereera. Dabalataan, Waajjiraaleen Qontsilaa Itoophiyaa Haargeessaafi Gaarowee jiran guyyoota torba keessatti akka cufaman murtaa’uu ibse.

Akkasumas, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Somaaliyaa kan ta’an mariif gara Moqadiisuu waamamuus Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibseera.

Tarkaanfiin kuni kan fudhatame birmadummaa, tokkummaa, walabummaafi daangaa Somaaliyaa kabachiisuuf akka ta’e ministeerichi ibseera.

Dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti ammatti jedhame hin jiru.

Dhimma murtee kanarratti Rooyitars Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Nabiyyuu Tadlaa gaafatuus odeeffannoo hinqabu jechuu isaanii gabaaseera.

Itoophiyaan baatii sadii dura bulchiinsa Somaaliyaarraa walabummaa labsatte Somaalilaand waliin dhimma ulaa galaanaa erga waliigalte booda hariiroon Somaaliyaa waliin qabdu muddama seeneera.

Lammiileen Itoophiya Somaalilaand jiraatan waliigalteen biyyoota lameen gidduutti mallatteefamuu hordofee miidhaan irra gahaa jiraachuu kana dura BBC'n odeeffatee ture.

Akka murtee kanaan wajjirri qontsilaa Puntilaandiifi waajjiraalee qontsilaa lama Somaalilaanditti argaman ani cufamu.

Mootummaan Somaaliyaa erga waliigalteen raawwatee ji’oonni lakkaa’ame booda murtee kanarra akkamiin akka gahe hin beekamu.

Murteen Somaaliyaa kuni tibbana Somaaliyaaf beekkamtii dhowwachuu kan labsatte Puntilaand tibbana jila gara Itoophiyaa erga ergitee booda dhagahame.

Ministirri Maallaqaa bulchiinsa hamma tokko of bulchitu Puntilaand guyyaa Roobii daawwannaaf Finfinnee seenuun Ministir Di’eetaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waajjiraalee qontsilaa Somaalilaandiifi Puntilaand keessaa qabdu akka cuftu murtaa’uun isaa rakkoo Somaaliyaan bulchiinsota kana waliin qabdu kan akeekudha.

Somaaliyaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Muktaar Mohaammad kana dura waa’ee Somaaliyaa wanti miidiyaatti dubbatan mormii kaasee ture. Isaaniis boodarra dhiifama gaafataniiru.

Akkaataa Itoophiyaan Somaalilaand waliin raawwatteen Itoophiyaan qarqara galaanaa 20km bal’atu ni argatti.

Itoophiyaan bakkee kanatti buufata humna galaanaa akka hundeessituufi Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti jedhamuu isaa hordofe Somaaliyaan mufii guddaa dhageessiste.

Dhimmichas Gamtaa Afrikaa darbees Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin geesseetti.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti akka hin hirmaanne humnoota nageenyaa Itoophiyaan dhorkame jedhuun isaanii dhimmicha hammesseera.

Itoophiyaan himannaa kana mormiteetti.

Jilli Somaaliyaa humnoota nageenyaa mootummaan ramadeef hin fudhadhu jechuun eegdonni isaanii meeshaa waraanaa hidhatanii bakka yaa’iin adeemsifamutti seenuuf yeroo jedhan qaamolee nageenyaa Gamtaa Afrikaan dhorkamuu ibsite.

Manni Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii si’a lama dhimma kanarratti mari’ateera.

Marii UN kanarratti bakka bu’aan Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaa Somaalilaand waliin raawwatte ‘waraana labsuun qixxaata’ jechuun Itoophiyaan daangaa Somaaliyaa fudhachuufi jechuun himataniiru.

UN’tti bakka bu’aan Itoophiyaa himannaa Somaaliyaa mormuun qeeqaniiru.

Waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin irra geesse waan kana dura hin turre miti, adeemsa idil-addunyaas kan faallessu miti jechuun Itoophiyaan mormiteetti.

Waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliyaa akkuma ifa ta’een biyyoonni addunyaa adda addaa birmaadummaan Somaaliyaa kabajamuu qaba jedhanii ibsaa turan.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub