Search This Blog

Senin, 01 April 2024

Israa'elitti namoonni kumaatamaan mootummaa mormuun hiriira bahan - BBC.com

Mormii mootumaa Israa'el.

Madda suuraa, Getty Images

Israa'eeliitti wal-qoodinsa siyaasaa akka malee jabaa tahe amma addabaabaayitti deebi'ee mul'achaa jira.

Yeroo Hamaas Onkololeessa 7 kibba Israa'elitti haleellaa raawwate garaagarummaan kun moggaatti kaa'amuun waliin dhaabbatanii turan.

Ji'a jahaan booda garuu Israa'eliitti namoonni kumaan lakkaa'aman mormiif daandiitti bahaniiru.

Waraanni kun Ministara Mummee biyyattii Benjaamiin Netaaniyaahuu aangoorra yeroo dheeraaf turan buusuuf humna isaaniif taha.

Yeruusaalemitti poolisiin namoota hiriiraaf bahuun daandii gurguddaa cufan bittinsuuf bishaan foolii xiraa qabu itti biifeera.

Hogganaan biyyattii kun aangoorraa akka bu'aniif dhaadannoowwan gaafataniifi lammiileen Israa'el 130 Hamaasiin butamanii jiran, kan lakkoofisi isaanii hangas hin jedhamne akka du'anitti yaadaman, akka gadhiifamiif waligalteen akka taasifamu gaafatu.

Kaatiyaa Amorzaan ilma waraana Israa'el Gaazaatti bobba'e keessaa tajaajilaa jiru qabdi. Dilbata kalee kanneen daandiitti mormiif bahan keessaati.

''Ganama sa'atii lamaa qabee asan jira. Netaaniyaahuu sittan akka asii deemtuufi deebitee hin dhufnen barbaada. Tikeetiisaa ani nan siif kaffala,'' sagalee guddistuu ishee battalaaf lafa keessee.

''Dabalataan namoota mootummaa isa waliin jiran, namoota badaa hawaasa keenyaa tokko tokkoon filate hundas fudhatee haa deemu,'' jetti.

Raabaayin(barsiisaa amantii warra Juu) Yihuudaa Giliik, Kaatiyaa bira darbaa kadhanna amantichaaf mana sagadaa Temple Mount'duula geggeessa. Iddichi Yeruusaalemitti iddootti masjiidni qulqullaa'aa al Aqsaa argamu dha.

Giliik hiriirtonni diinni isaanii inni sirriin Hamaas tahuu irraanfataniiru, ministira mummee Netaaniyaahuu miti jedhu.

''Dhufanii haa morman, daandiitti haa bahan waan itti dhahamu ifatti haa dubbatan garuu sarara qal'oo demookiraasiifi seer-maleessummaa akka hin qaxxaamurree of eeggachuu qabu,'' jedhan.

Warri mormiif daandiitti bahan akkasumas qeeqxonni Netaaniyaahuu garuu diinoti demookiraasii mootummaa keessa jiru jedhanii amanu.

Mormitoota Israa'elitti daandiitti bahan.

Madda suuraa, Getty Images

Beenjaamiin Netaaniyaahuu namni Israa'eliin tiksu isa qofa akka tahe himaa ture. Lammiileen Israa'el baayyees isa amananii turan.

Fiilisxeemota akka abboomu, lafa biyyaaf barbaadan irratti Yihudoota akka qubachiisu kanas aarsaa malee akka godhu himee ture.

Haa tahu malee Onkololeessa 7 erga Hamaas daangaa ce'ee haleellaa raawwateen booda waan hundi jijjiirame.

Lammiileen Israa'el qaawwa eegumsaa nageenyaa Hamaas akka Israa'el haleelu eeyyameef gaafatamaadha jedhuuni.

Yeroo momitoonni daandiirra jiran kanatti filannoon as dhiyaatee akka geggeeffamu waan jedhu fa'i kuffisuun Hamaas irratti haleellaa haaraa banuuf kutannoo agarsiisaa jiru.

Mormitoonni isaa filannoon yeroosaa dursee akka adeemsifamu barbaadanillee, kanneen itti cichanii isa deeggaran garuu irraa deebiin filannoo akka mo'atutti eegu.

Lammiileen Israa'el Hamaas balleessuu irratti garaagarummaa hin qaban. Waraanni amma adeemaa jiru kunis deeggarsa isa yaadamuun caalaa qaba.

Haa tahu malee akkaataa waraanichi adeemaa jiruufi namoota butaman gadhiisisuu hanqachuu iraatti Beejaamiin Netaaniyaahuu irratti dhiibbaa geessisaa jira.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub