Search This Blog

Senin, 06 Mei 2024

waraana Israa'e-Gaazaa: Waraanni Israa’el namoonni 100,000 Raafaa keessaa akka bahan itti hime - BBC.com

Waraanni Israa’el, ‘’baha Raafaa keessatti oppireeshinii murtaa’aa tahe akka adeemsisuufi, ‘’innis namoota 100,000 irratti dhiibbaa qabaachuu mala,’’jedhe.

Humni waraanaa kuni akka jedhutti, kibba Gaazaa irraatii ‘’namoonni baay’inaan bahuun,’’ irra hin jiraatu.

Oppireeshinii kibba Gaazaatti adeemsifamuuf lammiileen Filisxeem baha Raafaa jiran akka bahan ajajuu jalqabeera jedhe.

Namoonni 100,000 tahan gara dahoo magaalaa dhihoo Kahaan Yuunisiifi al-Maawaasii akka deeman qajeelfamaa jiru jedheera waraanichi.

Waraanni Israa’el ergaa gabaabaa bilbilaa, waraqaa baxxee fi miidiyaa hawaasaa fayyadamuun namooti achi akka socho’aniif ergaa dabarsaa jira.

Dubbiihimaan waraanichaa haalli namoota kana baasan murtaa’aafi suuta kan adeemu tahuu, kunis mootummaa Israa’eliin erga murtaa’ee akka raawwatus himeera.

‘’Oppireeshiniin kuni qaama Hamaas barbadeessuti, Raafaa irraa rokkeetii dhukaasuun loltoota Israa’el sadii ajjeesee humna qabu kaleessa agarsiiseera,’’ jedhe..

Ergasii Israa’el halkan Raafaa haleelaa bulte. Waraana ji’a torbaan booda Israa’el magaalatti to’achuun ala mo’ichi hin jiru jette.

Tahus lammiileen Filisxeem miiliyoona buqqa’an achitti dahatanii jiru, humnoonni Lixaa fi biyyi olla Masriinamoota nagaarra miidhaan gaha yaaddoo jedhu kaasaa jiru.

Copyright: Getty Images

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub