Search This Blog

Minggu, 19 Februari 2023

Bakka buutuun Israa’eel yaa’ii Gamtaa Afriikaa Finfinneerraa akka baatu taasifaman - BBC

Dippilomaatittiin wayita galmicha keessaa bafamaniitti

Madda suuraa, SM

Yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrrikaa guyyaa Sambataa Magaala Finfinneetti taa’amee irraa bakka butuun Israa’eel humnoota nageenyaan akka galma keessaa baatu taasifaman.

Galama dureewwan biyyoota Afriikaa irratti argaman kana irraa akka bahan kan taasifaman Waajjiira Dhimma Alaa Israa’eeliitti, Ittaantuu Daareektara Dhimmoota Afriikaa kan ta’an Shaaran Baar-Lii ta’un barameera.

Dubbi Himaan Gamtaa Afriikaa Dippilaamaatichi galma keessaa akka bahan kan taasifame Israa’eeliin bakka bu'uun gamtichaan waligahicharratti akka hirmaataniif hayyamni kan kennameef nama kana qofaa waan hin taaneef jechuun ibsan illeen mootummaan Israa’eel garuu tarkaanficha mormeera.

Warraabbii viidiyoo wayita qaamooleen tikaa dippilomaatittii galma keessaa yoo baasan mul’isuufi intarneetii irratti qoodameen akka mulateetti, hojjattootta eegumsaatiin galma keessaa akka baatu taasifaman mul’atu.

Dubbi Himaan Ministira Dhimma Alaa Israa’eel taatee mudateef Afriikaa Kibbaa fi Alijeeriyaa itti gaafatamoo taasiseera.

Teessoon Israa’eel Gamtaa Afrikaa keessatti qabdu biyyoota miseensaa jidduutti madda mormii ta’ee tureera.

Warraabbiin Viidiyichaa akka mul’iseettis, Yaa’iin dureewwan Afriikaa 36ffaan Sambata eegalee osoo sirni haasaa baniinsaa taasifamaa jiru ture hojjattoonni waardiyyaa gara garee Israa’eeliitti yoo qajeelan mula’ata.

Dippilomaatii olaantuun Israa’eel, Baarii Lii fi hojjattoota waaridiyaa jidduu haasaan kan taasifame yoo ta’u, booda dippilomaatiittiifi hojjattooni tika agalma walgahichaa keessaa yoo bahan mul’atu.

‘‘Itaantuu Ittigaafatamtu Dhimmoota Afriikaa kan ta’an Shaaran Baari-Lii walgahiicharratti taajjabdummaan hirmaachuuf hayyamaafi waraqaa seensaa qabataniiru. Taatee akka galma walgahichaa keessaa akka bahan itti taasifame kanas Israa’eel haala salphaatti hin ilaaltu’’ jechuun ture dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Liiyoor Haayaat Times of Israel’tti kan himan.

Taatee kanaafis Aljeeriyaafi Afriikaa Kibbaa kan himatan yoo ta’u, biyyoonni kunneenis ‘‘jibbaan dhiibamuun’’ kan raawwataniidha jedhan Dubbii Himaan kun.

Haata’u malee qondaalli Gamtaa Afriikaa tokko Baar-Lii ‘‘galmicha keessaa akka bahan kan gaafataman’’ waan yaa’icharratti akka hirmaataniif hin affeeramneef jedhan.

Gamtichi yaa’icharratti akka hirmaataniif kan afeere AMbaasaadara Israa;eel kan ta’an Aleelii Armaasuu qofaa yoo ta’u, affeerichis kan nama biraatiif dabarfamu akka hin taanee maddi oduu Faransaay AFPn gabaaseera.

‘‘Namni walgahicha keessaa akka bahan taasifamanis affeerraa kana haala hin taaneen fayyadamunsaani ni gaddisiisa’’ jechuu qondaalli Gamtaa Afriikaa maqaansaanii hin eeramne tokko waabeefachuun AFPn gabaase.

Israa’een Gamtaa Afriikaa keessatti eyyama taajjabdummaa kan argattee wagga tokkoon dura yoo ta’u, Filisxaamoonni murtee kana gamtichi deebiisee akka ilaaluuf gaafachu hordofunis gaaffiin irratti ka’e ture. Bara darbes koreen dhimmicha qoratu hundaa’ee ture.

Gama Israa’eeliin gaaffii biyyasaaniirratti dhiyaatee kana kan kuffisan dubbii himaa Afriikaa Kibbaa yoo ta’an, biyyisaanii dippilomaatittiin walgahiicha keessaa baafamuun kan walitti fidu omtu akka hin jirre kaasuun, dhimmi Israa’eel gamticha keessatti teessuma argachu dhimma hin murtofne ta’u Rooyitarsiitti himan.

Waajjira Quunnammatii Idil-addunyaa Afriikaa Kibbaatti itti gaafatamaa dippilomaasii ummataa kan ta’an Kileeyisan Moonyeelaa, ‘‘Gamtaan Afriikaa dhimma teessuma taajjabdummaa Israa’eel irratti murte hanga kennuutti, akka biyyaatti walgahichaarratti hirmaachuun taajjabuun hin danda’amu’’ jechuutu gabaafame.

Israa’eel hirmaannaa Gamtaa Afriikaa keessatti qabdu ilaalchisee erga dhiyootiin as biyyoota miseensaa jidduutti falmisiisaa ta’eera.

Waggoota darban keessa Israa’eel biyyoota Afriikaa waliin walitti dhufeenya qabdu feessuuf hojjataa kan turte ta’ulleen, waliitti dhufeenya dippilomaasii ishees fooyyasite jirti.

Waggoota lamaan dura Pirezidantiin Chaadi Imbaasii biyyasaanii Teel-Aviiv keessatti saaquuf gara Israa’eel imalunsaanii ni yaadatama.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub