Search This Blog

Rabu, 22 Februari 2023

Namoonni 80,000 ol walitti bu'iinsa Somaalilaand baqachuun Itoophiyaa seenan - BBC

Hookkarri Los Anood keessa raawwatamu mormuun kanneen hiriira mormii bahan jiru

Madda suuraa, Getty Images

Walitti bu’iinsa bulchiinsa Somaalilaand keessa adeemaa jiru baqachuun namoonni 80,000 ol gara Itoophiyaa baqachuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishiniin Olaanaa Baqattootaa (UNHCR) beeksise.

Waraanni kuni Aanaa Las Anood bulchiinsa Somaalilaand akka biyyaatti of waamtu keessa humnoota mootummaafi milishoota naannoo gidduutti taasifamaa jira.

Kanneen Somaalilaand irraa buqqa’uun Baha Itoophiyaa Naannoo Somaalee Godina Doollo qubatani.

Kanneen keessa dubartoota ulfaafi hoosisaa jiran, daa’imman maatii irraa adda bahan akkasumas namoonni umriin jaaran jiraachuu eejansichi ibseera.

Hawaasis sirnaan simachuun waan qaban akka qoodaafi jiran dhaabbatichi ibseera.

Hookkara Los Anood keessa mudateen guyyaatti giddugaleessaan namoonni 1,000 gara Itoophiyaa ce’aa akka turan Komishiniin Baqattoota Addunyaa torban darbe ibsee ture.

Bakki buqqaatonni yeroo ammaa itti dahatan immoo durumaa hawaasichi hongeen kan rakkataa turedha.

Roobni waqtiiwwan shaniif waan roobuu dideef hawaasa naannoo Somaalee dabalatee biyyoonni Baha Afrikaa hongee waggoota 40 keessatti hamaadha jedhameef saaxilamaniiru.

Akka UN ibsetti, sababa kanaaf gargaarsi dabalataa ni barbaachisa.

Kanneen Itoophiyaatti ce’an alatti namoonni kuma 180 ol achuma Somaalilaand keessatti buqqa’uun kaampiiwwan 66 keessatti dahataniiru.

Bara 1991 Somaaliyaa irraa kan foxxoqxe Somaalilaand bulchiinsa of dandeesse ta'u barbaaddi.

Haa ta'u malee, sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne.

Somaalilaand Gaanfa Afrikaa rakkoo nageenyaa qabu keessaa yeroo dheeraaf bulchiinsa tasgabbii qabdudha.

Erga tibbana filannoon harkifate as garuu muddamni dhalateera. Lola Los Anooditti baatii kana eegaleen dhibbaan kan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub