Search This Blog

Minggu, 02 Juli 2023

Maaliin nagaa kabachiistota UN baasun hidhattoota Waagnariif carraa akkamii uume? - bbc.com

Loltuu nagaa kabachiisaa UN

Madda suuraa, AFP

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii humnoonni nagaa kabachiisaa UN Maalii keessaa akka bahan murteessee jira. Humni nagaa kabachiisaa UN waggoota 10 oliif Maalii keessa turtii godheen loltootni 187 jalaa du’aniiru.

Garuu UN humnoota nagaa kabachiisaa isaa Maalidhaa akka bahan kan godhe loltoonni heddu jalaa du’uu isaaf osoo hin taane mootumaan Maalii loltoottonni humnoota nagaa kabachiisaa biyyattii gadi dhiisanii akka bahan ajaja dabarsuusaati.

Biyyattii keessa rakkoon nageenyaa hanga ammaa furamuu baatullee loltoota nagaa kabachiisan 12,000 kan biyyoota addunyaa garaa garaarraa walitti qabamantu jira.

Gama biraan ammoo hidhattooonni Waagnar, kampaanii dhuunfan hidhattoota bobbaasu, 1,000 ta'antu Maalii keessa jira.

Humnoonni nagaa kabachiisaa UN bahan taanan Maalin hidhattoota garee Waagnar irratti hundoofti jechuudha.

Kaabaa hanga giddu galeessa maaletti hidhattoonni 'jihaadistii' yeroo garaa garaatti haleellaa gaggeessuu hin dhaabne.

Hidhattoonni Waagnar muuxannoo hidhattoota loluu qabaniin sodaa hin qaban jedhamanii jajaman illee garee hidhattoota 'jihaadistootaa' Maalii keessa socho'an dhaabuu danda'uurratti shakkiin ammayyuu jira.

Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmir Puutinifi dursaa garee Waagnar kan ta'e Yevgeenii Pirigoozhin gidduutti muddamni torbee darbe dhalatee tureen ammoo hidhattoonni kun ulaagaa maalin Maalii keessatti akka bobbaafaman irratti gaaffii kaasun waan hin oolledha.

Gama biraan ammoo hidhattoonni Waagnar Maalii keessatti bobba'uunsaanii Raashiyaan Afrikaa keessatti hundee akka jabeeffattuuf carraa guddaa banaaf. Kuni ammoo biyyoota akka Faransaayifi Ameerikaa hin gammachiifne.

Lammiilee Maalii Waagnar simatan

Madda suuraa, Getty Images

Maalii keessatti qormaanni hidhattoota Waagnar mudatu keessaa tokko gareen akka USfi Faransaayi Maalii keessatti gochaa turan deeggarsa haleellaa qilleensarraa, oppireeshinii waraanaa saatalaauitii fa'aan deeggarame gaggeessuu hin danda'u.

Xiyyeeffannoon garee Waagnar buufatalee ijoo ta'an qabachuun bakka irraa ka'ee haleellaafi to'annoo gaggeessu tolfachuudha.

Ji'oota 11 darban keessa Maalin loltoota Faransaayi caalaa hidhattoota Waagnar irratti hundaa'uu erga eegaltee kan yeroo kaanii caalaa haleellan 'jihaadistootaa' hammaachutu himame.

Gama biroon humnoonni nagaa kabachiisaa UN gaafa bahan walitti bu'iinsi tifkattoota gidduutti gaggeeffamu dabaluunsaa waan hin oolledha.

Sababa tasgabbiifi nageenyi hin jirreef manneen barnootaa 1,500 caalan cufamuun diinagdeen naannichaa jeeqameera. Kaaba Maalitti daldalli, tajaajilli uummataafi mootummaa guutummaatti danqameera.

Bara kana qofaa biyyattii keessatti namoonni 1,500 caalan du'uutu gabaafame.

Hawaasa kaaba Maalii

Madda suuraa, AFP

Keessumaa Kaaba Baha biyyattii bakka namoonni heddu buqqa'ee dahannoo keessa jirutti haalli jiru hammaatadha. Humni nagaa kabachiisaa UN bahuusaatin caalmatti kan miidhamu ammoo hawaasa naannichaati.

Waraanni Maalii yeroo dhiyoo as hidhattoota biyyattii keessa socho'an irratti olaantummaa ginfataan jira jedhus haleellaa hidhattoonni gaggeessan dhaabuu hin dandeenye.

Bara 2020 fonqolchaan aangoo kan qabate Koloneel Assimi Goita humni nagaa kabachiisaa UN haleellaa shororkaa hidhattoonni gaggeessan irratti tarkaanfii akka fudhataniif gaafataa turan. Garuummoo ergamni humna nagaa kabachiisaa UN Maalii keessatti lammiilee nagaa haleellarraa eeguu malee hidhattoota loluu miti.

Walii galtee bara 2015 godhameen gaheen loltoota UN lammiilee nagaa haleellarraa eeguu, deeggarsa namoomafi tajaajila uummataa deeggaruu ture. Akkaataa walii galtee sanaan hidhattoonni saba Tuwaareg kaaba Maalitti fottoquuf lolan mootummaan giddu galeessaa aangoo naannichaafis yoo qoode Maalii akka biyyasaanitti fudhatanii itti fufuuf walii galanii turan.

Hojjataa UN

Madda suuraa, AFP

Itti gaafatamummaa hodhattoota haleellaa shorokaa raawwatan loluu fudhatee kan ture waraana Faransaayi ture. Haa ta'u garuu Maalin hidhattoota Waagnar galchuuf jecha loltoonni Faransaayi biyyattii gadi dhiisanii akka bahan goote.

Loltoonni Faransaayi akka bahan erga gootee booda, ammammoo humni nagaa kabachiisaa UN hatattamaan gadidhiisee akka bahu Maalin ajajjee jirti. Haa ta'u garuu Manni Maree Nageenyaa UN ji'a jaha keessatti humnoonni nagaa kabachiisaa akka bahan murteessera.

Maalitti Koloneel Assimi Goita humnaan aangoo qabachuu hordofee walitti dhufeenyi biyyattiin humna nagaa kabachiisaa UN qofaa osoo hin taane biyyoota lixaa waliin qabdu qabbanaa'aa deeme. Biyyoota ollaa irraayis Maalin amanamummaa baay'ee dhabaa jirti. Deeggarsa nageenyaf amma fuulashee gara garee Waagnaritti deefatte.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub