Search This Blog

Rabu, 02 Agustus 2023

Hattoonni suufii uffatan meeshaalee faayaa doolaara mil. 10 ol baasu saaman - BBC

Mana warqee

Madda suuraa, Reuters

Dhiirota suufii uffatan lamaafi dubartiin wandaboo uffatte dukkaana faayaa beekamaa magaalaa guddoo Firaans, Paariis jiru saaman.

Faayaan saamanis doolaaar miiliyoona 10 ol kan baasudha jedhu gabaasoti.

Saamtonni kunneen shugguxii harkaa sagalee hin qabne fayyadamuun dukkaana faayaa Piyaazhee jedhamu Paariis kan daandii Rue de la Paix jedhamu irratti argamu saaman.

Hojjettoonni dhaabbatichaa lafarra akka ciciisan taasifamuu maddi poolisii marsariitii Laa Paaariiziyaanitti himeera.

Eragsii saamtonni kunneen miilaan achii kutaniiru.

Abbootiin alangaa faayaan girgijjii agarsiisaa irraa hatame Yuroo miiliyoona 10 hanga miiliyoona 15 ni baasa jedhan. Hamma yoonaa namni miidhamuun hin gaabafamne.

Poolisiin addaa BRB saamichaa hidhannoodhaan taasifamu qoratu dhimma kana qulqulleessuu jalqabeera.

Baatii sadii duras dukkaanni warqee Bulgaarii jedhamu kan daandii Place Vendôme irratti argamu hattoota hidhatan sadiin saamamee ture. Jarris doqodoqqee lamaan achii badan.

Daandiiwwan Rue de la Paix and Place Vendôme jedhaman Paariis keessatti dukkaanawwan warqee isaaniin beekamu. Piyaazhee hattoonni saaman uffata faashiniin wal-simu kan keewwatani dha.

Gabaasoti Paariis irraa bahan dhiiroti lameen suufii daalacha dubartittiin ammoo bolaalee gurraachaa fi wandaboo magariisa uffattee turte.

Waldaan faayaa fi sa'aatii Firaans Sandrine Marcot saamichi kuni akka isaan yaaddessu dubbatan, ''Waggoota darban keessatti saamichi mana warqee kanaa hir'isaa dhufus, erga Kooviidii waggoota lamaan darbanitti lakkoofsi isaa dabalaa jira, ''jechuun French TV'tti hime.

Adblock test (Why?)

Tidak ada komentar:

Posting Komentar

Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process - PM Scheme Hub

[unable to retrieve full-text content] Apun Bahan Scheme Assam 2024: Eligibility, Required Documents and Application Process    PM Scheme Hub