Search This Blog

Senin, 29 April 2024

SOBA: Viidiyoon TikTok kun kan hawaasni Oromoo dirqiin Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan taasifaman… - PesaCheck

Mul’anni kun kan godaantoota gara daangaa Amerikaatti imalaan kan agarsiisudha.

Viidiyoon TikTok, kan miseensonni saba Oromoo dirqiin Somaaliyaa gadhiisanii bahan jedhame kun SOBA.

Barreeffamni Afaan Amaaraa suuricha waliin jiruus “ Itoophiyaanonni dhalattoota saba Oromoo ta’an Somaaliyaa gadhiisanii akka bahan dirqisiifamaa jiru. “ jedha.

Himannaan kun kan naanna’uu eegale, Itoophiyaan buufata doonii Galaana Diimaa Barbaraa fayyadamuuf Somaaliilaand naannoo Somaaliyaa irraa addaan baate waliin waliigaltee jalqabaa erga mallatteessitee booda.

Itti aansuudhaaniis gorsaan olaanaa pirezidaantii Somaaliyaa Itiyoophiyaan Somaaliilaandiif beekamtii akka hin kenninee fi buufata doonii akka hin ijaarre ittisuuf biyyittiin waraana seenuuf qophii ta’uu akeekkachiisaniiru.

Haa ta’u malee, bu’aan barbaacha Google reverse image suuraa iskiriinii viidiyoo kanarraa argame kan godaantota gara daangaa Amerikaatti imalaa turan ta’uu mirkaneesseera.

Viidiyoon kun barruu mata duree, “ ‘Nuti Hojjettoota Idil-Addunyaati!’ Godaantonni hedduun gara daangaa Amerikaatti qajeelaan. “ jedhu cinatti amajji 4,bara 2024 marsariitii kana irratti marsariitii kana irratti maxxanfameera.

Barreeffamni kun akkas jedha:”Suuraan rifachiisa goodaantonni kumaatamaan lakkaa’aman gara daangaa Amerikaatti yeroo imalaan agarsiisu aarii guddaa kaaseera. “

Viidiyoon kun GBN’n Amajjii 4 bara 2024 maxxanfameera.

PesaCheck viidiyoo TikTok, kan sabni Oromoo dirqiin Somaaliyaa gadhiisanii bahan jedhu kana gadfageenyaan qorachuun Soba ta’uu isaa mirkaneesseera.

PesaCheck maxxanfansa X (duraan Twitter) irratti suuraa waliin jiru , kan Xiyyaara Humni Qilleensaa Turkii Fulbaana 2024tti meeshaalee waraanaa gara Somaaliyaa Moqaadishootti geessu jedhu kana gadi-fageenyaan qorachuun SOBA ta’uu isaa mirkaneesseera.

Maxxansi kun qaama hojii dhugaa baasuu PesaCheck itti fufiinsaan hojjechaa jiruu tahee, maxxansaalee Facebook fi miidiyaalee hawaasaa kan biroo odeeffannoo sobaa qabaachuutiin adda baafaman sakatta’a.

Facebook fi platfoormii midiyaalee hawaasaa biroo wajjin michoomina uumuudhaan, dhaabbileen dhugaa-baastuu qaama sadaffaa irratti hojjetan akka PesaCheck, hawaasni dhugaa fi soba akka adda baasuuf gargaaru. Kana kan hojjennu hawaasni maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti dhiyaatan ilaachisee haala uumame gad fageenyaan akka hubatu gochuudhaan.

Facebook irratti maxxansa odeeffannoo sobaa qabu argitanii beektuu? Kunoo haala kanaan gabaasuu ni danddeessu. Akkaataa itti PesaCheck hojii dhugaa-baasuu hojjetu ilaalchisee odeeffannoon dabalataa kunoo ti.

Sakatta’iinsi dhugaa kun kan barreeffame nama dhugaa sakatta’aa PesaCheck kan Itoophiyaa keessa jiruu (Maqaan sababa nageenyaaf jecha dhokfame) yoo ta’u, gulaalaa koppii Olaanaa PesaCheck Seediriik Iraakoozee fi gulaalaa olaanaa koppii itti aanaa Firaansiis Maawaniikiitiin gulaalame. Barreeffamni kun akka maxxanfamuuf gulaaltuu olaanaa PesaCheck Dooreen Waaniinaayinaah’n raggaasifameera.

PesaCheck Baha Afriikaa keessatti dhabbata dhugaa-baastuu faayinaansii hawaasaa isa eegalaa ti. Dhaabbatichi Kaateeriinii Gicheeruu fi Jastiin Arenestaa’intiin hundeeffamee, dhaabbata civik teknoolojii Afriikaa isa guddaa, Code of Africa qindeeffame. Hawaasni lakkofsoota addunyaa irratti dhibbaa fidan ilaalchisee dhugaa fi soba adda baasee akka hubatuuf hojjeta. Keessattiyyuu dhimmoota faayinaansii hawaasaa kanneen dhiyessii mootummootni misooma itti fufiinsa qabu (Sustainable Development Goal) kan akka eegumsa fayyaa, misooma baadiyyaa fi dhiyeessii bishaan qulqulluu ilaachisee raawwatan irratti xiyyeeffata. Akkasumas PesaCheck sirrummaa gabaasa miidiyaas ni qorata. Odeeffannoo dabalataa argachuuf pesacheck.org ilaalaa.

Follow Us
Like Us
Email Us
WhatsApp Us

PesaCheck abuura Code of Africa, karaa innovateAFRICA fund dhiyaate ta’ee, deggersa Deutsche Welle Akademietiin, michoomina qindoomina miidiyaalee Afriikaafi dhaabbilee qorqortuu mirga civikiiti.

Adblock test (Why?)

Sabtu, 27 April 2024

Nasir Bilal Khan tak kisah jadi bahan jenaka - Yahoo News UK

Nasir Bilal Khan tak kisah jadi bahan jenaka

14 Jan – Pelakon veteran, Nasir Bilal Khan tidak kisah dan tidak berkecil hati apabila wataknya dalam drama bersiri "Tanah Kubur" dijadikan bahan jenaka oleh sesetengah pelawak.

"Saya tiada masalah apabila ada pelawak yang menjadikan gaya percakapan lakonan saya dalam drama tersebut sebagai satu bahan jenaka kerana ia tidak membawa maksud apa-apa.

"Bagaimanapun jangalah sampai ia memberikan keburukan kepada saya atau penonton sudahlah," katanya kepada mStar.

Dalam pada itu, aktor berusia 54 tahun ini berkata, lakonannya sebagai Tok Adi dalam "Tanah Kubur" banyak memberi kesan dan pengaruh dari aspek kerohanian dalam kehidupan sehariannya.

"Sudah 13 musim bersama "Tanah Kubur" ia banyak memberi pengajaran dan kesan besar kepada kerohanian dan saya berharap penontonturut merasai perkara sama."
Dalam perkembangan lain, Nasir, bakal muncul dengan filem terbarunya "Laga" yang akan ditayangkan pada 23 Januari ini.

Adblock test (Why?)

Sabtu, 06 April 2024

Barattoonni Maqaleetti hiriira bahan 'poolisiin reebaman, hidhaman' - BBC.com

Barattoota hiriira bahan

Yeroo eebbaa irratti gaaffii qabatanii hiriiraaf daandiirra kan bahan barattoonni Yunivarsiitii Maqalee, poolisiin tumamuu fi hidhaan irratti raawwachuu BBCtti himan.

Waraana hamaa Tigraay adeemaa tureen, barnoota olaanaa waggoota lamaa oliif addaan kan citee ture bakka buusuuf, semisteerri dabalataa akka isaanii kennamu gaafachuun ture barattoonni kunniin gaafa Jimaataa hiriira kan bahan.

Poolisiin hirirri barattootaa kun hayyama kan hinqabnee fi seeraan ala akka tahe ibsuun bittimsuuf tarkaanfii fudhate. Kanaanis barattoota reebuu fi kanneen 20 tahan ammoo to'atamanii akka turan barattoonni BBC'n dubbise kun ni himu.

Barattoonni Yunvarsiitichaa sababa waraanaan yeroo barnootaa jalaa qisaasame bakka buusuuf, bara kanatti barnoonni seemisteera sadii kennameefii akka eebbifaman itti himamuu dubbatu.

Haatahu malee waadaan isaaniif seename kun duubatti deebi'uu isaatiin mufii qaban ibsachuuf daandiitti bahuu barattoonni lama hiriira kanarratti hirmaatan BBC'tti himaniiru.

Barattoonni yeroon isaanii qisaasame tilmaama keessa galuun, seemisteera dabalataa barachuun qormaata taa'anii, barana eebbifamuuf qophaa'aa akka turan himu.

Tahus barnoonni isaanii kan obba'uu fi eebbifaman bara dhufu akka tahe itti himame.

Dhimma kanarratti kan gaafanne daarektarri komunikeeshinii Yunivarsiitii Maqalee Dr. Tikaaboo GabraSillaasee, taatee hiriira barattootaan walqabatee dhimma mudaterratti odeeffannoo akka hin qabne himan.

Dabaluunis barattoonni yeroo eebbaa wajjin walqabatee gaaffii qabaachuu quba akka qabaniifi gaaffichis seera yunivarsiitichaan hiikamuu akka qabu BBC'tti himan.

Barattoonni BBC'tti dubbatan kun, gaaffii isaanii kana pireezidantii yunivarsiitichaa dabalatee bulchiinsaaf irra deddeebiin kaasanis deebii argachuu dhabuusaaniitiin, komii qaban dhageessisuuf mooraa ala bahuu himan.

Baanaroota gaaffilee qaban irratti barreeffaman qabachuun hiriira gubbaa otoo jiranuu, miseensonni poolisii magaalichaa akka bittinnaa'an akka ajajan himu.

Kanarra darbes reebuun akka isaan gargar baasaniifi gara samiittis dhukaasaa akka turanis kaasu.

Taatee guyyaa Jimaataa kanaan reebicha poolisiin barattoonni miidhaman, akkasumas 20 kan ta'an to'atamanii akka turan kan kaasan barattoonni kun, hanga BBC'n dubbisetti barattoonni torba hidhaa keessa jiraachuu himan.

BBC'n taatee kanarratti deebii argachuuf Biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii Naannoo Tigraay, akkasumas Poolisii Magaalaa Maqaleetti yaalii godhuus, hin milkaa'in hafeera.

Adblock test (Why?)

Kamis, 04 April 2024

Somaaliyaan ambaasaaddara Itoophiyaa ari'uun gabaafame - BBC.com

Ambaasaaddar Muktaar (bitaa) waggaa darbe xalayaa muudama isaanii Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Muhaammud yeroo dhiheessan

Madda suuraa, VILLA SOMALIA

Somaaliyaan Somaaliyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa, Muktaar Mohaammad Waaree, sa’aatii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan ajajje.

Manni Maree Ministeerotaa Somaaliyaa walgahii har’a gaggeesseen murtee kanarra gahuu Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa beeksiseera.

Ambaasaaddarichi akka bahan itti himamuu ibsichi eereera. Dabalataan, Waajjiraaleen Qontsilaa Itoophiyaa Haargeessaafi Gaarowee jiran guyyoota torba keessatti akka cufaman murtaa’uu ibse.

Akkasumas, Itoophiyaatti Ambaasaaddara Somaaliyaa kan ta’an mariif gara Moqadiisuu waamamuus Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ibseera.

Tarkaanfiin kuni kan fudhatame birmadummaa, tokkummaa, walabummaafi daangaa Somaaliyaa kabachiisuuf akka ta’e ministeerichi ibseera.

Dhimma kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti ammatti jedhame hin jiru.

Dhimma murtee kanarratti Rooyitars Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Nabiyyuu Tadlaa gaafatuus odeeffannoo hinqabu jechuu isaanii gabaaseera.

Itoophiyaan baatii sadii dura bulchiinsa Somaaliyaarraa walabummaa labsatte Somaalilaand waliin dhimma ulaa galaanaa erga waliigalte booda hariiroon Somaaliyaa waliin qabdu muddama seeneera.

Lammiileen Itoophiya Somaalilaand jiraatan waliigalteen biyyoota lameen gidduutti mallatteefamuu hordofee miidhaan irra gahaa jiraachuu kana dura BBC'n odeeffatee ture.

Akka murtee kanaan wajjirri qontsilaa Puntilaandiifi waajjiraalee qontsilaa lama Somaalilaanditti argaman ani cufamu.

Mootummaan Somaaliyaa erga waliigalteen raawwatee ji’oonni lakkaa’ame booda murtee kanarra akkamiin akka gahe hin beekamu.

Murteen Somaaliyaa kuni tibbana Somaaliyaaf beekkamtii dhowwachuu kan labsatte Puntilaand tibbana jila gara Itoophiyaa erga ergitee booda dhagahame.

Ministirri Maallaqaa bulchiinsa hamma tokko of bulchitu Puntilaand guyyaa Roobii daawwannaaf Finfinnee seenuun Ministir Di’eetaa Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin mari’ataniiru.

Mootummaan Itoophiyaa waajjiraalee qontsilaa Somaalilaandiifi Puntilaand keessaa qabdu akka cuftu murtaa’uun isaa rakkoo Somaaliyaan bulchiinsota kana waliin qabdu kan akeekudha.

Somaaliyaatti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta’an Muktaar Mohaammad kana dura waa’ee Somaaliyaa wanti miidiyaatti dubbatan mormii kaasee ture. Isaaniis boodarra dhiifama gaafataniiru.

Akkaataa Itoophiyaan Somaalilaand waliin raawwatteen Itoophiyaan qarqara galaanaa 20km bal’atu ni argatti.

Itoophiyaan bakkee kanatti buufata humna galaanaa akka hundeessituufi Somaalilaandiif beekamtii ni kenniti jedhamuu isaa hordofe Somaaliyaan mufii guddaa dhageessiste.

Dhimmichas Gamtaa Afrikaa darbees Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin geesseetti.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti akka hin hirmaanne humnoota nageenyaa Itoophiyaan dhorkame jedhuun isaanii dhimmicha hammesseera.

Itoophiyaan himannaa kana mormiteetti.

Jilli Somaaliyaa humnoota nageenyaa mootummaan ramadeef hin fudhadhu jechuun eegdonni isaanii meeshaa waraanaa hidhatanii bakka yaa’iin adeemsifamutti seenuuf yeroo jedhan qaamolee nageenyaa Gamtaa Afrikaan dhorkamuu ibsite.

Manni Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii si’a lama dhimma kanarratti mari’ateera.

Marii UN kanarratti bakka bu’aan Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaa Somaalilaand waliin raawwatte ‘waraana labsuun qixxaata’ jechuun Itoophiyaan daangaa Somaaliyaa fudhachuufi jechuun himataniiru.

UN’tti bakka bu’aan Itoophiyaa himannaa Somaaliyaa mormuun qeeqaniiru.

Waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin irra geesse waan kana dura hin turre miti, adeemsa idil-addunyaas kan faallessu miti jechuun Itoophiyaan mormiteetti.

Waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliyaa akkuma ifa ta’een biyyoonni addunyaa adda addaa birmaadummaan Somaaliyaa kabajamuu qaba jedhanii ibsaa turan.

Adblock test (Why?)

Senin, 01 April 2024

Israa'elitti namoonni kumaatamaan mootummaa mormuun hiriira bahan - BBC.com

Mormii mootumaa Israa'el.

Madda suuraa, Getty Images

Israa'eeliitti wal-qoodinsa siyaasaa akka malee jabaa tahe amma addabaabaayitti deebi'ee mul'achaa jira.

Yeroo Hamaas Onkololeessa 7 kibba Israa'elitti haleellaa raawwate garaagarummaan kun moggaatti kaa'amuun waliin dhaabbatanii turan.

Ji'a jahaan booda garuu Israa'eliitti namoonni kumaan lakkaa'aman mormiif daandiitti bahaniiru.

Waraanni kun Ministara Mummee biyyattii Benjaamiin Netaaniyaahuu aangoorra yeroo dheeraaf turan buusuuf humna isaaniif taha.

Yeruusaalemitti poolisiin namoota hiriiraaf bahuun daandii gurguddaa cufan bittinsuuf bishaan foolii xiraa qabu itti biifeera.

Hogganaan biyyattii kun aangoorraa akka bu'aniif dhaadannoowwan gaafataniifi lammiileen Israa'el 130 Hamaasiin butamanii jiran, kan lakkoofisi isaanii hangas hin jedhamne akka du'anitti yaadaman, akka gadhiifamiif waligalteen akka taasifamu gaafatu.

Kaatiyaa Amorzaan ilma waraana Israa'el Gaazaatti bobba'e keessaa tajaajilaa jiru qabdi. Dilbata kalee kanneen daandiitti mormiif bahan keessaati.

''Ganama sa'atii lamaa qabee asan jira. Netaaniyaahuu sittan akka asii deemtuufi deebitee hin dhufnen barbaada. Tikeetiisaa ani nan siif kaffala,'' sagalee guddistuu ishee battalaaf lafa keessee.

''Dabalataan namoota mootummaa isa waliin jiran, namoota badaa hawaasa keenyaa tokko tokkoon filate hundas fudhatee haa deemu,'' jetti.

Raabaayin(barsiisaa amantii warra Juu) Yihuudaa Giliik, Kaatiyaa bira darbaa kadhanna amantichaaf mana sagadaa Temple Mount'duula geggeessa. Iddichi Yeruusaalemitti iddootti masjiidni qulqullaa'aa al Aqsaa argamu dha.

Giliik hiriirtonni diinni isaanii inni sirriin Hamaas tahuu irraanfataniiru, ministira mummee Netaaniyaahuu miti jedhu.

''Dhufanii haa morman, daandiitti haa bahan waan itti dhahamu ifatti haa dubbatan garuu sarara qal'oo demookiraasiifi seer-maleessummaa akka hin qaxxaamurree of eeggachuu qabu,'' jedhan.

Warri mormiif daandiitti bahan akkasumas qeeqxonni Netaaniyaahuu garuu diinoti demookiraasii mootummaa keessa jiru jedhanii amanu.

Mormitoota Israa'elitti daandiitti bahan.

Madda suuraa, Getty Images

Beenjaamiin Netaaniyaahuu namni Israa'eliin tiksu isa qofa akka tahe himaa ture. Lammiileen Israa'el baayyees isa amananii turan.

Fiilisxeemota akka abboomu, lafa biyyaaf barbaadan irratti Yihudoota akka qubachiisu kanas aarsaa malee akka godhu himee ture.

Haa tahu malee Onkololeessa 7 erga Hamaas daangaa ce'ee haleellaa raawwateen booda waan hundi jijjiirame.

Lammiileen Israa'el qaawwa eegumsaa nageenyaa Hamaas akka Israa'el haleelu eeyyameef gaafatamaadha jedhuuni.

Yeroo momitoonni daandiirra jiran kanatti filannoon as dhiyaatee akka geggeeffamu waan jedhu fa'i kuffisuun Hamaas irratti haleellaa haaraa banuuf kutannoo agarsiisaa jiru.

Mormitoonni isaa filannoon yeroosaa dursee akka adeemsifamu barbaadanillee, kanneen itti cichanii isa deeggaran garuu irraa deebiin filannoo akka mo'atutti eegu.

Lammiileen Israa'el Hamaas balleessuu irratti garaagarummaa hin qaban. Waraanni amma adeemaa jiru kunis deeggarsa isa yaadamuun caalaa qaba.

Haa tahu malee akkaataa waraanichi adeemaa jiruufi namoota butaman gadhiisisuu hanqachuu iraatti Beejaamiin Netaaniyaahuu irratti dhiibbaa geessisaa jira.

Adblock test (Why?)

Frances Bahan Obituary and Online Memorial (2011) - Legacy.com

[unable to retrieve full-text content] Frances Bahan Obituary and Online Memorial (2011)    Legacy.com